Paayilatii Somaaliyaa biyyasaa boombiin akka haleelu ajajame

Ahmad Mohammad Hasan

Dhuma bara 1988 finciltootni misensa Warraaqsa Biyyaalesaa Somaaliyaa magaalawwan Kaaba Somaaliyaa yeroo ammaa Somaaliilaand jedhamtutti dhukaasa jalqaban.

Finciltoonni kunneen bulchiinsa waraanaa Pireezidant Si’aad Baarree mormaa turan. Jalqaba Waxabajjii irratti iddoowwan hedduu Haargeessaa magaalaa guddoo naannoo Kaaba biyyattii to’atan.

Humnooti mootummaa gara buufata xiyyaaraa Haargeessaatti deebi’an, iddoowwan magaalattii biroon adda otoo hin qoodiin akka haleelaman ajajni bahe.

Yeroo sana Ahimad Mohaammad Hasan paayilatii xiyyaara loltuu humna qilleensaa Somaaliyaa ture.

Filannoo lamatu kennameef: tokko paayilatoota biro wajjin magaalatti boombiidhaan haleeluu, ykn ajaja kana diduun itti dhukaafamee du’uu. Yeroos Ahimad kibba Somaaliyaa jiraata ture.

Gaazexeessaan BBC Witness History Roob Wookar paayilatii kana dubbiseera.

‘’Waan tahaa ture, oppireeshinii Haargeessaa raadiyoodhaan hordofaan ture. Booda garuu aniyyuu qaama gochaa kanaa akkan tahun ajajame.

Gara Hargeessaa otoo ergamuun dura guyyaa afur qofatu naaf kenname. Akkamiin kana jalaa miliqa waan jedhun yaaduu jalqabe,’’ jedha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Yeroo sanatti waan mootummaan ajaju diduun kallattiidhumaan ajjeefamuu akka tahe hima.

‘’Nama tokkotti dhukaasanii ajjeesuun immoo isaaniif homaa jechuu miti,’’ jedha.

Guyyoota muraasan booda Ahimadiifi paayilatiin biraa xiyyaarota loltuu Mic-17 lama fudhatanii gara Haargeessaa akka imalan ajajaman.

''Achi yeroo geenyu waaree booda sa'atii 10 ykn 11 taha walakkaan ibiddaan gubachaa turte. Xiyyaaronni loltuu walitti fufinsaan magaalatti haleelaa turan. Akkamiin uummata ofiirratti waan akkanaa akka raawwatan naan galu, ''

Hojjetaan gargarsa Ameerikaa yeroos Hargeessaa arge iddooon magaalattii harki 25 tahu barbaadaa'eera jedhe.

Ahimad, ''guyyaa itti aanu ganamaan waajira mummee waraanaa geeffamne. Lamman keenyiyyuu ergamni keenya Haargeessaa boombiidhaan barbadeessuu akka tahe nutti himame. Magaalicha keessa namootni nagaa akka jiran otoo beekamuu kuni jedhamuun booda miirri suukaneessaa wayii qaama koo weerare,'' jedha

Guyyaama sana Ahimadiifi paayilatiin inni kaan magaalattii haleeluu akka jalqaban ajajni itti kennamee buufata xiyyaaraa Hargeessaatii bahan.

''Yeroo hunduma waliin balaliina ture, garuu yeroo Haargeessaa geenyu xiyyaarri kan koo rakkoo akka godhate bilbilaan itti himee. Qubachuufi gara buufata xiyyaaraatti deebi'uuf eeyyaman gaafadhe.

Paayilatiin inni tokko ergama fudhate raawwachuuf deemuusaa itti fufe.

Xiyyaaara Ahimad qorchuuf injinarri ramadamee sakatta'uun jalqabame.

''Gaafa sana lola adeemuu hin barbaadu waan jedhu haasa'aa turan, garuu ragaa gatii hin qabneef kuni dhugaafi soba tahuu baruuf guyyaa itti aanu eegaa turan,'' jedhe Ahimad.

Halakn sana xiyyaarri Ahimad balaliif qophii taate kana booda lola kana deemuu dhiisuuf sababa hin qabu ture.

Ganama akkuma barame paayilatii isa tokko wajjin ergama magaalattii haleeluu fudhachuu balalii eegalana.

''Inni na dura adeemaa ture, ol ka'iinsa keenya daballee meetira 500 irratti balali'uu jalqabne, boombiin immoo m500 irrati kan gad-dhiifamu.''

Battala kana irratti Ahimad waa murteessee ture. Magaalattii boombiidhaan barbadeessuurra gara kaabaa balali'uun Jibuutii galuu. Waan inni hin yaadne tokko garuu eessa akka qubatu dha.

''Kallattii Jibuutiitti naanna'ee balaliiduun jalqabe garuu hurriin waan tureef lafa arguu hin danda'u. Meeshaa ittiin kallattii koo hordofu hin qabu. Yeroon balali'aa ture hundatti lafa argaa hin turre, yeroo sirrii dha jedhee sa'atiin amanetti lafatti gadi siqaa balalisuun jalqabe.

Achii iddoo galoo galaanaa Taajuuraa jedhamu kan qarqara galaanaa Jibuutii akkan gahen hubadhe,'' jechuun ibsa.

Magaalaa Jibuutii darbee akka balaliisaa tureefi ofirra akka deebi'e dubbata Ahimad.

''Yeroon deebi'u boba'aan akka dhumaa jirun bare, sana booda gadi siqaa deemen lafa biyyoo suphee qabu tokkon arge. Qarqara galaanaatti akkan qubachuu danda'un yaade.

Kuni egaa qubiinsa dirqamaan taasifamu(forced landing) kanaafimmoo adeemsi hordofamuu qabu jira,'' jedhe.

Adeemsa barbaachisu hundumaa hordofee nagaan lafarra qubachuusaa hima Ahimad.

Lafa onaa, qarqara galaanaa irratti qofaa of arge. Xiyyaarasaafi isaan alatti simbirruu hin qaariitu.

Dhumarratti kiyyeessitota gara galaanichaa dhufan argate, isaanis gara magaalaa Jibuutii isa fudhatanii deeman. Sana booda garuu gara biyyaa deebi'uun akka hin jirre bare.

''Maatii qaba. Ijoollee sadii, haadha warraa , obboloota dhiiseen dhufe. Baayyee ulfaataa ture. Garuu waana hamaa lama keessaa filachuun narra ture. Namoota ajjeesuu ykn gara Jibuutii baqachuu,'' jedhe.

Hargeessaatti haleellaan itti fufee ture. Dhuma Hagayyaa irratti humnoonni Somaaliyaa finciltootaa Warraaqsa Biyyaalessaa Somaaliyaa magaala keessaa baasan.

Yeroo kanatti Hargeessaa dabalatee magaalonni kaan barbadaa'aniiru. Humnooti mootummaa namoota nagaa saba Isaaq irratti qiyyaafachuun ajjeechaa raawwatan.

Walumaagalatti haleellaa sanaan namooti 50,000 ol akka ajjeefaman amanama. Kanneen walakkaa miiliyoonaa ol tahan immoo biyya ollaa Itoophiyaatti baqattummaaf saaxilaman.

Waggoota lama itti aananiif waraanni walii waliin Somaaliyaa ittuu hammaatee, dhumarratti mootummaan Somaaliyaa 1991tti kufe.

Baatii Caamsaa keessa Warraaqsi Biyyaalessaa Somaaliyaa kaaba biyyattii qabachuun walabummaa biyya ofiin of bulchitu Somaaliilaand labsan.

Ahimadis maatiisaa waliin Laksanbargitti wal arge. Ergasii bara 2008tti ture yeroo jalqabaaf kan Hargeessaa daawwate. Magaalaa akka haaraatti ijaaramtes arge.

''Namoonni Hargeessaa akka gootaatti na ilaalu, ani garuu waan narraa eegamun raawwadhe,'' jedha.