'Barattoota kuma 12 ol qormaata dhiisanii bahaniif carraan biraa hin jiraatu'- Ministeera Barnootaa

Ministeerri Barnootaa Itoophiyaa barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhachuu eegalan keessaa kanneen kuma 12 ol ta'an qormaaticha dhiisanii bahu hime.

Naannoo Amaaraa Yunivarsiitii Maqdallaa Ambaa, Dabre Maarqos, Baahir Daar fi Dabre Taabor keessatti karaa sirni barnootaa hin eeyyamneen hin qoramnu jechuun barattoonni kuma 12 fi 787 dhiisanii bahaniiru,’’ jedha ibsi Ministeera Barnootaa.

Ministeerichi ibsa adeemsa qormaatichaa ilaalchisuun Onkolooleessa 12, 2022 baaseen, barattoonni qormaanni nutti ulfaateefi sababii biraa eeruun qormaata dhiisanii bahaniif carraan biraa hin jiru jedheera.

Qormaanni damee barnootaa Saayinsii Hawwaasaa xumuramuu isaa midiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.

Ministeerichi akka jedheetti, barattoota kuma 595 qormaata Saayinsii Hawaasaaf taa’an keessaa barattoonni kuma 586 fi 541 qormaaticha fudhataniiru.

Haata'u malee, barattootni 12,787 ta'an qormaaticha dhiisanii bahaniiru jedheera.

Ministerichi barattoonni kaan qormaanni itti ulfaachuu ibsuun dhiisanii akka bahan himeera.

BBCn barattoonni kunneen sababa maaliif qormaata dhiisanii akka bahaniif barattoota irraa addatti odeeffannoo hin arganne.

Dabre Taaboritti jeequmsi ka’uun barattootaafi humna nageenyaa irra miidhaan gahuu, akkasumas rakkoo nageenyaa mudateen wal qabatee lubbuun barataa tokkoo darbuu ibsameera.

Barattoonni doorsifamuun Yunivarsiitii Dabre Taaborii bahanii turan 7,000 ol ta'anis jaarsoliin biyyaa kadhachuun deebi’anii qormaata akka fudhatanis himameera.

Itoophiyaatti hanna qormaata biyyaaleessaan walqabate mudatu hanbisuuf jecha bara kana barattoonni kutaa 12ffaa yunvarsiitii keessatti qormaata akka fudhatan taasifamaa jira.

Faallaa kaayyoo Ministeera Barnootaatiin Naannoo Amaaraatti Yuunvarsiitii Maqdallaa Ambaa, Dabre Maarqos, Baahir Daar fi Dabre Taabor keessattis karaa sirni barnootaa hin eeyyamneen hin qoramnu jechuunidha barattoonni kuma 12 fi 787 kan dhiisanii bahan.

Gochi kun sirrii akka hin taane himuun carraan biraa ittiin barattoonni qoramuu didan kun deebiyanii qoraman akka hin jiraanne himuun, barattoonni Saayinsii Uumamaa seeraafi naamuusaan akka qormaata isaanii fudhataniif waamicha taasiseera Ministeera Barnootaa.

Ministirri Ministera Barnootaa pirofeser Biraanuu Naggaa barattoonni qormaaticha dhiisanii bahan fedha mataa isaaniin waan taheef ministirichi deeggarsa isaaniif taasisu akka hin qabne ibsaniiru.

Yunivarsiisii Hawaasaatti ammoo riqichi jiguun balaa qaqabeen lubbuun barataa tokkoo darbuun barattoota shan irra miidhaa cimaan gahuun himamee ture.

Bara kana Itoophiyaatti barattootni kuma 900 ol tahan qormaata seensa yunvarsiitii ykn kutaa 12ffaa wiirtuuwwan 160 keessatti fudhataa jiru.