Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Filattoonni %72 Baayiden rakkoo sammuu waan qabuuf ga'umsa pirezidantummaa hin qabu jedhan
Filannoo Ameerikaa gaggeeffamuuf ji'oonni muraasi hafan ilaalchisee dhimmi Pirezidantii biyyattii Joo Baayiden fi pirezidantii duraanii Doonaald Tiraamp ijoo dubbii ta'eera.
Keessattuu erga aanga'oonni lameen Kamisa darbe falmiisaanii jalqabaa taasisanii dhimmisaanii guyyuu mata duree oduu addunyaa ta'aa jira.
Dhimma aanga'oota siyaasaa gameeyyii kanarratti lammiileen biyyattiis yaada kennaa jiru.
Keessattuu dhimma umrii qondaaltota kunneenii irratti falmiin ka'aa jiru eenyu akka pirezidantii ta'uuf jiru murteessuufillee nama rakkisa.
Filannoon yaada uummataa gaggeeffame akka mul'isutti paartii Baayiden, warra Dimokiraatotaa, dabalatee namoota hedduu biratti ''haasaan qindoomina hin qabnee fi daddaaqamni dhaabbii Baayiden,'' kamisa darbe waltajjiirratti mul'ate yaaddoo uumeera.
Namni ofiifuu dubbii harkaa badee fi gatantaraa deemu pirezidantii biyyaa ta'ee itti fufuun yaaddoo namoota hedduu ta'eera.
Filannoon yaada uummataa CBS News/YouGov gaggeesse akka mul'isutti namoota yaada kennan keessaa dhibbeentaa 72 kan ta'an Baayiden rakkoo fayyaa sammuu fi rakkoo sirriitti yaaduu waan qabuuf kana booda akka pirezidantiitti tajaajiluuf ga'umsa hin qabu jedhan.
Dhimma Doonaald Tiraamp irratti filannoon yaada uummataa gaggeeffameen ammoo dhibbeentaan 45 namni siyaasaa kun ga'umsa akka hin qabne filatan.
Dhimmi umrii gameeyyii siyaasaa kunneenii- Baayiden 81, Tiraamp 78, falmii Kamisa darbe gaggeeffame durayyuu dhimma ijoo ture.
Falmii kanarratti garuu Baayiden harkaa haasaan baduu fi deebii kennuu dadhabuun dhimma umriinsaan walqabatu daran hammeesse.
Waahilllan paartii isaa (dimokiraatota) dabalatee akka kaadhimamummaa pirezidantii gadhiisu gaafataa jiru.
Maatiinsaa garuu akka cimee hojjetee pirezidantummaan itti fufu jajjabeessaa jiru.
Falmii Baayiden taasisetti kan qaana'e miseensi kongiresii Meriilaand paartii dimkoiraat irra ata'e Jeemii Raskin ammallee ''haalli ture akkaan rakkisaadha, baayyee ulfaata,'' jechuun abdiin Baayiden irraa qabu gadi bu'uu ibse.
Erga falmiin jalqabaa gaggeeffamee as namoonni siyaasaa gameeyyiin Ameerikaa kanneen akka pirezidantii duraanii Baraak Obaamaa, pirezidantii itti aantuun Kamaalaa Hariis fi giifti dureen Jiil Baayiden wanti mudate waan Baayiden irraa egnu miti jedhaniiru.
Garuu namoonni kunneenis ta'e, dimokiraatonni hedduun Baayiden kaadhimamaa pirezidantummaa ta'uu keessaa akka of baasu ammoo hin barbaadan.
Filannoon yaada uummataa CBS News fi jaarmiyaan YouGov gaggeessan yaada dursituun duula filannoo Baayiden, Jen O'Malley kenniteen waladda.
Baayiden akka filannoo pirezidnatummaa keessaa ba'u kan barbaadan garee muraasa malee yaadi kenname kan lammiilee Ameerikaa kutaalee biyyattii hunda keessa jiraatanii miti jette.
Waa'ee filannoo yaada uummataa haaraa wayita gaafatamu bulchiinsi Baayidan, Tiraamp caalaa qabxii akka argateeru ibse.
Falmicha booda filattoota waliin gaaffii fi deebiin taasifame garuu bu'aa filannoo CBS ibse kan jabeessu ta'a.
Namoonni yaadasaanii kennan BBCtti akka himanitti hunduu waa'ee umrii Baayiden irratti yaaddoo qabu.
Filataan warra dimokiraatotaa tokko akkas jedhe: ''Baayiden biyya bulchuurraa yeroo kamuu caalaa kanan abdii kutadhe falmii har'aa irratti.''
Gama biraan warri Rippaablikaan ammoo carraa argatan kanaan Baayiden irratti duuluun, hoogganaasaanii-Tiraampiin ammoo akkaan jajan.
Tiraamp biyya kanaaf filannoo sirriidha kan jennuuf kanaafidha jedhan.
Seenaatarri warri Rippaablikaan JD Vance ''Raawwiin Joo Baayiden baayyee nama nuffisiisa. Kanaafidha akkanni nama biraan bakka bu'u kan barbaadamuuf,'' jechuun Fox News irratti dubbate.
Faallaa kanaan Tiraamp ammoo waltajjii falmii sanarratti fuula ifaa, jabina fi ofitti amanamummaan dhihaate jedhe seenaatarri kun.