'Ertiraanoti waraanni Tigraay Itoophiyaa cimaa adeemnaan loltummaaf amdamsamaa jiru

Waraanni biyya ollaa kan taatee Itoophiyaa keessatti cimaa wayita jiru kanatti, aanga'oonni Ertiraa namoota waraanaaf filachuu cimsuun namoota tajaajila waraanaa dirqamaa jalaa miliqee biyyattii guutuutti adamsaa jiraachuu maddeen Ertiraa hedduun BBCtti himan.

Dirqiin namoota qabuu (afasaan) hamaa tibbanaatin dubartoonni osoo hin hafne, akka ijoollee saanii kan dhokatan deebii'anii harka kennaniif jecha jecha jaarrooleefi abbootiin hidhamaa jiru jedhan.

Baatii darbe keessa mootummaan Ertiraa miseensoota humna eeggataa umuriin isaanii waggaa 55 gadi ta'an hundi waaraanaatti akka makamaniif waammicha taasisuun isaa gabaafamee ture.

Kana hordofees humnaan namoota dirqamaan butuu (afasaa) fi waamichi waraanatti akka makamanii ammas cimee itti fufuun maddeen BBC Tigrinyaatti himan.

Maddeen biyyattii keessaa BBC’f odeeffannoo kennan kunneen, Asmaraafi naannoolee biraatti lammileen akka waraana deemaniif dirqisiisuuf guyyoota muraasaa asi sakkata’insa mana manarraa, manneen daldalaa cufuu (saamsuu) fi konkolaataawwan dhaabsiisuun bal’inaan mul’ataa jiraachuu himu.

Gochaan humnaan namoota butanii fudhuus bal’inaan raawwatamaa jiraachuutu dubbatama.

Duulli bal’aan kunis, ‘‘kanneen waraana keessaa bahaniifi miseensoota humna eeggataa waamicha hin fudhatiin adamsuuf’’ akka ta’e ibsu madden kunneen.

Gama biraatiin ammoo maatiiwwan ijoolleen isaanii leenjiif hin deemnes hanga ijjoolleesaanii erganiitti mannisaanii ni cufama (saamsama).

Kanaan walqabatee, daraggoota rakkoo fayyaa qaban dabalatee hedduun maatiinsaanii rakkaachuurra jechuun gara adda waraanaatti duulaa jiraachuufi, kaan ammoo garreeniifi holqawwan keessa dhokatanii akka jiran madden naannolee Ertiraa garaa garaarraarra argaman ni ibsu.

Kanaan dura biyyattiin namoota umuriinsaanii wagga 55 gadii akka waraanaatti dabalamaniif waamicha kan taasifte yoo ta’u, kan fudhatamaa jiran garuu abbootii umuriin isaanii hanga wagga 60 fi isaan ol fa’itu dirqiinii ergamaa jira jedhame.

Dubartoota dabalatee kanneen waamicha hin fudhatatiin humnaan fudhatamaafi dararri irra gahaa jiraachuu himan.

Kanaan dura Ertiraa keessatti humnaan buutuun kan barame ta’ulleen, harka caalaa dubartootaa kan dirqisiisu hin turre.

Lammiilee rakkoo fayyaa qaban tokko tokkos waajiraalee bulchiinsa magaalaa Asmaraatti raga wallaansaa dhiyeeffatanilleen, ‘‘dhimmi keessan achumatti ilaalama’’ jechuun konkolaataan fe’anii fudhachuu himan.

Karaniifi naannawasheetti abbootiin sababii dhukkuba cimaafi umuuriitin waraana keessaa sooraarama bahan osoo hin hafiin dirqiin waraanaatti akka makaman taasifamuu madden ni dubbatu.

Hagayya 22, 2022 waraanni walii waliinii Itoophiyaa deebi’ee ka’usaa hordofes, dirqiidhaan butamuun dargaaggoota biyyattii bakkawwan garaa garaatti raawwatamu itti fufeeras jedhu.

Naannoolee baadiyaa biyyattiitti ammoo namni duuluu yoo dhabamu maatii manaa baasuun akka itti cufaniifi loonsaaniif dallaa (moonaa) keessatti akka itti jalaa cufan himu madden kunneen.

 ‘‘Dararaa naannoolee baadiyaatti raawwatamaa ture amma magaalaa Asmaraatti eegalaniiru. Maatii sababii kuppoonii gandaa, hayyamaa fi sababoota adda addaatiin dararuu eegalaniiru’’ jedhu madden kunneen.

Kana maleess, ‘‘uummata gandatti walitti qabuun naasisaafi doorsiisaa jiru. ‘Amma sadarkaa jiraachuufi jiraachuu dhabuu dhumaarratti argaman. Wayyaaneen awwaalamu qabaata, ijoollee keessan fiddan malee… rakkoo qaqabuuf itti gaafatamoodha’ jechuun doorsiisu’’ jedhan.

Ummata mana jireenyaafi bakka daldalaasaanii akka jalaa saamsaniifi hayyamaafi ragaalee akka jalaa fudhatan ibsuun dararaa jiraachuu kan kaasan maddeen kunneen, dorsiisuu qofaa osoo hin taanee hojiirras oolchaa jiraachuu ibsan.

Lammiilee Ertiraa biyya biraa jiraataniifi nageenya maatii isaanitiif yaadda’u dubbatan akkasumas kanneen dhiheenya Eritraa irraa bahan dubbiin kun dhugaa ta’u BBC’f mirkaneessaniiru.

Lammiin Ertiraaa biyya Deenmaark jiraatuufi maqaansaa akka hin eeramne gaafate tokkoos, abbaansaa maanguddoon wagga 67 gara adda waraanaatti ergamu baatan illeen, kanneen sababii fayyaafi umuriitiin magaaloota keessatti hafan baayyee muraasa qofa ta’u dubbata.

Isaanis taanaan akka naannawa saanii eeganiif dirqisiifamaa jiraachu kaasa.

Itti dabalunis, haalli abbaakoo gaarii ture garuu yaaddoo koo inni cimaan dhimma obbooleetiikoo qixusiiti’’ jechuun yaaddoo isaa ibsa.

Obbooleetiindaa karaa daangaa qaxxamuruun biyyaa bahuuf osoo yaaltu waan to’atamteef, kaampii loltootaa Kormanaa’ii kan naannawa Aquridatiitti argamuutti leenjii fudhataa akka turtee fi amma garuu sagaleeshee dhabu BBCtti hime.

Lammiileen biyya biraa jiran maal jedhu?

Lammiin Ertiraa biraa maqa masoo ‘Weddii Leziinaa’ jedhamuun beekamuufi Angoolaa jiraatu obboloonni isaa baayyeen erga du'aniifi biyyaa baqatanii booda obboleessi tokkichi hafe tokko maatii isaa kunuunsaa akka ture dubbata.

Obboleessi isaa kun baqachaafi dhokachaa erga tureen booda amma garuu eessa akka jiru quba waan hin qabneef akkaan isa yaaddessuu hima.

"Manatti dhufanii haadha manaa isaa rakkisaa turaniiru, isa garuu waan qaban natti hin fakkaatu. Osoo isa qabaniiru ta’ee akkasi deddeebiyanii hin dhufan turan.

Haata'u malee, 'ani asin jira' hin jenne. "Haati warraa isaas doorsisni garmalee itti hammaannaan, loon warra keenyaaf dhiistee ijoollee ishee waliin mana maatii deemtee jalaa dhokatte," jedha.

"Yeroo hunda dhumaatii qofaadha. Umurii koo guutuu waa'ee obbolootaa koo dhiiraafi dubaraa yaadaafi dhiphachaan ture,“ jetti dhalattuun Ertiraa waggoota dheeraaf baqannaan Xaaliyaan jiraachaa turteefi ganna darbe Asmaraa geessee deebite tokko yeroo BBCf yaaddoo qabdu ibsitu.

"Dur bara qabsoo sna [bara Dargii] keesa osoo waa’ee obbolan koo yaaduu, erga bilisummaatiin boodas gara gara tajaajila biyyaalessaatti waan makamaniif waa’ee obbolaan koo dhiphachaan ture; ergasiis waraanni daangaa [waraana Itiyoo-Ertiraa] yeroo uumametti waa’ee nageenya isaanii yaadeen dhiphachaa ture waan ta’eef yooman boqodhee beeka,“ jechuun har’a ammoo waa’een ijoollee obboleessa ishee wareegamee yaaddoo akka itti ta’e ibsiti.

Keessattuu dhimma intala obboleessa ishee kann leenjii loltummaatiin booda kutaa tokko keessatti oppereetara raadiyoo ta'uun erga tajaajilaa turtee booda waraana gadhiistee waggoota lamaan darbaniif mana ishee keessa jiraachaa ture kaafti.

Mana dhufanii [qaamoleen mootummaa dirqamaan nama guuran] intala obboleessa ishee waan dhabaniif mana jireenyaa saamsanii maatii isaanii rakkisuu waan jalqabaniif filannoo waan dhabdeef dhuma irratti loltuutti akka makamte ibsiti.

Lammiin Ertiraa biraa kan magaalaa Kaaren jiraatu BBCtti akka himetti, abbaan isaa waggoota dheeraaf sababa dhukkubaatiin manaa bahee hin beekne dirqamaan akka fudhatan ibseera.

''Abbaan koo harka, miilaafi qaama isaa guutuu isa hollachiisa ture. Wal'aanuuf yaallee ture garuu Ertiraa keessatti wal'aansi hin jiru. Amma inni maal isaaniif godhaa? "Abbaan koo rasaasaan rukutama jedhee waanan yaadda'eef hirriban dhabe," jedha.

Waraanni kaaba Itiyoophiyaa Sadaasa bara 2020 Tigraay keessatti ka’e waliigaltee gargaarsa namoomaa Bitootessa bara 2022 taasifameen yeroof tasgabbaa’ee turellee, Hagayya 24 ammas deebiyee ka’ee naannolee Ertiraa daangessan hedduutti itti fufeeera.

Ertiraan mootummaa Federaalaa Itoophiyaa waliin ta’uun humnoota Tigraay lolaa akka jirtu himama.

Akka maddi keenya Ertiraa irraa dubbifne jedhutti, dabballoonni sirnichaa "kun dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuuti; Wayyaaneen awwaalamuu qabdi” jechuun ummata kakaasuuf yaalaa akka jiran ibsa.

"Har'a namni hin duulle, ykn ijoollee isaa duuluurraa kan dhoksee, ykn dhoksuuf kan tumse yakka hamaa biyya ganuu akka raawwateetti lakkaa'ama," jechuun doorsisu jedhaniiru.

''Ummanni waan hundi itti hadhaa’eera. Diddaa isaa karaa adda addaatiin ibsaa jira. Ummanni waraana hin deeggaru, hin fedhus.

Garuu isaan gara jabeeyyii waan ta'aniif, daldalaafi mana jireenyaa cufuu bira darbanii, gocha hammeenyaa bara sirna gita bittaa hin mul'annes raawwachuu danda'u,'' jechuun maddi kun yaaddoo isaa qoodeera.