Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Injifannoon Erdohaan maaliif warra lixaaf dhimma ijoo ta'e?
Waraanni Yukireen xiyyeeffannoo siyaasa warra Lixaa ta'us, cinaadhumatti filannoo Tarkii dhimma isaanii godhatanii addatti hordofaa turan.
Ammaa hooggantoota biyyoota addunyaa Erdohaaniin baga gammadde jedhan keessaa, pireezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin isaan jalqabaati.
Putiin gita isaanii Tarkii kanaaf ergaa baga gammaddee kan dhaaman bu'aan filannoo ifatti beeksifamuu dura yoggaa ta'u ''imaammata dhimma alaa walabaa'' hordofutu akka injifatu gargaaree jechuun ''nama jabaa'' ittiin jedhaniiru.
Imaammatni Tarkii kan Raashiyaan akkaan jaalattuuf kun wayita michootni Tarkii miseensota NATO ta'aan Raashiyaa qoqqobuutti seenan, Kireemliiniif afuura laateera jechuun ni danda'ama.
Daldalli Tarkiifi Raashiyaa gidduu erga waraanni Yukireen eegalee booda akkaan dabaleera.
Akkuma ergaa baga gammaddee ho'aa Putiin, pireezidantiin US Joo Baayidaniifi gitni isaanii kan Faransaay Imaanu'eel Maakroon, baga gammadde ittiin jedhaniiru.
Kireemliin waliin michummaa jajjabeessuun, biyya keessattis yaada ofii bilisummaan ibsachuufi hanqina dimookrasii jiru kan bara bulchiinsa Erdohaan waggoota kurna lamaan darbanii jaalachuu baatanis, hariiroon waliin qaban amansiisaa ta'uu didee itti ulfaatus, Tarkiin warra Lixaaf biyya hariiroo tarsiimoo qabuuf barbaachiftuunidha.
Tarkiin miseensa NATO yoggaa taatu, ergama gamtichaa hunda keessatti qooda ni bahatti.
Bu'uura kanaan Erdohaan Raashiyaa waliin hariiroo jabaa qaban kan cimsanii itti fufan ta'a jedhamee abdatama, miseensummaa NATO jalatti ammoo lola kana keessatti Yukireeniin hirphu.
Erdohaan erga waraanni eegalee booda ugguramuu midhaan Yukireen biyyoota alaaf ergamuu irratti Raashiyaa waliin jaarsummaa taa'anii midhaan sun akka gabaatti bahu gochuu danda'aniiru.
Rincica yeroo dheeraa boodas, ollaan Raashiyaa Fiinlaand miseensa NATO akka taatu hayyama Tarkii kennaniiru.
Yeroo tokko Tarkiin miseensa Gamtaa Awurooppaa akka taatu leellisaa kan turan Erdohaan, dhiyeenya kana yaada "making Turkey great again" jedhu deddeebisanii kaasu.
Erdohaaniif imaammatni hariiroo alaa qaban kun walaba. Waggoota darban keessa michoota isaanii mara waliin hariiroo kennanii fudhachuu jabaa uumaniiru.
Waayit Haawus akkuma Fiinlaand, Swiidiniifis Tarkiin hayyama gama ishee akka kennitee biyyattiin miseensa NATO taatu eeguutti obsa fixachaa jiraachuu hin dhoksine.
Siwiidin miseensa gamtichaa ta'uun warri Lixaa galaana Baaltik irraan Raashiyaatti siiqanii akka hordofan hiree kennitiif.
Tarkiifi Hangariin miseensota NATO hanga ammaa Stookhoolm miseensa gamtcihaa akka taatu hayyama gama ofii hin kenniin jiran lamaani.
Pireezidantiin Faransaay Imaanu'eel Maakroon ammoo Tarkiifi Erdohaan irraa yaaddoon qaban baqattummaa gara biyyoota Gamtaa Awurooppaatti godhamuudha.
Haata'u malee Biraasels imala seera qabeessa lammiilee Tarkii gara biyyoota Gamtaa Awuroooppaaf hayyama kennitee imala seeraan alaa dhorkuuf waliigalteetti.
Erdohaan lammiileen isaanii ragaa gahaa osoo harkaa hin qabaatiin gara biyyoota Gamtaa Awurooppaa galaana ce'anii akka hin imalle ni hojjetu jedhamee eegama.
Lammiilee Siiriyaa waraana baqataniif daho guddoo kan taate Tarkiin ulaa warri Siiriyaa kun gara biyyoota Gamtaa Awurooppaa birootti itti ce'aniidha.
Warri Lixaa barbaachisummaa Tarkii yoo ibsan, riqicha Awurooppaa fi Gidduugala Bahaa gidduu jiru jechuun ibsu. Haata'u malee waraanni Yukireen ilaalcha warra Lixaa kana jijjiiraa jira.
Erdohaan tarii imaammata hariiroo alaa isaaniirratti tasa jijjiirama fiduu malan. Garuu ammoo michoonni Ankaaraa marti dhimma kana dhiyeenyatti hordofu.