Sababoota torba Ameerikaan waraana Veetinaam irratti mo'amteef

Madda suuraa, Getty Images
Waraana Addunyaa Lammaffaa booda US dorgomaa malee diinagdee addunyaa to’attee turte; humna waraanatiinis akkasuma.
Haa ta’u garuu waggoota saddeet guutuu maallaqaafi humna namaa guddaa itti kasaarun hidhattoota Veetinaam Kaabaa ykn Veet Koongis jedhaman waraanaa turtee booda mo’amte.
Kanarraa ka’uun Bitootessa 29, 1973 US mo’amtee guutummaatti Veetinaam keessaa baate. Kuni erga ta’ee gidduu kana waggaa 50 guutera.
Waggaa 50ffaa US Veetinaam gadi dhiistee baaten wal qabatee maaltu mo’amuu US’f sababa akka ta’e BBC’n xinxaaltota lama dubbisuun odeeffateera.
Yeroo Waraana Ololaa akka malee finiine keessa addunyaan garee kaappitaalizimiifi komunizimiitti qoodamuun wal gaarreefataa turte.
Biyyi Faransaay Waraana Addunyaa Lammaffaa booda kufaatii diinagdee ishee mudateen biyyoota Indo-Chaayinaa kolonii ishee turan to’achuu hin dandeenye.
Veetinaamis bakka lamatti qoodamte: Kaaban koministiifi Kibbaan mootummaa US'dhaan deeggaramutti.
Faransaayi mo’amtee achii bahuu hordofee, Veetinaam guutuun koministii yoo taate biyyoonni naannoo sanaas ilaalcha kana hordofu sodaa jedhuun US waraana lammiilee miliyoonan galaafatee keessa seente.
Ofii US- biyyi humna waraanaa adddunyaarratti morkataa hin qabne qabdu- akkamitti riphee loltoota Veetinaamin mo’amtee biyyattii gadi dhiistee baate?
Xinxaaltonni BBCn dubbise sababa ijoodha kan jedhan qabxii torba akkanatti kaa’u:
Hojichi akkaan guddaa ture
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Yeroo waraanichi akka malee hammaatee tureti lotoonni US walakkaa miliyoonaa ta’an Veetinaam keessa turan.
US waraana kanarratti loltootashee gabbaruu qofa osoo hin taane dolaara biliyoona 686 ol itti baaftetti. Maallaqni kun har’atti dolaara biliyoona 950tti herreegama.
US Waraana Addunyaa Lamaffaarratti baasii kana dacha afur baastee garuu mo’attee turte.
UKtti kan argamu University of St Andrews tti qorataa imaammata biyya alaafi waraanaa US kan ta’e Dr Luke Middup waraanicha gara jalqabaarra ofitti amanamummaan akka ture hima.
"Mootummaan US hanga bara 1968tti nan mo’adha jedhee yaada ture,” jechuun BBCtti hime.
Garuu akka yaadan hin taane. Keessumaa humni riphee loltoota Kaaba Veetinaam Veet Koong jedhamuun beekamu haleellaa cimaa gaggeessun US nan mo’adha isa jedhu shakkii keessa akka galtu ishee taasise.
Dhumaratti manni maree US waraana kanaaf kan oolu maallaqa raggaasisuu waan dideef bara 1973tti Ameerikaan waraanashee Veetinaam keessaa baaste.
Waraanni US lola riphee lotummaaf kan ta’u miti
Fiimiwwan Hooliwuud irratti loltoonni US gara itti goran wallaalanii bosona keessa otoo jooranuu, riphee loltoonni Veet Koongs akka garaa isaanitti bosona gobbuu keessa osoo socho’anuu yeroo heddu agarsiisa.
Loltoonni US hedduun isaanii haala bosona akka Veetinaam keessatti loluu kan danda’an akka hin taane kaasa Dr Luke Middup.
Gama biraan ammoo riphee loltoonni Veetinaam haalafi bakka lolaa isaanif mijatu filachuun haleellaa erga gaggeessanii booda gara daangaa biyoota akka Laa’osfi Kamboodiyaatti baqachuun isaan gargaaruu dubbata Dr Luke.
Loltoonni US garuu hanga daangaa biyyoota kanaatti hordafanii akka hin lolle dhorkamaa turan.
Pirofeesar Vuu ammoo mo’amuu Ameerikaaf sababni riphee loltoota Veet Koongs irratti xiyyeeffattee loluu akka ta’e kaasa.
US waraanicha manumatti mo’amte
Waraanni kun “waraana miidiyaa isa jalqabaa” jedhamuun beekama. Miidiyaalen biyyattii iddoo guddaa itti kennuun gabaasaa turan.
Bara 1966tti 93% kan ta’u mana nama hundaa keessa TVn jira. Haalli miidiyaalen waraanicha itti gabaasaa turanis gulaallin heddu osoo hin godhamin waan dirree waraanaa Veetinaamitti ta’u akkuma jirutti ture.
Keessumaa lola magaala guddoo Veetinaam , Saayiganitti kan argamu mooraa Embasii Ameerikaa keessatti godhamu miidiyaadhan lammiilee Ameerikaa bira gahuun naasuu guddaa uume.
Lotoonni Veet Koongs waraana Kaaba biyyattii ture gara gidduu Kibba biyyattiitti dhiibanii akka fidan lammiilen Ameerikaa karaa gabaasa miidiyaalen hubachuu eegalan.
Lammiilen nagaan du’an, reeffi isaanifi gidiraan namootarra gahu karaa foddaa TVfi gaazexaawwanii guutummaa US dheekkamsa kaase.
Guutummaa UStti mormiin dhohe. Caamsaa 4 bara 1970 mormii waraana kana mormuuf Kent State University tti bahame irratti barataan tokko ajjeefame.
Kuni ammoo caalmatti mormiin akka jabaatu gochuun mootummaan loltoota Veetinaam keessaa akka baasu dhiibban cime.
Waraana kanaan US loltoota 58,000 ta’an dhabde. Kuni ammoo mootummaa Kaaba Veetinaamif carraa guddaa akka ture hima Prof. Vuu.
“USfi mootummaan Veetnaam Kibbaa akka kan warra Veetinaam Kaabaa hamilee ittiin lolaniifi ilaalcha uummataa jijjiiran hin qaban turan.
Warri Komunistii piroppogaandaa cimaa qabu, nama yaada isaanii mormu kallattiin mana hidhaatti ergu turan.
Daangaa hunda cufuun kan isaanin mormu hunda ukkaamsaa turan,” jedha.

Madda suuraa, Getty Images
US garaafi sammuu lammiilee Veetinaam keessattis ni mo’amte
US loltoonni Koministii akka keessa hin dhokanneef jettee keemikaalli summaa’an ittiin bosona balleessuf fayyadamte deebi’ee lammiilee Veetinaam Kibbaas akka malee miidhe. Midhaan akka hin biqille gochuun beelaf isaan saaxile.
Addumatti baadiyyaa keessatti loltoonni US akka diinatti akka ilaalaman isaan taasise. Dr. Luke akka jedhutti lammiilen Veetinaam hedduun isaanii waraanni akka hafu barbaadu ture.
Gama biraan ammoo gidiraa uummata irra gahuun fudhatamummaan US lammiilee Veetinaam biratti qabdu baay’ee gadi bu’e. US garaafi qalbii Veetinaam keessatti mo’amte jechuun ibsa Prof. Vuu.
Warri koministii hamilee caalu qabu turan
Xinxaalan imaammataa alaafi waraana US kan ta'e Dr Luke Middup akka jedhutti namoonni garee koministii waliin hiriiranii lolan kan warra Veetinaam Kibbaafi US waliin lolalii caala mo'achuuf hamilee cimaa qabu ture.
Qorannoon Ministeerri Ittisaa USfi Rand corporation gaggeessan akka agarsiisutti hidhattoonni Veet Koong Veetinaam mootummaa tokko jalatti buluu qabdi jechuun gootummaan lolaa turan.
Loltoonni Veet Koong miidhamnifi du'aatin heddu irra gahus hamileen isaan waraanicha mo'achuuf qaban kan loltoota Ameerikaafi Veetinaam Kibbaa harka heddu akka caalu agarsiise qorannoon kun.
Waraana kanarratti loltoonni Veet Koong miliyoona 1.1 ol du'aniiru. Isaan garuu fedhii waraana kana mo'achuuf qabaniin loltoota isaanii haaraa leenjisuun bakka buufatu turan.
Prof. Vuu piroppogaandan warra Veet Koong cimaa ta'uufi mo'achuu akka isaan dandeessise amana.
Mootummaan Veetinaam Kibbaa dadhabaafi hannaan kan guutame ture
Rakkoo guddaa mootummaa Veetinaam Kibbaa mudate keessaa fudhatummaa dhabuufi gita bittaa durii waliin hidhata qabaachuu akka ta'e kaasa Dr. Luke Middup.
"Yeroo hundumaa garaa garummaan Veetinaam Kaabafi Kibbaa hundee kan hin qabneefi Waraana Hololaatin kan uumameedha.
Veetinaam bakka lamatti cabsuuf garaa garummaan afaanii, aadaa ykn sabaa hin turre," jedha.
Mootummaan Veetinaam Kibbaa amantii Kaatolikiin kan dhuunfatameefi biyoota lixaa kan akka Pirezidaant Joon F. Keneedii waliin michummaa jabaa qaba ture.
Amantiin Kaatolikii Veetinaamitti hordoftoota muraasa qabaatus biyyoota Lixaa irraa deeggarsa cimaa argata. Biyya keessatti ammoo beekamtiifi deeggarsa akka hin arganne taasise.
Waraanni US walakkaa miliyoonaa ta'an Veetinaam keessa jiraachuurraa kan ka'e mootummaan Veetinaam Kibbaa uummata caalaa humnoota alaarratti maxxanuun ammoo rakkoo caaluf isa saaxile.
US fi Veetinaam Kibbaa rakkoo warri Veetinaam Kaabaa hin qabnetu mudate
Profeesar Vuu akka jedhutti gaggeessitoonni US kufaatiin isaanii Veetinam irratti dhoobuu barbaadan.
"Kufaatii isaanif nama itti qabatan barbaadan, salphaatti komachuuf kan isaanif tolu ammoo Veetinaam Kibbaati," jedha.
"Malaammaltummaa heddutu ture, garuu ammoo waraanarratti akka mo'amaniif kan isaan geessisu hin turre.
''Hanqinaafi waraanarratti kufaatii garee loltoota tokko tokkoof sababa ta'eera. garuu akka walii galaatti loltoonni Veetinaam Kibbaa akka gaaritti lolan," jechuun falma.
Veetinaam Kibbaa waraanicharratti loltoota kuma 200,000 hanga 250,000tti dhabdeetti.
Silaa kan gochuu qabdu, deeggarsa US waliin guutummaan waraanarratti xiyyeeffachuu qabaachuu akka turte eera prof. Vuu.
Hamilee waraana mo'achuuf qaban dabalatee warri Veetinaam Kaabaa- loltoonni Veet Koong akka USfi Veetinaam Kibbaa kufaatidhaaf nama komatan hin qaban.
Dabalataan ammoo Chaayinaafi Raashiyaa irraa deeggarsa jabaa argataa turuun isaanii mo'achuun Veetinaam akka tokko godhan isaan gargaarera.












