Faransaay warra miidiyaa hawaasaarratti dhiibbaa uuman adabuuf seera baafte

Maeva Ghennam murtee mootummaa akka deeggartu hordoftoota ishee miiliyoona 3.3 ta'anitti himte

Madda suuraa, Getty Images

Faransaay namoota miidiyaa hawaasaarratti qabiyyee bocaniin dhiibbaa uumuun beekamtii horatan, beeksisa omishaalee dogoggoraa nama miidhaa jiruu jechuun seera baafte.

Namootni miidiyaa hawaasaan dhiibbaa uuman kunniin hordoftoota isaanii kumoota hedduun lakkawwamaniif odeeffannoo waayee omishaalee dhugaa hin taanee qoodaniin balaa uumaa jiru.

Seera haaraa baafteen biyyattiin namoota dhiibbaa uuman kan omishaalee hammeenyummaa qabaniifi dogoggorsoo beeksisan adabbii maallaqaa hanga hidhaa waggaa lamaan adabuuf akka ta'e beeksifte.

Yeroo dhiyoo as omishaalee dogongorsoo beeksisuu akkaan dabalaa dhufe kana dhaabsisuuf mootummaa qofa osoo hin taane namootni dhuunfaas duula eegalaniiru.

Haadha ijoollee lamaa kan taate Oodrii fuula Inistaagraamii banachuun namoota hojii akkanaa keessatti qooda qaban saaxilaa jirti.

Namootni Reality TV gubbaatti mul'atan osoo hin hafiin omishaalee seelii kaansarii ajjeesa jedhame yeroo beeksisan arguu isheetu dhimma kana irratti duuluuf ishee kakaase.

Waldaan namoota qabiyyeewwan namootni miidiyaa hawaasaarratti dhiibbaa uuman beeksisan fayyadamuun miidhaman gargaaru tokko miidhamtootni gariin dhiibbaa irra gahe irraa kan ka'e lubbuu ofii balleessuufuu kan yaalan akka jiran himu.

Kanneen waliin dhooftotaan miidhaman ''gaa'ila kan diigan, mana isaanii kan dhaban, dhibee gom'uuf kan saaxilaman jiruu'' jedha waldaan AVI Collective jedhamu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Miseensi Paarlaamaa Artuur Delaapoort gabaasa AVI waabeffachuun namootni qabiiyyeewwan namoota miidiyaa hawaasaarratti dhiibbaa uumaniin waliin dhahaman gariin hanga Yuuroo 50,000 waliin dhahamaniiru jedhan. Namoota waliin dhahaman hundi gidduugaleessan maallaqa yuuroo 1,500 dhabaniiru jedha gabaasichi.

Amma namootni beekamoon miidiyaa hawaasaa dhibee kaansarii irraa fayyuuf nyaata dabalataa gargaaru jedhuun namoota gowwomsaa jiru.

Bara darbe Youtuber maqaa Crypto Gouv jedhu qabu namoota 300 ta'an irraa maallaqa yuuroo miiliyoona afur nyaachuu abbaan Aurélien Taché jedhamu Mana Maree biyyaalessaatti himeera.

Crypto Gouv namootni akkamiin cryptocurrency irratti maallaqa isaanii dhangalaasuun akka durooman yeroo gorsu faandii isaanii hanga ta'e akka isaa dabarsan godhaa ture.

Namootni miidiyaa hawaasaarratti dhiibbaa uuman kun koorsiiwwan barnootaa dhuga ahin taane dhaabbata leenjii CPF jedhamutti qaama of fakkeesseef hojjechuun dhaabbatichi maallaqa yuuroo miiliyoona 43 akka argatus gargaaraniiru.

Namootni miidiyaa hawaasaarratti dhiibbaa uumuun beekaman kun omishaalee nama bitate hin qaqqabne beeksisuu omishaalee kunuunsa rifeensaa kan mataa moleessuun dhorkaman fa'a beeksisuun komatamaniiru.

Faransaay namoota dhiibbaa uuman 60 ta'an irratti qorannoo gaggeesseen dhibbeentaa 60 ol seera beeksisaa eeganii hojjeechaa akka hin jirre adda baasuu ibseera.

Amma namootni miidiyaa hawaasaa gubbaatti qabiyyee qoodaniin beekamoo ta'an gariin tarkaanfii mootummaa akka deeggaran himaa jiru.

Itti dabaluunis Youtuber fi namni miidiyaa hawaasaarratti dhiibbaa uumuun beekamu marti qabiyyee dogoggorsaafi balaa qabu qooda jechuu mitis jedhu.