Kovid sodaa fayyaa addunyaa tahuu hafuusaa WHOn labse

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) amma booda Covid-19 "sodaa fayyaa addunyaa" tahuunsaa hafeera jechuun labse.

Murteen kunis tarkaanfii weerara kanatti xumura gochuuf sadarkaa guddaa tahuunsaa kan himame oggaa tahu, kunis vaayirasichi sodaa tahuunsaa erga himamee waggaa sadiin booda dhagahame.

Qondaalonni fayyaa akka jedhanitti weerarri kun wayita hammaatee ture Fulbaana 2021tti, duuti vaayirasiin kun geessisu torbanitti 100,000 ol ennaa tahu, Eebla 24 baranaa irratti 3,500 ol tahuunsaa himameera.

Hoogganaan WHO weerara kanaan yoo xiqqaate lubbuun miiliyoona torba darbuu himaniiru.

Haa tahu malee Dr Tedros Adihaanom, lakkoofsi du'aatii inni sirrii miiliyoona 20tti akka siqu dubbatan. Dabaluunis vaayirasichi ammallee sodaa cimaa tahuunsaa itti fufa jedhan.

"Kaleessa Koreen Yeroo Balaa marroo 15ffaaf walgahuun, sodaa fayyaa idiladdunyaa tahuusaa akkan dhaabu yaada furmaataa naa kennaniiru. Anis gorsa isaanii fudhadheera.

Kanarraa kahuunis abdii guddaadhaan, Kovid-19 sodaa addunyaa tahuu dhabuusaa nan labsa," jedhan Dr Tedros.

Dabaluunis murteen kun kan irra gahame ofeeggannoon yeroo dheeraaf ilaalamee, akkasumas ragaa irratti hundaa'ee tahuus dubbatan.

Haatahu malee akeekkachiisni olaanaan kun kahuunsaa, balaan tasumaa hinjiru jechuu miti jechuunis dubbatan. Yoo haalli amma jiru kan jijjiiramu tahe, sodaa tahuusaatti deebi'us ni mala jedhaniiru.

"Biyyi kamuu oduu dhagahame kana bu'uura godhachuun ofeeggannoosaa keessaa bahuu, sirnoota to'annoof lafa jiran diiguu, yookiis uummata isaaf Covid-19 waan itti dhimmamtan miti jechuun ergaa dabarsa taanaan - murtee sirrii miti," jechuunis ergaa dabarsan.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) Kovid-19 sodaa fayyaa uummata addunyaati (PHEIC) jechuun jalqaba kan labse Fulbaan 2020 keessa ture.

Kunis sochiin qindaa'aan idil-addunyaa akka jiraatuufi uummatas vaayirasii haaraa kanarraa akka eegamaniif kan karraa saaqe ture.

Amma booda biyyoonni addunyaa biyya isaanii keessatti Kovid haala kamiin to'achuufi ittisuu akka qaban ofiisaanii kan murteessan taha.