Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Yunivarsitiin Booranaa daa’imman shamarran qormaataaf dhaqanirraa dhalataniif carraa barnoota bilisaa kenne
Qorumsi biyyoolessaa kutaa 12ffaa kan bara kanaa haala kana dura hin baratamneen manneen barnootaatiin alatti dhaabbilee barnoota olaanoo (Yunvarsiitiilee) keessatti kennamuurratti argama.
Barattoonni Dhaakkii Dooyyoo fi Qabballee Boonayyaa Jiloo ammoo Aanaa Areeroo fi Eelwayya irraa qorumsa kutaa 12ffaa kana fudhachuuf Yunvarsiitii Booranaa seenanii turan.
Barattoonni kunneen lamaan erga Yunvarsiitii Booranaa seenaniin booda ciniinsuun isaan qabee lamaan isaaniituu achumatti nagaan ofkalan jedhan Pirezdaantiin Yunvarsiitii Booranaa Dr. Bokkuu Xachee.
Qorumsa kutaa 12ffaa yeroo jalqabaatiif yunvarsiitii keessatti kenname. Kanaan walqabatees barattoonni lamaan (Dhaakkii Dooyyoo fi Qabballee Boonayyaa Jiloo) kan asitti dahan kunneen seenaa waan ta’eef, daa’immansaanii dhalatan kanaaf carraan barnootaa akka kennamu Yunvarsitichii akka murteesses dubbatan.
“Taateen kun seenaadhaa. Taatee addaati. Lamaanuu ijoollee dubraa dahan. Nuti ammoo barnoota dubartootaa jajjabeessuu feena. Kanaaf, jecha ijoollee lamaan kanaaf akkuma dhalataniin Yunvarsiitichi carraa barnoota tolaa akka argatan kan murteesseef,” jedhan.
Daa’imman kanaaf carraan kenname yeroo guddatanii barnoota yunvarsiitiif gahanitti barumsa isaanii tolaan akka barataniif kan kenname ta’ulleen, barumsa kutaa gadi aanaattis akka gargaaramaniif waan mari’annu ni jiraata jedhan pirezidaantiin univarsitichaa BBCn dubbise kun.
Yunvarsiitiin Booranaa qorumsa biyyolessaa kennamaa jiru kana barattoota Godina Booranaarraa dhufan kuma saditti siqan haala tasgaabbii qabuun qoraa jiraachuus dabaluun dubbataniiru Dr. Bokkuun.
Haaluma walfakkaatunis barattoota shamarranii qoramuuf gara Yunivarsitii Wallaaggaa seenan keessaa lama nagaan ijoollee oofkaluun barameera.
Barattuu Dibooraa Jireenyaa Godina Wallagga Bahaa magaalaa Naqamtee, mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa BIIFTUU Naqamtee irraa qormaata biyyaaleessaa bara 2014 Yuunivarsiitii Wallaggaa Kaampaasii Naqamteetti qoramuuf ramadamte mucaa durbaa nagaan hiikamte jedha Yunivarsiitichi.
Kana malees, barattuu kutaa gara biraa Yunivarsitiidhuma kanatti ramadamte tokko ammoo daa'imman dhiiraa lakkuu dahuun dhagahame.
Baratuu Salaamaawiit Manbaruu Godina Wallagga Bahaa magaalaa Naqamtee, mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Biiftuu Naqamtee irraa ture qormaata biyyaaleessaa fudhachuuf kan gara Yuunivarsiitii Wallaggaa Kaampaasii Naqamteetti radamadamte, garuu daa'imman dhiiraa lakkuu nagaan ofkalteetti.
Wayita ammaa kanattis haadhooliifi ijoolleen dhalatan hundi yaaliifi hordoffii oggeessoota fayyaatiin taasifamaaf jiraachuu Komunikeshiniin Yunivasitichaa toora miidiyaa hawaasaa isaarratti qoodeera.
Eejensiin Tajaajila Qormaataa fi Madaallii Itoophiyaa ibsa dhimma kaan ilaalchisee baaseen, barattoonni shamarranii qormaata fudhachuuf Yuunivarsiitii erga seenanii booda daa'ima dahan yeroo itti aanu kan qoraman ta'uu ibseera.
Barattoonni shamarranii erga qorumsa biyyaleessaa kanaaf yunvarsiitii seenaniin booda yunivarsitoota garaa garaa keessatti tibbana dahanis lakkoofsi isaanii kudhan caalaniiru.
Barattoonni shamarranii qorumsaaf gara yunivarsitootaa deemanii garuu ciniinsuu akka tasaa isaan qabeen dahan kunneenis, yeroo qorumsaa marsaa lammeessoo irratti akka qoramaniif haalli akka mijatuuf Miniteerri Barnootaa ibsuunsaa ni yaadatama.