Hayyuun Sirna Gadaa qorachuun addunyaatti beeksisan Pirof, Asmerom Laggasaa boqotan

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Sirna Gadaa Oromoo qorachuun hayyuun karaa saaqaniifi addunyaatti kan beeksisan Pirofeesar Asmaroom Laggaasaa du'aan boqotan.

Pireezidantiin duraanii Waldaa Qorannoo Oromoo (OSA), Ibraahiim Elemoo ''Abbaa qorannoo Sirna Gadaa Oromoo,'' jechuun Asmarooma Laggasaa ibsan.

Du'a isaanii dhagahuun gaddi itti dhagahamuu ibsuun ''…sabni Oromoo nama guddaa dhabe,'' jedhan.

Akka waldaa isaaniittis seenaan Oromoo akka beekamuuf nama ''karaa saaqe'' jedhanii akka ibsan himan.

Hanga Asmarooma Laggasaa namni ''seenaa Oromoo qorate hin jiru', jechuun dabaluunis qarooma killeeyyaa Sirna Gadaa isaan dura 'Gadaa' jechuun qorannoo maxxanse hin jiru jedhan.

Prof. Asmaroom dhalataa Ertiraa ta'anis walakkaa jaarratti kan dhiyaatuuf Sirna Gadaa Oromoorratti qorannoo bal'aa gaggeessuun beekamu.

Sirni Gadaa addunyattii akka beekamuuf gaheensaanii guddaa akka ta'etu himama.

Gumaata isaan qorannoo Sirna Gadaa irratti gaggeessuun gumaachaniif Yuunivarsiitii Finfinnee dabalatee dhaabbilee garaa garaa irraa badhaasa argataniiru.

Yuunivarsiitiin Finfinnee bara 2018 gumaata isaan Sirna Gadaa qorachuurratti taasisaniif doktireetii kabajaa kenneeraaf.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa irraas badhaasa beekamtii argataniiru. Badhaasicha pirezidaantii duraanii Mootummaa Naannoo Oromiyaa kan ta'an Dr. Lammaa Magarsaa harkaa kan fudhatan yoo ta'u, yeroo Oromoon waa'eesaa dubbachuufuu rakkisaa ta'etti Prof. Asmaroom Oromoof oolmaa guddaa akka oolan dubbatanii ture Lammmaa Magarsaa.

"Yeroo Oromoon waa'ee isaa haasa'uun itti ulfaatutti Prof. Asmaroom sabichaaf oolmaa guddaa waan oolaniif yeroo hundumaa onnee uummata Oromoo keessa jiraatu,' jechuun jajanii turan.

Sirna Gadaa irratti qorannoo gaggeessuu qofa osoo hin taane, waraqaaleefi kitaabolee Sirni Gadaa addunyaatti akka beekamu gochuu keessatti gahee guddaa qaban barreessaniiru.

Du'aan boqachuu Prof. Asmaroom hordofee Waldaan Qorannoo Oromoo (OSA) dabalatee namoonni siyaasaafi hawaasi Oromoo heddu gadda itti dhagahame ibsataa jiru.

Waldaan Qorannoo Oromoo ibsa baaseen, Prof. Asmaroom qorannoo Oromoo keessatti kanneen gumaata angafaa qaban keessaa ta'uu kaasuun gadda itti dhagahame beeksise.

Prof. Asmaroom qorannoowwan gaggeessaniin akkaataa itti addunyaan ilaalcha hawaasaafi siyaasa Afikaa hubatu, keessumattuu kan Oromoo akka jijjiiramu gochuu keessatti leegaasii hin dagatamne kaa'anii akka darbanis ibse Waldaan Qoranoo Oromoo.

Bara 1933tti Ertiraatti kan dhalatan Prof. Asmaroom, Sambata darbe, Amajjii 31, ganna 94tti umurii quufanii akka boqotan ibse Waldaan Qorannoo Ormoo.

Addumatti kitaabasaanii Gada: Three Approaches to the Study of African Society jedhu sirni Gadaa Oromoo maal akka ta'e kan ittiin addunyaa beeksisan akka ta'eefi gumaata isaan qorannoo Oromoo keessatti qabaniif bara 2007tti Badhaasa Umurii Guutuu Waldaa Qorannoo Oromoo irraa argachuu beeksise waldichi ibsa baaseen.

Uummatni biyya keessaafi biyya alaa jiru kabaja isaaniif maluun ''faarsee'' geggeessuun irra jiraata jechuun dubbate Pireezidantiin duraanii Waldaa Qorannoo Oromoo, Ibraahiim Elemoo.

''Oromoon leegaasii isaanii kan itti fufsiisuu qabu isarraa barachuudhaani,'' jechuunis dubbatan Obbo Ibraahiim.