Godaantonni Ameerikaatii ari'aman jalqabaa torba Ruwaandaa gahan

Yolaand Maakoloo

Madda suuraa, PA Media

Ruwaandaan akkaataa godaantota 250 fudhachuudhaaf Pirezidant Doonaald Tiraamp waliin waliigalteen, godaantonni jalqabaa torba magaalaa guddoo Ruwaandaa, Kigaalii gahaniiru.

Dubbi-himtuun mootummaa Ruwaandaa Yolaand Maakoloo gareen godaantota torba of keessaa qabu walakkeessa Hagayyaa Ruwaandaa galuu isaanii mirkaneessiteetti.

Dubbi-himtuun kun godaantota Ruwaandaa galan keessaa afur biyyattii keessa akka turaniifi sadii ammoo gara biyyasaaniitti akka deebiyan ibsuun alatti waa'ee lammummaa godaantoa kanaa odeeffannoo bal'aa hin kennine.

Jaarmiyaaleen mirgoota namaaf falman gamasaaniitiin, godaantonni gara biyya rakkoofi miidhaan irra gahuu danda'utti kan geeffaman taanaan, tarkaanfiin godaantota akka kanaa ari'uu seera idil-addunyaa cabsuu akka danda'u akeekkachiisaniiru.

Tiraamp Amajji darbe erga aangoo marsaa lamaffaa isaa jalaberraa kaasee godaantota sanada hin qabne Ameerikaa keessa jiraatan sagantaa ari'uurratti xiyyeeffateera. Hanga ammaattis biyyoonni baayyeen godaantota biyyoota biroorraa ar'iman fudhachuuf hayyamamoo ta'aniiru.

Dubbi-himtuun mootummaa Makoolaan madda oduu deeggaraa mootummaa ta'e Niiwu Taayims, Niiwu Saayit jedhamutti, "godaantonni kunneen mootummaa Ruwaandaatiin deeggarsiifi eegumsi barbaachisu ni taasifamaaf," jette.

Godaantonni kunneen dhaabbata idil-addunyaa keessa kan turan yoo ta'u, dhaabbata dhimma baqattootaa (IOM) fi tajaajila hawaasummaa Ruwaandaatiin ammoo akka daawwataman dubbatte dubbi-himtuun kun.

Dubbi-himaan IOM akkuma kana fedhiin bu'uuraa godaantotaa guutuamuufii isaa gamaggamuuf godaantota kanneen daawwachuu maddi oduu AFPtti himee garuu dhimma kanarratti garuu odeeffannoo bal'aa hin kennine.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Jalqaba ji'a kanaarratti BBCtti yeroo dubbatte Maakoolaan, Ruwaandaan waliigaltee kana kan fudhatteef "tokkoo tokkoon lammilee Ruwaandaa haala jechuun danda'amuuun bu'aa ba'ii buqqa'uu arganii rakkoo kana waan hubataniif" ta'uu dubbatte.

Ruwaandaan walakkeessa bara 1990oota keessa duguuggaa sanyii keessa kan dabarte yo ta'u, mootummaan biyyattii godaantota biyyoota biroo keessummeessaa tureera.

Qabsiinsa mirga namaarratti biyyattiin qeeqni irratti dhiyaatullee, bakka godaantotaaf mijataa ta'eefi nageenyi isaa eegame akka ta'uuf hojjechaan jira jetti.

Waliigaltee waggaa ja'a dura Gamtaa Afrikaa fi Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Ejensii Baqatootaa waliin waliigaltee irra geesseen, godaantotaafi kolu-galtummaa namoota gaafatan kuma sadiitti siqan Liibiyaa keessatti rakkoon mudate Fulbaana 2019 hanga ebla 2025 gidduutti gara Ruwaandaatti ergamaniiru.

Ruwaandaan Yunaayitid Kingidam waliinis waliigaltee wal fakkaatu ka qabdu yoo ta'u, godaantonni koluu-galtummaa gaafatan Ruwaandaa ta'uun dhimmasaanii akka hordofan bara 2022 keeesssa mootummaa leellisumaan beekamu waliin waliigalteerra geessee turte.

Haata'u malee, bara darbe dursaan Labar Paartii [Paartii Dafqaan-bulaa] Sar Kiir Istaarmar gara aangootti dhufaniin booda UKn gaaffileen seeraa baayyeen irratti kaanaan waliigaltee kana 'shaarteetti'.

UKn akkaataa waliigaltee kanaan Ruwaandaaf maallaqa dolaara miliyoona 310 kan kaffalte yoo taatu, warra kolu-galtummaa gaafataniif mana ijaaraa turte.

Yeroo ammaa kana manneen kun maalirra akka jiran odeeffannoon ifa ta'e hin jiru. Ruwaandaan waliigaltee dhiyeenya kana Ameerikaa waliin taasifteef kaffaltaan maallaqaa taasifameef jiraachuufi jiraachuu dhabuun isaa ifa miti.

Ji'a Waxabajjii keessa bulchiinsi Tiraamp Ruwaandaafi Rippablika Dimokiraatawa Koongoo gidduu walitti bu'iinsa waggoota 30f ture dhaabuuf waliigaltee Waashingiteenitti mallatteessuun isaanii ni yaadatama.

Ruwaandaan garee finciltootaa Dimokiraatik Rippablika Koongoo keessa socho'u M23 jedhamu deggarti jedhamuun kan himatamtullee isheen garuu irra deddeebiin waakkatteetti.