Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Filannoo Pireezidantummaa Tarkii kan mo'atan Erdowaan irraa dhimmoota jajjaboo eegaman
Rasip Xayyib Erdowaan uummata duratti ba'uun bashannansiisuu fi onnachiisuu danda'u, wayita filannoo ammoo gochi isaanii kun gita hin qabu.
Waa'ee filannoo, qaamolee mo'amuusaanii tilmaamaman- warra filannoo qindeessanii fi xiinxaltoota caalaa beeku.
Qaamoleen bu'aa filannoo xiinxalan kunneen garuu marsaa kanaaf hin milkoofne.
Morkataansaanii Kamaal Kilicdaroglu qabxii waliigalaa keessaa dhibbeentaa afuriin isaan booda hafe.
Pireezidanti Erdowaan wayita kakuu seenanii hojii eegalan dhimma kanarrattis dubbachuunsaanii shakkii hin qabu.
Biyyi michuu Nato kun amma daandiishee fuulduraa murteeffatteetti, lammiileen biyyattii filannoof ga'an hedduun, paartii dimokiraatawaa haaraa Kamaal Kilicdaroglu qabatanii dhihaatan filachuurra mootummaa abbaa irree duraan beekaniif dursa kennan.
Toora amantii Islaamaa qabatanii deemuun kan maqaansaanii ka'u Aab Edowaan hordoftoota isaanii waggoota 20 keessatti horatan waliin walitti dhufeenya cimaa qabu.
Deeggartoonni isaan waliin michummaa qaban hedduunsaanii akkumasaanii duudhaa amantii ganamaatti kan cichaniidha.
Namoonni kunneen biyyattii keessatti akkaan jajjaboodha, Aab Erdogaan kanaaf carraa biraa waggoota shanan itti aananiif biyyattii bulchuu argatan.
Akkuma qabxiin filannoo ibsameen daandiin magaalaa Ankaaraa alaabaa Tarkiin guutame.
Konkolaattonni sagalee olkaasanii mallattoo gammachuu agarsiisan, sirbaa fi ililleen gameessicha waggaa 20'f aangoorra turee, amma carraa waggaa shan kan biraa argate faarsan.
Deeggartoonni Erdowaan kumaa-kitilaan masaraa mootummaa isaan ijaarratan kan kutaalee 1,000 ol qabutti ba'uun gammachuusaanii ibsan.
Ergaa fi yaadi addanatti darbaa ture, uummanni hedduun mootummaa dimokiraatawaa haarawa filachuurra, mootummaa humnaan bulchu kan duraan beekan deeggaruu mul'isa.
Amma Erdowaan ofitti amanummaa cimaa argataniiru, morkattoota biyyattii mataan gadi cabeera, kan nama ajaayibu ammoo Kireemliinis gammachuu ibsataa jirti.
Sababni isaas kun bu'aa Vilaadmiir Putiin eegaa turaniidha, qondaalli jalqaba baga geessan jedheen Putiin ta'uun waan nama ajaayibu miti.