Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Af- Gaaffii fokkisaa: 'Akka daa’imnuufi akka sa’aatti akka mar’annu nu gaafatan'
Laa'een af-gaaffii qacarrii hojiitiif yeroo beellamaa irratti ture kan waajjira seeraa Biriistal qaqqabde. Garuu daqiiqaa 20 booda sagantichi akka haqameefi guyyaa itti aanu akka dhuftu jechuun kan itti himame.
Baayyee aarte. Boodarra beellamni haqameera kan jedhameyyuu qaama qormaataati kan jedhu ergaan ishee qaqqabe. Kanaaf jecha nikufte.
Gochi kuni waan sirrii hin taane fi hedduu ishee aarse waan ta’eef inumaa yaada hojii mataashii uummachuu akka yaadduf ishee kakaase.
Mudannoon akkanaa kan qunname Laa'ee qofa miti. Akka ejensiin qacarrii jedhutti namoota af-gaaffii qacarrii hojiitif deeman keessaa walakkaa kan tahan waan akkanaatu isaan mudata.
BBC’n seenaa namoota adeemsa af-gaaffii qacarrii irratti waan fokkisaan isaan qunname, kan isaan aarsee iyyaafateera.
Isaan kan qunnaman erga oduun John Lewis adeemsa qacarrii amma dura ture jijjiiruun namootni af-gaaffiif dhufan gaaffii gaafataman dursanii akka beekan gochuu jalqabuufi jedhu dhagahameeyi.
Kanaaf af-gaaffiwwan fokkisoo tahan maal nubarsiisu? Namootni af-gaaffii gaafatanii fi gaafataman hoo maal gochuu qabu?
Akkuma Laa'ee, Aiziin Fu illee mudannoo dansaa hin taane qabdi. Isheen gatii xiqqaa irratti ambaasaadara barattootaa ta’uuf ture kan dorgomte.
Af-gaaffii garee ture irratti namni hunduu akka daa’imaatti harkaa fi jilbaan akka daa’imanii fi akka sa’aatti akka mar’atan ture kan gaafataman.
“Waan kana daqiiqaa sadii hanga shanii ta’uuf goone. Yeroo sanatti baayyeen mufadhe. Waan ta’uu hin malle ture. garuu dhiibbaa hiriyyootaatu ture. Sababnisaas namni hunduu gochaatumaa ture” jechuun yaadatti.
Warri af-gaaffii sana gaafatan dorgomaa kamtu irra tapha danda’a kan jedhu adda baasuuf akka ta’e himanillee, isheen garuu namni ta’e aangoo isaa agarsiisuuf akkas godhe shakkii jedhu qabdi.
Dhimmi biraan yeroo af-gaaffii qacarrii hojii qollifannaa ittiin namarraan gahamu ammoo dhimma umriiti.
Kanneen af-gaaffii nama gaafatan keessa darbanii qoramtoota gaaffii ‘Kana booda umrii meeqa jiraachuuf sihafa?’ kan jedhufaayyuu gaafatu.
Kaasiriyen umrii ijoollummaatti ture barnootaafi carraa hojii barbaachaaf gara London kan godaante.
Akka isheen jettutti namni ishee qacaruuf jedhu kuni sababa bakka dhufaatii isheetiin gatii UK tti kanfalamu osoo hin taane gatii Ugaandaatiin akka kanfaluuf itti hime. Sababa kanaaf dorgommicha keessaa ofbaasuu filatte.
“Essarraa dhufte kan jedhu waan to’annoo keetiin ala ta’edha,” jetti. Isheen ergasii ofiifuu nama qacaruuf af-gaaffii akka gootuu fi namoota yeroo gaafattu eeggannoo akka gootu dubbatti.
Ijoollee qabdaa?
Kanneen yeroo af-gaaffii gageessan dhiibbaan irra gahu BBC’tti dubbatan kaan sababa saala isaaniitiin dhiibbaan akka isaan mudatu himu.
Akka ragaan dhaabbata qacarrii irraa argame ibsutti dubartoota shan keessaa tokko yeroo af-gaaffii qacarriitti akka daa’ima qabanii fi qabaachuuf karoora akka qaban gaafatamaniiru.
Kiyati sandram, gaaffii akkanaa hamma lakkooftuu olittii irra deddeebiin akka gaafatamte himti.
Kanneen af-gaaffii gaafatan warra qoramu waa’ee fuudhaaf heeruma isaanii, daa’ima qabaachuu fi dhiisuu akkasumas waa’ee karoora daa’ima qabaachuu isaanii gaafachuun seeran ala.
Gaaffiileen akkanaa garuu keessumaa dubartoota gita olaanoo irratti dorgomanitti niheddummaata.
Akka sandram jettutti, kanaaf sababa kan ta’u dhaabbileen ‘Bu’a qabeessummaa dinagdee’ isaanitiif jecha kana gaafatu.
Sababnisaas haguma mindaa olaanaa kanfaltu dubartii sanaaf yeroo da’umsaa beenyaa olaanaa kanfaluuf waan dirqamaniifi. Isaan kana keessa galuu jibbaaf gaaffii akkanaa gaafatu jetti.