Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Furdinniifi qal'inni morma keessanii waa'ee fayyaa keessanii maal akeeka?
Yeroo hedduu garaan keenya yoo guddate ykn uffanni dur nutti ta'u yoo nutti dhiphate ulfaatinni qaama keenyaa akka dabale hubanna.
Garuu kutaa qaamasaanii keessaa kan namoonni yeroo hedduu bakka itti hin kennine jira- morma.
Mormi keessan kan durii caalaa yoo furdate ykn qal'ate, rakkoon fayyaa wayii akka jiru akeekkachiistudha.
Mormi koo hammam furdachuu qaba?
Furdinni qaamaa yeroo heddu kan tilmaamamu ulfaatinaafi dheerina nama sanaa safaruudhaani.
Haa tahu malee, kuni namoota ispoortii hojjataniif hin hojjatu, sababni isaa maashaan isaanii ulfaatina agarsiisa waan ta'eef.
Kanaafidha mormi keessan hangam akka bal'atu meetiraan safaruun waa'ee fayyaa keessanii waan akeeku kan qaba.
Safartuu meetiraa harkaa yoo qabaattan, bal'inni ykn furdinni morma keessanii hangam ta'uu qaba?
"Bal'inni [circumference] morma dubartootaa cm 33 hanga 35 ta'uu qaba, kan dhiirotaa ammoo cm 37 hanga 40 ta'uu qaba," jedha Hindiitti pirezidaantii National Academy of Medical Sciences kan ta'e Dr. Shiiv Kuumaar.
Mormi koo yoo furdate rakkoowwan fayyaa maal geessisa?
Namoonni tokko tokko mormi isaanii jabaa akka fakkaatuuf ulfaatina kaasu. Atileetonni ispoortii akka raagbifi buunyaa fa'aa mormi isaanii yoo furdatuuf ittiin boonu.
Garuu namoota akkasiin alatti, morma furdaa qabaachuun fayyummaaf gaarii akka hin taane himu ogeeyyiin.
"Mormi nama tokkoo kan duraan barame caalaa furdaa yoo ta'e, namni sun rakkoo fayyaa qabaachuu akeeka. Kana jechuun, qaamni nama sanaa gara furdinaatti deemaa jiraachuu agarsiisa," jetti pirofeesara DY Medical College kan taate Amitaav Baneerjee.
Dhibeewwan heddu ammoo furdina gar-malee ta'een akka wal-qabatan himti.
Coomni naannoo mormaa jiru cooma gogaa qaama keenya biraa wajjin garaa garummaa akka qabu himti.
Ulfaatina gar-malee yoo qabaattan, qaamni keessa cooma dhokataa garaachafi naannoo qaama saalaatii qaba.
Kuni comma naannoo tiruufi mar'umaanii fa'aatti kuufame yoo ta'u, sukkaara dhiigaa, kolestirooliifi dhiibbaa dhiigaa irratti dhiibbaa qabaata.
Mormi bakka coomni kun itti kuufamu keessaa tokkoodha ibsa Landanitti kan argamu Kingston University tti barsiisaa kan ta'e Dr. Ahmad Elbediwi.
"Ulfaatinni qaama keessanii hanguma guddaa ta'e, mormi keessanis guddata."
Mormi namaa kan barame caalaa furdaa yoo ta'e, rakkoo meetaabolikii agarsiisa- rakkoolee fayyaa dhibee sukkaaraa gosa 2 ykn rakkoolee fayyaa onneefi hidda dhiigaa geessisuu danda'a.
Sababni isaa, coomni olaanan qaama keessan keessa yoo jiraate, tishuuwwan coomaa hidda dhiigaa keessan keessatti salphaatti akka baqu taasisa.
"Namni mormisaa furdaa ta'e, kolestiroolii olaanaa, cooma rajiijii, dhibee sukkaaraafi dhiibbaa dhiigaa qabaachuu danda'a," jedha Deelhitti kan argamu Sir Ganga Ram Hospital tti gorsaa olaanaa kan ta'e Dr Mohsin Waalii.
Akkasumas hirriba keessa hafuurri nama cituus geessisuu akka danda'u hima Dr. Mohsin.
Mormi baay'ee yoo qal'ate hoo rakkoo qabaa?
Morma qal'achuun yeroo heddu bareedina wajjin wal-qabata. Kan mormi lawwee, mundhiin sonsaa! jedhama mitiiree.
Namoonni morma isaanitti faaya garaa garaa naqachuun miidhagina agarsiisu. Biyyoota Afrikaa tokko tokko keessatti dubartoonni mormi isaanii dheeraafi bareedaa akka fakkaatuuf faaya addaa godhatu.
Morma qallachuun mallattoo bareedinaa ta'ee yoo fudhatamellee, gama biraan ammoo mallattoo hanqina albuuda ayiranii ykn animiyaa ta'uu akka danda'u ibsu ogeeyyin fayyaa.
"Namoonni akkasii ayiranii, vaayitaminiifi qabiyyee nyaataa birootu kennamaaf," darbee darbee dhiiga nama biraa irraa fudhachuufillee akka isaan dirqamsiisu himu Dr. Atireyaa Nihaaraachandiraa.
Namoonni morma qal'aa qaban lafee dugdaa ykn vartabiraa dabalataa qabaachuu malu.
Vartabiraan lafeewwan xixiqqoo dugugguruu dugdaa uuman yoo ta'u, lafeewwan kunneen lakkoofsaan torba. Namoota morma qal'aa qaban irratti lafee saddeet ta'ee uumamuu akka danda'u himu ogeeyyiin.
Namoota morma qal'aa qaban irratti lakkoofsi lafee vartabiraa dabalataa mul'atan illee, yeroo heddu rakkoo fayyaa hin geessisan.
"Haalota tokko tokko keessatti, lakkoofsi vartabiraa dabalataa yoo jiraate- saddeet yoo ta'e- mallattoon harki nama adooduu fa'aa mul'achuu mala," jedha Dr. Mohsin Waalii.
Gama biraan ammoo rakkoo dhiitoo mormaa ykn ucubaa geessisuu akka danda'us himu ogeeyyin.