''Gargaarsi uummataa karaa jaarmiyaa seera qabeessaa yoo ta'e wayya''

Kutaalee Itoophiyaa garaagaraatti wayita rakkoon uumamaa fi nam-tolchee ummata mudatu walgargaaruun waan baratameedha. Aadaan walgargaarsaa akkuma jiru malli ittiin gargaarsa qaqqabsiisan garuu wayita rakkoo keessa galu ni mul'ata.

Rakkoon kun wayita namoonni karaa jaarmiyaa seera qabeessaan osoo hin taane dhuunfaadhaan gargaarsa taasisan mudata.

Itoophiyaa keessatti jaarmiyaalee gargaarsa namoomaa kennuuf waraqaa seera qabeessa qaban keessaa tokko Dhaabbata Gargaarsaa Egereef jedhamuudha.

Namoota dhaabbata kana gaggeessan keessaa tokko kan ta'an barsiisaan amantii Islaamaa Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaa, akkaataan namuu itti walgargaaraa jiru kan abdii namatti horuudha jedha.

''Gargaarsi uummata Walloo rakkateef taasifamu yeroo ammaa kallattii qabatee jira. Jaarmiyaa tokko qofa miti, jaarmiyaan adda addaa hirmaataa jiru. Namuu kallattiima danda'een tattaafataa jira. Namoomaaf jecha gargaaraa jiru.''

''Garuu karaa jaarmiyaa seera qabeessaa yoo ta'e irruma caalaa hiika qabaata,'' jedhan.

Naannoo Amaaraa, Godina Addaa Saba Oromoo keessatti rakkoo tibbana mudateen namoota rakkatan gargaaruun walqabatee burjaajiin uumameera jechuun namoonni miidiyaa hawaasummaarratti barreessaa jiru.

Maallaqa walitti qabame faayidaa dhuunfaaf oolchuu, akkasumas gargaarsa kennan suuraan mul'isuuf qaama miidhame rakkisuun dhimmoota akka ajandaatti irraa dubbatamaa jiraniidha.

Qaamni gargaarsa gumaachu hawaasa guutuu ta'uun waan rakkoo qabu miti kan jedhan Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaa, ''garuu dhaabbati gargaarsa qaama rakkateen ga'u seera qabeessa ta'uu qaba,'' jedhan.

''Rakkoo uuma taanaan jalqabuma dhaabbata mootummaan to'atu ta'uu qaba. Abbaan fedhe dhaabbata banatee gargaarsan qaqqabsiisa jechuun hin ta'u. Silaafuu eeyyamaan malee maallaqa sochoosuun hin danda'amu,'' jedhan Ustaaz Raayyaan.

Gama kaaniin karaa maallaqi gargaarsaaf walitti qabame itti nyaatamuu danda'u, kanumti mootummaan qaawwa uumes jira jedhu.

''Karuma itti nyaatan, kan mootummaan eeyyametu jira. Warri mootummaa kan hojjetaa, kan biiroo, kan maalii... jedhanii kan uummati ergerraa dhibbeentaa 30 kutu,'' jechuun kun hojii gargaarsa namoomaa keessatti qaawwa guddaa akka uume himan Ustaaz Raayyaan.

''Nuti kan hawaasaaf walitti qabamerraa kutuun hafee itti daballeeyyuu waliin ga'aa hin jirru. Mootummaan eeyyame jennee irraa kin kutnu, Rabbihoo eeyyameeraa? Dhibbeentaa 30 mootummaaf citu kiisii keenyaa itti guunna. Yeroo garii ammoo namootatu nuuf kaffalu.''

''Gargaarsa namoomaa qaqqabsiisuun of eeggannoo jabduu gaafata''

Namootarraa walitti qabanii gargaarsa hawaasa rakkate biraan ga'uun of eeggannoo cimaa barbaada jedhu Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaa.

''Hawaasarraa warri nyaatu, hawaasa kana cabsuudhaan garaagarummaa hin qabu. Maallaqa hawaasa kanaaf walitti qabame nyaachuun itti dhukaasanii ajjeesuudhaan adda miti.''

Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaa garee tola-ooltotaa waliin hojjetan waliin walgurmeessuun hawaasa rakkate gargaaruun isaanii ifatti kan mul'ate wayita dhibdeen daangaa Somaalee fi Oromiyaa gidduutti mudachuun hawaasi Oromoo kumaatamaan buqqa'e ture.

Ustaaz Raayyaan yeroo sana sababa akka jaarmiyaa gargaarsaatti eeyyama seera qabeessa harkaa hin qabneef hawaasa rakkate gargaaruuf guddoo rakkataa akka turan himu.

''Rakkoo kana furuun humna guutuun hawaasa rakkate gargaaruuf jecha waldaa walgargaarsaa 'Egereef' jedhu hundeessine,'' jedhan.

Ergasii hawaasa sababa rakkoo uumamaa fi harka namaan mudateen miidhaman kutaalee biyyattii garaagaraa irra naanna'uun gargaaraa akka turan himan Ustaaz Raayyaan.

Naannolee Oromiyaa sababa hongeen miidhaman Baalee, Boorana, Gujii, Arsii Lixaa (Shaallaa), Harargee midhaan nyaataa fi bishaan dhiyeessuun gargaaraa jiraachuu kan himan gameessi amantii Islaamaa kun, gargaarsa kanaaf bu'uurri hawaasichuma jedhan.

Kana malees hawaasa sababa rakkoo nageenyaa fi walitti bu'iinsaan miidhame Wallaggaa, Walloo akkasumas naannoo Affaar keessatti gargaarsa dhiheessaa akka turan himan.

Ustaaz Raayyaan rakkoon uummata hongeen miidhamee inni ijoon bishaan waan ta'eef akkaataa uummanni bishaan itti argaturratti xiyyeeffachuun akka hojjetan himu.

Kanaafis bara 2016 boottee bishaanii sadi haaraa bituun yeroo ammaa naannolee gammoojjii Baalee fi Booranaaf bishaan deddeebisaa akka jiran himan.

''Maashina bishaan baasu ammoo birrii miiliyoona 62n binneerra.''

Maashinni bishaan baasu kun akkaan guddaa fi haaraa ta'uu kan himan Ustaaz Raayyaan, ''waggaa guutuu deemaa baane. Bakkuma maashina kana gadi dhaabnu hin arganne. Yoo Rabbi jedhe maashina kana gadi dhaabnee amma hojii bishaan baasuutti seenaa jirra,'' jedhan.

''Maashinni bishaanii kun biyya kanaaf haaraadha. meetira 800 gadi qotuu danda'a. Biyyi keenya bishaan baasuuf fageenya gadi qotamuu qabu inni guddaan meetira 500. Kanaafuu maashiniin kun bakka hundatti bishaan baasuu danda'a.''

''Hanga ammaatti maallaqa hawaasi keenya nutti erge miiliyoona 100 ol dabarsinee kutaa hawaasaa rakkateef kenninee jirra.''

Ustaaz Raayyaan dhaabbati gargaarsaa isaanii namoota sababa rakkoolee adda addaa miidhaman gargaaruun alatti ijoollee harka qalleeyyiif meeshaalee barnootaa dhiheessuun ni gargaara.

''Iddoowwan akka Jimmaa, Iluu Abbaa Boor, Harargee, Walloo, magaalaa Shaggar fi bakkeewwan birootti meeshaa barnootaan barattoota harka qalleeyyii deeggarreerra.