Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Pirezidantiin Biraazilii dorgomaasaa mana hidhaatii baheen injifatan
Filannoo pirezidantii Biraaziliin pirezidantiin biyyattii Bolsonaaroon dorgomaa isaanii kan mana hidhaatii bahanii dorgomaniin injifataman.
Filannoo morkiin cimaa taasifameen Lula da Silvaan sagalee kenname keessaa 50.9% argachuun mo’an.
Kana jechuun Lulaan yeroo sadaffaaf biyyattii bulchuuf deemu jechuudha. Kana dura bara 2003 - 2010 biyyattii marsaa lamaan bulchaniiru.
Deggartoonni Bolsonaaroo garuu nami isaan deeggaran filannoo akka injifatan abdatanii turani.
Lulaan filannoo xumuraa bara 2018 gaggeeffameefi Bolsonaaroon injifatan irratti hin dorgomne.
Kunis sababa mana hidhaa seenaniifi dorgomuu dhorkamaniifi.
Sababi kunis dhaabbati konistiraakshinii hojii dhaabbata mootummaa boba’aa baasu, Petrobras, akka argatu waan taasisaniifi matta’aa kennuun waan irra gahamefidha.
Dorgommiitti deebi’u isaanii dura guyyoota 580 mana hidhaatti dabarsani.
''Jiraatti na owwaaluuf yaalani, kunoo as gaheera,’’ jedhan injifannoo isaanii yoo labsan.
Jalqabarra Bolsonaaroon filannoo akka injifatan ragaaleen agarsiisaa turan. Ta’us, sagaleen itti morkattoonni lamaan wal caalan xiqqaataa adeeme.
Jeeyir Bolsonaaroon filannoo mo’amanis garuu miseensonni mana maree isaanitti dhihaatan Kongirasii keessatti sagalee caalmaa argataniiru.
Kana jechuun Lula da Silvaan morkii cimaatu isaan eeggata jechaadha.
Lulaan kana dura marsaa lamaan biyya bulchaniiru.
Jeeyir Bolsonaaron injifatamuu isaanii ammatti ifatti hin amanne.
Lulaan eenyu:
- Maanguddoo ganna 77
- Siyaasa bitaa caalsifatu (left wing)
- Kana dura hojii sibiilaa dalagu
- Bara 2003 – 2010 Pirezidantii turan
- Bara 2018 hidhaman, boodarra murtiin jijjiirame
Bolsonaaroon eenyu:
- kan Umuriin ganna 67
- Siyaasa mirgaa caalsifatu (far right)
- Ajajaa waraanaa duraanii
- Yeroo lammataaf filannoo dorgomani
- Siistama filannoo elektironikii Biraazil irratti shakkii ibsataa turan