Liibiyaatti mormitoonni gamoo paarlaamaa cabsanii seenan

Hiriirtota

Madda suuraa, Reuters

Baha Liibiyaa magaalaa Tobrukitti mormitoonni gamoo paarlaamaa cabsanii seenuufi gariin abidda itti qabsiisuun gabaafame.

Suuraaleen intarneetii irratti maxxanfaman mormitoonni gamoon alatti gommaa ennaa gubaniifi aarri wayita aaru mul'isu.

Magaalota Liibiyaa kaan keessattis addaan ciccituu elektrikaa, qaala'insa jireenyaafi muddama siyaasaa mormuun hiriirri bahameera.

Magaalaa guddoo biyyattii Tiripoolii bulchiinsi morkataa bulchu keessattis, mormitoonni filannoon akka gaggeeffamu gaafataniiru.

Gaaffiin isaan dhiyeessan kanas hoogganaa mootummaa waliinii yeroo Abdul Hamid Dbeibah deeggaraniiru. Jaarmiyaaleen biyyattii hunduu jijjiiramuu qabu jedhan qondaalli kun.

Hokkorri kun kan dhagahame erga Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii-UN Jenevaatti marii filannootti geessu taasisee guyyaa tokkoon booda. Mariin sunis waan abdachiisaarra otoo hin gahin goolabame.

Liibiyaan 2011tti mormii Nato'n deeggarameen bulchaa yeroo dheeraa biyyattii kan turan Kolonel Mu'aammar Gaadaafiin erga aangoorraa gugsamanii booda nageenyi irraa fagaateera.

Biyti boba'aan badhaate kun, yeroo tokko Afrikaa keessaa sadarkaa jireenyaa isa olaanaa jedhamu kan qabdu turte, tajaajilli fayyaa fi barnoonni bilisa ture.

Yeroo ammaa biyyi kun godaantonni kumaatamatti lakka'aman gara Awurooppaatti cehuuf akka daandii ijootti kan itti fayyadamanidha.

Haa tahu Liibiyaan amma tasgabbii hin qabdu, magaalaan guddoo biyyattis waraana humnoota walmorkan gidduutti raafamti.