Denmaark nama Qur'aana adda babahiitti guburratti seera hidhaa muru baasufi

Mootummaan Deenmaark namoonni Qur'aana akka hin gubne dhorkuuf seera haaraa baasufi. Biyyattiin murtee kana kan fudhatte Qur'aanni gubachuun biyyoota Musliimaa hedduu keessatti dheekkamsa waan kaasefi.

Ministirri Haqaa Deenmark Piitar Hummelgaard Qur'aana gubuun Deenmaark miidhufi nageenya lammiilee Deenmarkis balaarra buusuu dubbatan.

Qondaalli kun akka jedhanitti seerri haaraa bahuuf jiru kun namni Qur'aanas ta'ee Macaafa Qulqulluu irratti yakka akka hin hojjanneef kan gargaarudha.

Seerri haaraa bahuuf jira jedhame kun nama Qur'aanas ta'ee Macaafa Qulqulluu gube hanga waggaa lama kan adabsiisudha.

Qur'aanni gubachuun wal-qabatee torbanoota muraasaa as hiriirri mormii 170 ta'u gaggeeffamuu Ministiirri Dhimma Biyya Alaa Deenmark Lars Lokke Rasmussen himan.

Kanaan wal-qabatee balaan shororkeessummaa jiraachuu akka danda'u Tajaajilli Tikaa Deenmark akeekkachiise.

Siwidiinittis Quraanni gubachuun wal-qabatee rakkoon nageenyaa hammaataa dhufuu qaamoleen nageenyaa biyyattii himan.

Biyyoonni lamaanuu namni mirga yaada ofii ibsachuu qaba jechuun yeroo Qur'aanni ifatti qubatu hin dhorkine turan. Siwidiin bara 1970 keessa gochaalee amantiim wal-qabatan (blasphemy law) yakka gochuu dhiiste.

Ji'a Adoolessaa keessa Deenmarkfi Siwidiin keessatti Qur'aanni irra deddeebiin gubachuu hordofeeti Deenmark seera haaraa kana kan qopheessuf dirqamte.

Dhaabbanni Organisation of Islamic Cooperation (OIC) jedhamu, biyya Qur'aanni keessatti salphifamerratti tarkaanfin akka fudhatamuuf waamicha dhiyeessee ture.

Ministiirri Haqaa Deenmark akka jedhetti seerri haaraa bahe kun afaanin ykn barreeffamaan yaada ofii ibsachuu kan hin dhorkineedha. Garuummoo kitaabota amantii gubuun hawaasa gidduutti jibbaafi garaagarummaa fida jedhe.

"Yaada kee ibsachuun bu'uura dimokiraasii keenyaati. Garuummoo amala sirriis agarsiisuu qabda," jedhan ministeera muummee ittaanaa Deenmaark kan ta'an Jaakob Eleman Jensan.

"Gochaan akkasii [Qur'aana gubuun] yeroo mudatuufi nageenyasheerratti yaaddon yeroo dhufu Deenmark callistee hin ilaaltu," jedhan.

Ministeerri Muummee Siwidin garuu akka ollaasaanii Deenmark seera adabbii baasuu akka hin dandeenye himan. Sababni ammoo biyyattin kana gochuuf heera jijjiiruu qabdi waan ta'eef.

Seerri Deenmark dhiyeessite kun Fulbaana 1 gara seeratti kan jijjiiramu yoo ta'u, dhuma bara kanaatti Paarlaamaa biyyattiin mirkanaa'a jedhamees eegama.