Ameerikaan Itoophiyaatti sarbami mirgaa jabaa raawwate jechuun isa labsite kaafte - Miidiyaa US

Itoophiyaa keessatti sarbami mirgaa jabaa raawwateera jechuun yeroo waraana kaaba Itoophiyaa isa labsite kaaste jechuun miidiyaan US gabaase.

Bulchiinsi Baayidan Itoophiyaa keessatti yeroo ammaa ''sarbami mirga namoomaa jabaa raawwatamaa hin jiru" jechuun Seeneetii biyyattii beeksisuu barruu Foreign Policy jedhamuutu maddeen eeruun gabaase.

Haa ta'u malee, dhimma kana irratti gama mootummaa US wanti ifatti ibsame hin jiru.

BBC'n dhimma kana bulchiinsa US irraa adda baafachuuf gaafateera.

Akka gabaasa kanaatti, US labsii kana kaasuun Itoophiyaan deeggarsa diinagdee sababa waraanaan duraa qabde akka gadhiistu taasisa.

Dabalataanis, liqii dhaabbilee maallaqaa kanneen akka IMF fi Baankii Addunyaa irraa Itoophiyaan eegaa turte akka gadhiifamuf dhiibbaa uumuu mala.

Sababa waraana Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffameen Itoophiyaan sarbama mirga namoomaa guddaa rawwatteetti jechuun US labsitee Itoophiyaa irratti qoqqobbii garaa garaa keessee turte.

Dubbiin kuni mootummaan Itoophiyaafi TPLF lola dhiiga lammiilee hedduu dhangalaase waliigalteen erga dhaabanii ji'a saddeet booda dhagahame.

Ragaa Ministeera Maallaqaa US fi aangawoota dhimmicha beekan irraa argadhe jedhee akka barruun kuni gabaasetti, deeggarsi diinagdee US fi dhaabbilee idil-addunyaa Itoophiyaa akka qaqqabuuf murteen qoqqobbii kun akka ka'u ta'e.

Waraanni kaaba Itoophiyaa hariiroo Ameerikaafi Itoophiyaa gidduu waggoota dheeraaf ture hammeessee ture.

Eega waliigalteen nagaa kan US keessatti qooda fudhatte raawwatame as Itoophiyaan US dabalatee walitti dhufeenya biyyoota Lixaa waliin qabdu bakka waraana dura turetti deebisuuf tattaafataa jirti.

Sababa waraana kaaba Itoophiyaan Ameerikaan carraa daldalaa AGOA jedhamu keessa Itoophiyaa baastee turte.

Ameerikaanis Itoophiyaan 'sarbama mirga namoomaa guddaa' raawwataa hin jirtu jechuun murtee duraanii kaasuf kan dirqamte Itoophiyaa waliin walitti dhufeenya deebistee haaromsuuf akka ta'etu gabaafame.

Gama biraan ammoo bulchiinsi Baayidan murtee kana Itoophiyaarraa kaasuu itti ariifate jedhanii kan komatanis jiru jedha gabaasni kuni.

Sababni ammoo haalli qabatamaan Itoophiyaa keessa jiru ammayyuu Itoophiyaan mirga dhala namaaf eegumsa gahaa gochaa hin jirtu jedhuuni.

Baatii dura gareen mirga namoomaaf falmu Humaan Raayitis Waach erga waliigaltee nagaa boodas Lixa Tigraayitti 'sanyii balleessuun' raawwataa jira jechuun himateera.

Aangawoonni Itoophiyaa immoo kana mormaniiru.

Dabalataan US Itoophiyaan sarbama mirga dhala namaa raawwataa hin jirtu jedhee murteessun isaa bulchiinsi Baayidan Itoophiyaa waliin walitti dhufeenya qabu haaressuuf hammam barbaadaa akka jiru kan agarsiisudha jedha gabaasichi.

Itoophiyaafi Ameerikaan hariiroo dippilomasii waggoota 100 caalu qabu.

Ameerikaan sochii misoomafi nageenyaa Afikaatti taasiftuuf shoora Itoophiyaan nageenya Afrikaa eegsisuu keessatti qabduuf Itoophiyaa akka michuu jabduutti fudhatti.

Sudaanitti waraanni humna addaafi raayyaa ittisa biyyattii gidduutti ka'uu hordofee Itoophiyaan lammiilefi dippilomaatonni US karaa daangaashee akka Sudaanii bahan shoora taphatteef Baayidan mootummaa Itoophiyaa jajuun galateeffachuunsaanii ni yaadatama.