Itoophiyaa dabalatee dubartoota biyyoota Afrikaa furdinaaf qoricha asimii fayyadaman

Qoricha

Madda suuraa, Getty Images

Biyyoota Afrikaa tokko tokkoo keessatti dibataan bifa gogaa addeessuun akka miidhaginaatti ilaalama.

Booda kanammoo gocha haaraan dubartootaaf 'bareedina dabala' jedhame amaleeffatame jiraachuutu dhagahame.

Shamarran hedduun ulfaatina qaamaasaanii dabaluuf jecha kiniinii wallaansa biraatiif kennamu fiyyadamaa akka jiran himama.

Biyyoota Afriikaa tokko tokko keessatti dubartiin furdoon akka waan bareedduutti waan ilaalamtuuf jechan yeroo baayyee dubartoonni furdachu barbaadan akka jiran dhagahama.

Kiniiniin amma furdachuuf shamarran fudhataa jiraachuun himamee kunis faarmaasii qofa osoo hin taanee, keessattuu Keeniyaatti suuqiiwwan dibanni itti gurguramuttille ni argamu jedhu Dr. Jaldeessa Abdullahii.

Dr Jaldeessaan Keeniyaa Naayiroobiitti, hospitaala Agaa Kahaan jedhamu keessa hojjetu.

Gochaan dubartoonni kiniinii asmii fudhachu kunis biyyoota akka Somaaliyaa, Itoophiyaa fi Kaaba Keeniyaa keessatti akka baayyaatu dubbatu.

Fakkeenyaaf, Kaaba Keeniyaa Kaawunti Marsabeet bakka oggeessi kun itti dhalatanii guddataniitti, shamarran furdachuuf qoricha namoota dhukkubsataniif ajajamu akka fayyadaman kaasu.

“Shamarran hawaasa keenya keessa jiran akka ‘bareedduutti akka ilaalamaniif' furdachuuf jecha qoricha kana akka fayyadaman dhaga'eera.”

Haata'u malee dubartoonni naannoo kanaa hangam kiniinii kana akka fayyadaman tilmaamuun rakkisaa ta'u kan kaasu oggeessi fayyaa kun, sababiin isaas baay’een isaanii dubbachuuf ni qaana’u jedhu.

“Bareedinni Waaqayyoon kennama, kan dhiheenya kana namoonni ofiin raawwataa jiran kana nuti hin beeknu,” jedhu jiraataan Mooyalee Aab Guyyoo Diimaa.

“Intalti kaleessa qalloo fi gurraattii turte akkuma tasaa gara diimtuu furdootti jijjiiramti…namoota adda baasuun rakkisaa ta'eera. Kana rakkoo fayyaaf saaxilamanis jiru sababiidhuma kanaan,” jedhu Aab Guyyoo.

Dexamethasone

Madda suuraa, Getty Images

Haalimaan (maqaanshee kan geedarame) miidiyaa hawaasaarratti beekamtuu yoo taatuu, bareedina ishee dabaluuf dibata fayyadamuu BBC'tti himte. Dibata (Kireemii) kanas miidiyaa hawaasaarrattis gurgurti.

“Bara kana keessa shamarran baay'een ulfaatina qaamasaanii dabaluu barbaadu. Kaan ammoo dibata fuula, kaan gudeedasaanii, kan hafan ammoo teessumsaanii kan furdisu gaafatu.

“Maamiltoota addunyaa guutuurraa dibata kana ajajanan qaba. Dubartoonni gariin ammoo qoricha ykn dibata yoo kolfan maddiisaanii akka dhooqu taasisu barbaadu,” jetti.

Qorichoota shamarran baay'ee furdachuuf itti fayyadaman keessaa tokko, cima kan ta’e deeksaameetaazoon (Dexamethasone) jedhama. Qorichi kun dhukkuba adda addaa wal'aanuuf hakiimoonni akka warqeetti ilaaluu jedhu oggeessi fayyaa.

Dexamethasone maal yaaluuf oola?

Dexamethasone qoricha baayyee barbaachisaa ta'edha. Innis asimii dabalatee dhukkuboota garaa garaa wallaanuuf oola,” jedha Dr. Jaldeessi

Qirichi kunis dandeettii dhibbee ofirraa ittiisuu (madiinummaa) to’achuuf kan gargaaru jedhu.

Akka oggeessa fayyaa kanaatti, namoonni dhukkuba asimii cimaa dhukkubsataan yoo hafuura baafachuu rakkatan kana fayyaduudha. Kana malees, Dexamethasone madaa hamaa, rakkoo ija, rakkoo kalee, kaanan waldhaanuuf oola.

Kana malees, infekshinii cimaa, alarjii cimaa fa'i wallaanuuf qorichi kun baay’ee fayyadama. Akkuma qorich kamutuu faayidaa olaanaa qabatulleen, garmalee itti fayyadamnaan ammoo miidhaa qabaachuu kaasu.

Qorichi kun garmalen gara nama furdisa

Madda suuraa, Getty Images

Miidhaa maddii

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dexamethasone fedhii nyaataa namaaf dabala. Kanaaf namoonni qoricha kana fayyadamana kan barame caalaa nyaatta sooratu. Akkasumas seeliin qaamaa akka dhiita'u gochu danda'a. Kun ammoo furdaa fakkeessa,” jedha Dr. Jaldeessi.

Mallattoolee namoota qoricha kana fayyadaman irratti mul’atan keessaa fuulli, mormiifi garaan furdaa ta’uudha.

“Wanti nama ajaa’ibsu namni qoricha kana fayyadamu fuulatu furdata. Gami kaan akkuma duriitti hafa,” jetti Ruufoo Jirmaa kan hiriyaanshee qorichicha fayyadamtu. “Fuulli akka nama waa nrukutameetti dhiita'a,” jetti.

Fayyadamtoonni dhiita'uu fuulaa kanas akka bareedinaatti ilaalu garuu hakiimonni garuu ''kun miidhaa hamaa keessaa isa tokko'' jedhu.

“Sababa qoricha kanaan namoonni dhukkuba ‘cushing’ jedhamuun qabamu. Kunis kan umamu yeroo qaamni namaa hormoonii kortisoolii jedhamu garmalee oomishudha,” jedha Dr. Jaldeessi.

Dhukkubni kun dhiibbaa dhiigaa fiiduu ykn lafeen akka miidhamu gochuus ni danda’a.

“Fuula qofa utuu hin ta’in dubartoonni qoricha kana fayyadaman garba gidduutti cooma qabu, fuula geengoo ta’eefi gogaa irratti mallattoo diriiraa bifa diimaa qabu.

“Akkasumas garaan isaanilleen itti dhiita’u danda'a. Garuu miilli fi harkisaanii fuula, mormaa fi garaasaanii wajjin wal bira qabamee yoo ilaalamu qallateetuma hafa.”

Deeksaameetaazoon ykn qorichi isteeroyidii biroo kamiyyuu yeroo dheeraaf yoo fudhatame sirna ittisa qaamaa ukkaamsuun infeekshiiniif saaxilu danda’a jedhu.

Namni kaan ammoo dhukkuboota kan akka dhibee onnee fi ujummoolee dhiigaa qabamuu danda'a. Dha'annaan onnee akka gadi bu'u gochuun onneen akka dhaabbatu gochuu danda'a.

Rakkoon gogaas ni mul’ata. Finnisa dabalatee gogaan namoota qoricha kana fayyadaman irratti waan xixiqqoo ni mul’ata.

Dhukkuba sukkaaraatiifilleen madda ta'u mala kan jedhan oggeessi kun, ulfaatinni qaamaa dabaluuf qoricha kana akka malee yoo fayyadaman sadarkaan guluukoosii dhiigaa ni dabala. Innis dhukkuba sukkaaraaf nama saaxila jedhan.

“Egaa shamarran xixiqqoo amma sababa qoricha kanaatiin yoo dhukkuba sukkaaraa kanaan qabaman, umurii guutuu qoricha insuliinii fi dhukkuba sukkaaraan jiraatu jechuudha.”

Qorichi kun akkasumas yoo baayyate moora garaachaa mancaasuun rakkoo garaachaa kan akka madaa fida.

“Sana booda garaachi madaan dhiiguu jalqaba. Kaan immoo garaa kaasaa, ykn dhukkubbii garaa yeroo dheeraa kaansarii garaachaaf nama saaxiluu danda'a,” jedha oggeesi kun.

Dr.Jaldeessa Abdullahii

Madda suuraa, DR.Jaldeessa

Qorichi kunis irra caala erga weerara Covid-19 booda namoota biraatti barame.

“Yeroo weerara covid-19 dhukkuba mudateetti namoonni qoricha kana akka ittisa covid 19tti fayyadamuu eegalan. Sana booda miidhaa qorichi kun qabu keessaa tokko ulfaatina qaamaa dabaluu waan ta'eef kanaan hubatan,'' jedha hakmiin kun.

Haata’u malee, yoo barbaachisetti xiqqaatee haalli itti dhukkubsattoota COVID-19 wallaanuuf yeroo gabaabaaf itti fayyadaman jiraachu kaasu.

Miidhaa hamaa qabaatus, shamarran garuu bareedina dabaluuf jecha qoricha kanaa fi isteeroyidii biroo kan akka Predisolone, betamethasone fi kiirimii gogaa haalaan akka fayyadamaa jiran himu.

Miidhagina suuqii bitachuu

Akkuma kaaba Keeniyaa naannoo Oromiyaa keessatti wanti kun rakkoo guddaa ta’a jiraachuufi magaalaa qofa osoo hin ta’in baadiyaaa keessattis, dubartoonni shiroopii dhuguufi qoricha gara garaa fayyadamaa jiraachutu himama.

Waaqoo Godaanaa dargaggeessi yunivarsitii Naayirobii waggaa lammaffaa barachaa jiru rakkoon kunniin ijoollee mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa irra jirtu irra kaasee hanga yunivarsitii ta’u dubbata.

“Bareedinni suuqii bitatan kuni aada malee. Safuun aadaa Oromoo badaa jira, bu'uura fayyaa isaaniirrattis miidhaa hamaan qaqqabaa jira.”

“Dhiheenna kana ijoollee xixxiqootti qoricha kana fudhata, warri isaan gaafatu jedheen yaada,” jedha.

Qorichoonni hundi ogeessa fayyaatiin ajajamuu qabu. Kan nama dhibu garuu biyyoota Afrikaa hedduu keessattuu keeniyaatti namni kamiyyuu bakka fedhe bitachuu danda'a.

“Qorichoonni kun ajaja ogeessa fayyaa malee gurguramuu hin qaban. Bakka hundatti ajajja oggeessa fayyaa malee gurguruun baay'ee dogongora, dhaabbachu qaba'' jedha Dr. Jaldeesi.