Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Doktorri kun maaliif sobaan dubartoota kumaatama maseensuun himatame?
Kininiin dubartoonni akka maseenan taasisu jiraa? Dibatni ykn jeeliin paantii [uffata keessoo] dubartootaa irratti dibamuun dhala dhorkuu danda'u hoo jiraa?
Doktorri wayita dubartoonni wallaansa baqaqsanii yaaluutiin dahanitti icciitiin dubaroota maseensuu danda'u jiraachuu dhaggeessanii beektuu?
Yoo hin dhageenyee isiniitti himna.
Dubbiin akkasii kun kan dhagahame biyya Sirilaankaa irraayi. Kunis oduu sobaa leellistonni amantaa Budiistii jibba Islaamaaf qabanirraan kan tamsaasanidha.
Hordoftoonni amantaa Islaamaa lakkoofsi isaanii biyyattii keessatti xiqqaa waan ta'eef baayyinasaanii guddisuuf hawwii qabu jedhame.
Kana gochuuf ammoo dubartoota hordoftoota amantaa Budistii warra saba lakkoofsa baayyee qabanii haala icciitii ta'een maseensa yaanni jedhu shirri xaxamuuf qophaa'e.
Himannaa hin amanamne kanaafis doktora tokko irratti xiyyaaffatan. Doktorri kun jiraataa magaalaa Kaaba-lixa Kurunegaalaati.
‘‘Ani Islaama. Dubartoota Budistii 4,000 dhoksaan maseensuunan himatame ture’’ jechuun oggeessii wallaansa baqaqasanii yaaluu Mahaammad Shaafiin BBC'tti hime.
Doktorri kun wayita baqaqsanii wallaanutti ujummoo gadaameessaa (fallopian tube)dubartootaa meeshaadhaan ukkaamsa jedhame.
Kunis dubartoonni akka daa’ima dabalataa hin deenye taasiseera, maseenseeras jechuun himatan.
Himannaa qofaanis osoo hin dhaabatiin bara 2019tti to’annaa jala oolfamee yakka shororkeessuummaatiin himataman.
‘‘Yekkamtoota waliinan hidhame. Maaliif kana narratti raawwatan? jedheen yaadaa ture. Ijoolleefi haadha warraakoof jecha lubbuun turuu akkan qabu natti dhagahame,’’ jechuun haala keessa ture dubbata.
Abbaa ijoollee sadii kan ta‘e Doktor Shaafiin guyyaa 60’f mana hidhaa ture. Isaan boodas manni murtii akka mirgi wabiisaa eegamuuf murteesse.
Haata’u malee, sababii qorannoowwan gaggeeffamaa jiraaniitiin boqannaa akka bahu taasifame.
Erga to'annoo jala oolfamee waggaa afuriin booda barana Caamsaa keessa gara hojiitti deebii’e.
Ministeerri Fayyaa Siriilaankaa himannaa hakiima kanarratti dhiyaate waan mirkaneessuu hin dandeenyeef ture gara hojiisaatti kan deebiseef.
Haleellaa boombii gaafa Faasiikaa
Baayyinni ummata Siriilaankaa miliyoona 22 ta’a. Ummata kana keessaas harki 70 kan ta’u amantaa Budihiziimii hordofa, harki 10 Isalaamaa, 12 Hinduu, akkasumas harki 7 hordoftoota amantaa Kiristaanaati.
Dr Mohaammad Shaafiin osoo haadhoolii maseensuun hin himatamiin dura garaagarummaa tokko malee hunda wallaanaa ture.
Bara 2019 guyyaa Faasikaatti haleellaan boombii waliitti fufinsaan raawwatame. Haleellaawwan kunneenis bataskaanootaafi eddoowwan hawwata tursitii irratti kan xiyyeefatan turan.
Gocha kanaanis namoonni 250 ta'an ajjeeffaman. Haleellaan kun jireenya Dr Mohaammad Shaafii isa dhumaaf jijjiire.
Haleellaa kanaaf itti gaafatamtoonni gareewwan IS waliin hidhata qaban turan.
Waraana bara 2009tti foxoqtoota Taamiil Taayigar irratti labasame erga dhaabbatee booda haleellaan kun isa sukkaneessaadha jedhame.
Gochaan kun guutuu biyyattiitti miirri jibba Islaamaa akka umamuuf sababa ta’e.
Sababii kanaatinis masjiidoota, manneeniifi suuqiiwwan Islaamtootaa hedduun gubatan. Namni amantaa Islaamaa hordofan tokkoos gareen reebame ajjeeffame.
Himannaa sobaa
Haleellaa boombii guyyaa Faasikaatiin baatii tokkoon boodas, gaazexaan Diivaayinaa jedhamu barreeffama wal falmisiisaa ta’e tokko qabatee bahe.
Innis doktorri tokko haadhoolii4,000 maseensuu, ragaansaas gadi fageenyaan akka jiruufi doktora kana to’annaa jala oolchuuf qorannoo bal’aan gaggeeffamaa jiraachuu kan himu ture.
Barreeffama kana keessattis Doktorri kun Doktora Taawuhiid Jaamaaz jedhamuun ibsaman. National Thowheeth Jama'ath ammoo garee Islaamaa guyyaa Faasikaa haleellaa boombii raawwatan jedhaman lama keessaa tokko ture.
Haata’u malee, gaazexichi doktorri dubartoota maseensan jedheef raga hin dhiyeessine. Dr Shaafinis maqaan hin dhahamne.
Haata’u malee, dubartoota Buhidistootaa kan maseensan Dr Shaafiidha jedhamuun toora Facebook irratti bahuu itti fufe.
‘‘Yeroo jalqabaatiif kallattiin kanan himatame yeroo kana,’’ ture jedhan Dr Shaafiin.
Dr Shaafiin himannaa karaa miidiyaa hawaasaatiin irratti baname callisanii hin ilaalle.
Dhimmicha Daareektara hospitaalaa keessa hojjatan Dr Saaraa Weeraabaandaaraatti geessan. Yaaddoo oduun sobaa kun jireenya isaa irraan gahuus itti himan.
Ta’us daareektariitiin hospitaalichi dhimma keessoo isaa malee kan isaan alaa hin ilaalatu jedhan.
Guyyaa lamaan booda Dr Shaafiin to’annaa jala oolfaman. ‘‘Ajaja mana murtii maleen gara buufata poolisii geeffame. Hokkarri ummataa akka hin umameef jedhanii mana hidhaa na galchan,’’ jedhu.
Miidiyaa balaafamaa
Buufataalee TV biyyattii waa’ee dhimma kanaa gabaasuu hordofunis dhimmichi caalaa xiyyeeffannaa argate. Himannaan sobaa kunis miidiyaa hawaasaarratti baayyinaan qoodame.
‘‘Nan yakkame. Ifattis shororkeessa jedhameen farajame. Buufataaleen TV adeemsa hamaa qabaniifi miidiyaalee hawaasaa oduun sobaa isaan dabarsan jireenyakoo balleesse’’ jechuun haala keessa darbe dubbata.
Monokseen Budihistii tokkos hospitaala haatii warraa Dr Shaafii Faaxumaa Imaaraa keessa hojjattuu fulduratti mormii dhageessisuu eegalte.
‘‘Haatii warraakoo doorsiifni ajjeechaa irra gaheera. Jireenya ijoollee keenyaaf ni sodaatti turte,’’ jechuun haati warraasaa hojii dhabuurra qaqabdee akka turte yaadata.
“Intalli koo angafaa qormaataaf qophaa’aa turte. Mana barnootaa deemuuf barbaadduulleen dheekkamsa ummataa tureen deemuu hin dandeenye. Isheenis dhiphina cimaa keessa galte. Kanaaf, mana barnootaa haaraa barbaadu uqabna turre,’’ jedhu.
Erga Dr Shaafiin hidhamee booda haati-warraafi ijoollensaa gara magaala Kolomboo jedhamtuutti jijiirratan. Isaan boodas ijiilleensaanii mana barnootaa garaagaraa sadii galan.
‘‘Haati-warraafi ijoolleen koo bakkaa bakkatti ari’atamanii jiraachuuf dirqaman. Akkaawontiin baankiikoo waan dhorkameef maallaqa hin qaban ture,’’ jedha.
Aanga’oonni hospitaalichaa dubartoota gara 800 ta’na irraa waa’ee Dr Shaafii irratti komiin nu qaqabeera jedhanis, Waxabajjii 2019 Qajeelchi Qorannoo Yakkaa Siriilaankaa himannaa Dr Shaafii irratti dhiyaateef ragaa omaa hin argannee jechuun maan murtiitti hime.
Dabalataanis Tajaajila Tikaa biyyattii dabalate biirooleen qaamooleen nagaa fi tasgabbii kabachiisanii, ragaan Dr Shaafii gocha shororkeessuummaa kamuu waliin waliitti fidu hin jiru jedhan.
Duula filannoo
Haleellaa boombii guyyaa Faasikaa sana hordofunis, Itti -aafatamaan duraanii waraana biyyattii, Gutaabaayaa Raajaapaaksaa, filannoof akka dorgomaniif leellisummaa Islaamaa akka hin baballannee akka dhaabsiisan waadaa seenan.
Gootaabaayaan obbooleessa pirezidaniin duraanii Maahiindaa Raajaapokisaati. Duula filannoo Sadaasa 2019 taasifameenis sochiiwwan farra Islaamaa haala addaatiin mul’atan.
‘‘Sabummaan araada. Waan badaa ta’e namoonni araadni sabummaa qaban waa’ee dhimmichaa boonaa dubbatu,’’ jedhan Dr Shaafiin.
“Namoonni siyaasaa Siriilaaknaa ana akka bulguutti na fakkeessu. Dhukkuba jechaan hin ibsamneedha,’’ jedha.
Kininiiwwaniifi dibata maseensuuf oolan
Kanaan duras yaadni dabaa Islaamoonni maseensuuf meeshaa Siiriilaankaa to’achuuf itti fayyadamaniidha jedhu umamee ture.
Bara 2018tti abbaan qabeenyaa reestoraantii tokko maamiltoota Budihisootaa irratti xiyyeeffachuun kininiiwwan nama maseensan nyaatatti dabala jedhamuun himataman.
Haalli kunis reestoraantoota, akkasumas suuqiiwwaniifi hooteeloota Isilaamaa ta’an hunda irratti akka xiyyeefatamuuf kakaaseera.
Dr Shaafiin erga hidhamee booda monokseen Buhidisti Islaamoonni dhagaan akka reeban ifatti deeggaran. Akkasumas, Buhidistoonni suuqiifi hoteelota Islaamaa dhaquu akka dhaaban kakaasan.
Oduun odeeffame gara biraa ammoo suuqiiwwan uffataa islaamaa dubartoonni Buudistootaa paantiiwwan fi suurree isaanii irratti dibata maseensu dibuu jedhame.
Oduun kunis miidiyaa hawaasaarratti baayyee waan qoodameef, harbeessitoonni Buhidistootaa suuqiiwwan Isilaamaa dhorkuun alattis miidhaa irraan qaqabsiisan.
Taatee kanaanis Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii kininiis ta’e dibanni maseensu hin jiru jechuun ibsa akka baasuuf dirqamsiise.
Naamuusa miidiyaa
Waldaan Gaazexeessitoota Dargaggoota Siriilaankaa, odeessaaleen sobaa gaazeexoota biyya keessaa, buufataalee TV fi marsariitiiwwan irratti bahaa turan mormuudhaan dhaabbilee sagalee dhaggeessisan muraasa keessaayi.
Dura ta’aan dhaabbatichaa, Taariinduu Jaayaawaardenaa akka jedhaniitti, yeroo sanatti taatee sanarratti barreeffamoonni qabatamoofi qorannoo irratti gaggeeffame hin maxxanfamne.
BBCn gaazexessitoota biyya keessaa garaagaraa wayita dubbiseetti, barreeffamni dhimmicha gama lamaaniinuu ilaalan akka hin maxxanfamne dhorkamanii hafuu kanneen himan argateera. Qopheessitoonnis, ‘‘dubbistoota dheekkamsiisan, akkasumas gabaa gaazexaa irratti dhiibbaa taasisa,’’ jedhanii waan sodaataniif baasurraa akka of qusatan dubbatan.
‘‘Kanneen waa’ee Dr Shaafii irratti raga bahan keessaa 168 kan ta'an qofaatu ulfaa’uuf rakkachuu irraa qaqabneera. Kanneen qorannoof dhufan kaanis, akkasumas erga odicha dhagahanii booda komii isaanii dhaggeesisuuf kan dhufan ta’uu barree jirra. Dr Shaafiin erga hidhamanii booda dubarrtoora komii dhiyeessan keessaa 120 dahaniiru,’’ jechuun dubbatan.
Nageenyummaasaa mirkanneessuuf
Dr Shaafiin yakka ittiin himatame irratti ragaan waan hin argamneef, hospitaala duraan keessa hojjetaa turan Hospitaala Barsiisummaa Keerunegaalaatti bara kana Caamsaa keessa gara hojiitti deebi’an.
Miidnaansaanii kan wagga sadiif hin kanfalaminiif doolaarri 8,750 akka kaffalamuuf murtaa’eef. Oggeessii kun garuu maallaqa kanaan Ministeera Eegumsa Fayyaatiif qorichi barbaachisu akka bitamuuf kennan.
Wayita Siiriilaankaan rakkoo diinagdeetiin jeeqamaa jirtuu kanattis hakiimoonni biyyattii jireenya fooyya’aa barbaacha baqannaa filataa jiru.
Dr Shaafiin garuu biyya itti himatamee keessa turuun uammatasaa tajaajiluuf kutateera.
“Miseensoonni maatiikoo akkan hospitaalaa kana keessa hin hojjanee irra deddebiin natti himaniiru.Haata’u malee karaan ittiin qulqulluu ta’u mirkanneessuu tokkichii hosipilaatan keessa tureetti deebii’ee itti gaafatamummaa wal fakkaataa irra taa’u qofa akka ta’een beeka,’’ jedhan