Waaqayyo yoo na amansiise malee filannoof dorgomuu hin dhiisu - Baayidan

Pirezidaantin US Joo Baayidan "Waaqayyo Guddaan" yoo na amansiise malee filannoo dorgomuu hin dhiisu jechuun dubbatan.

Baayidan kana kan dubbatan turtii miidiyaa ABC News wajjin Jimaata, Adoolessa 5 taasisaniin yoo ta'u, deebi'anii filannoorratti dorgomuuf qorannoo dandeettii yaaduu taasisuun bu'aansaa uummataaf haa beekamu gaaffii jedhus kufaa godhaniiru.

"Guyyaa guyyaan qorannoo dandeettii yaadun nan taasisa...waantin guyyaa guyyaan hojjadhu mataansaa qorannoodha," jechuun deebisan Baayidan.

Dhiyeenya falmii Doonald Tiraam wajjin gaggeessaniin dubbii toora galchanii dubbachuurraa kan ka'e dimokiraatonniifi ispoonsaroonni paartichaa tokko tokko dorgommii filannoo dhufuurratti nama biraa bakka buusun dirqama yaanni jedhu ka’uu eegale.

Joo Baayidan amma manguddoo ganna 81 ta’aniiru. Turtii ABC News waliin taasisaniin gaazexeessan miidiyichaa Isteefanopolos Baayidan dhuguma bara pirezidaantummaa dabalataa tajaajiluuf dandeettii qabaachuusaanii jabeessee gaafate.

“Filannoo kana ana mo’achuuf ana caala gahuumsa kan qabu waan jiru natti hin fakkaatu,” jechuun falmii torbee darbe Tiraamp waliin gaggeessan irratti gahuumsa gadaanaa agarsiisuf sababa kan ta’e imala karaa dheeraa deemun bututuu akka ta’e kaasan.

Dorgommii pirezidaantummaa kana irraa waanti isaan hambisu maal ta’uu akka danda’u irra deddeebin gaafatamanii: “Waaqayyo guddaan waaqarraa dhufee, “Joo [Baayidan] dorgommii kana keessaa bahi’ yoo naan jedhe dorgommicha keessaa nan baha. Waaqayyo guddaanis waaqarraa gadi hin bu’u,” jechuun deebisan.

Joo Baayidan gaaffilee dhiyaataniif kan torbee darbe falmiirratti deebisaniin caalatti bareechanii deebisaa turan. Garuu sagaleensaanii ammayyuu laaffataafi gidduu gidduun ciccita.

Erga Tiraamp waliin falmanii gahuumsa gadaanaa agarsiisanii namoonni hedduun Baayidan deebi’ee dorgoma moo ni dhiisa kan jedhu gaafataa turan.

“Deebin isaaniif qabu, dorgomee irra deebin mo’achuufan jedha,” jedhan. Joo Baayidan falmii Tiraamp waliin gaggeessaniin gahuumsa laafaa agarsiisanii maqaasaanii bade deefachuuf duula deeggarsaafi miidiyaatti dhiyaatanii af-gaaffii taasisuunsaanii jabeessanii jiru.

Baayidan duula deeggarsaa irratti argamanii haasaa taasisuuf yeroo jedhan, namoota isaan deeggaruuf bahan keessaa tokko barreeffama “Joo, aangoo dabarsii kenni!” jedhu qabattetti. Kan biraa ammoo, “Legaasii kee hin balleessin, dorgommii filannoo keessaa bahi!” kan jedhu qabataniiru.

“Kuni hundi ati dulloomtetta jechuu akka ta’e nan arga. Hojii miliyeena 15 yeroon uumu dulloomuu koo agarsiisaa. Idaa barattoota Ameerikaa miliyeena shanii yeroon haqu baay’ee dulloomen turee?” jechuun deebii kennan.

“Dhhuguma ani nama baay’ee dulloomee Doonald Tiraamp mo’achuuf hin dandeenyedhaa?” yeroo jedhan, deeggarttoonni isaanii ammoo “lakki” jechuun deebii kennaafii turan.

Baayidan dullumarraa kan ka’e mudannoon garaa garaa isaan mudateera. Miseensota paartiisaanii dabalatee Baayidan dorgommii kana keessaa bahanii namni biraa akka bakka bu’u dhiibbaa gochaa turan.

Baayidan garuu, “Waaqayyo waaqarraa dhufee na amansiisu malee” jedhanii didaniiru. Haati warraasaanii Jiil Baayidaniifi pirezidaantii ittaantuu kan ta’an Kamaalaa Haaris ji’a kana bakkeewwan garaa garaatti duula deeggarsa Baayidan qopheessuf mudhii hidhatanii ka’anii jiru.

Washingtan Post akka gabaasetti, gareen olaanon bulchiinsa Baayidan dhiibbaa keessoo paartii Dimokiraatotaa irraa dhufu quba akka qabuufi Baayidan filannoo kanarratti nama biraan bakka buusufi dhiisuu torbee ittaanu murteen ni godhama.

Dimokiraatonni afur Baayidan dorgommii filannoo keessaa akka bahaniif ifatti gaaffii dhiyeessaniiru.