Abbaan seeraa 'garraamiifi jaalatamaa' boqatan, Firaanki Di Kaappiriyoo eenyu?

Hasan Abdii fi abbaa seeraa Firaank Kaappiriyoo

Madda suuraa, SM/ Frank Kaappiriyoo

Abbaa seeraa beekamaa fi kabajamaa addunyaa kana irratti maqaa gaarii horatan, Firaanki De Kaapiriyoo, umurii isaanii waggaa 88'n boqatan.

Abbaan seeraa kun mana murtii keessatti garraamummaa, jaalalaa fi qajeelummaa namatti agarsiisaniin beekamu.

Ibsa fuula miidiyaa hawwaasaa isaa irratti qoodameen Odola Roodee keessatti kan beekaman abbaan seeraa Firaanki Kaapiriyoo dhibee kaanserii irraa yaalamaa turuun umurii isaanii waggaa 88'n boqatan.

Abbaan seeraa gaarii namaaf ooluun beekaman kun jireenya nama hedduu keessatti ashaaraa gaarii kaa'uun darbaniiru.

Sagantaa TV irratti sagantaan dhaddacha isaanii darbaa kan ture yoo tahu, namoonni gaarummaa akka irraa barataniif dhiibbaa guddaa kan uumedha.

Ibsichi akka abbaa seeraa jabaa tokkotti qofa yaadatama osoo hin taane, ''abbaa warraa gaarii, abbaa fi akaakayyuu gaariis turan. Leegaasiin garraamummaa isaa yeroo hundaa jiraata. Addunyaa kanatti akkuma isaa mee gaarummaa haa agarsiinu'' jedha.

Sagantaan TV isaa waggaa hedduuf darba ture Caught in Providence'' jedhama. Viidiyoon sagantaa kana irraa kutamuun miidiyaa hawwaasaa irratti qoodamaa turan hedduun dhiibbaa uumaniiru.

Kaappiriyoon ''abbaa seeraa gaarii'' jedhamuun addunyaa irratti beekama. Kunis gaarummaa mana murtii keessatti himatamtootatti agarsiisuufi waan isaan barbaachisuun gargaarsa kennuuni.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Sagantaan isaa bara 2000 keessa darbuu jalqabe. Ergasii badhaasa Eemii yeroo argateera.

''Gaarummaa fi garraamummaa, namaaf oo'uu ijoollummaakoo irraa kaasee maatiikoo irraan dhaale,'' jedhe Kaapiriyoon ji'a Guraandhalaa keessa kitaaba isaa 'Compassion in the Court' jedhu beeksisaa ture.

Kitaabni isaa seenaa jireenya dhala namaa kan jijjiiru abbaa seeraa gaarii Ameerikaa irraa jedhamuun barraa'e.

Maatii isaa Xaaliyaanii irraa tahuu kan hime Kaappiriyoon ollaa isaanii hundaa gargaaraa fi jaalalaan waliin jiraachaa akka turan hime.

''Al takka takka harkumakee gateettii nama tokkoo irra keessee dakka isatti/isheetti amantu itti himuun jireenya isaanii jijjiiruu dandeessa,''jechuun bara 2024 NBCtti hime.

Kaappiriyoon bara 1936 Ameerikaa, Odola Roodee keessatti dhalatee guddate.

Naannoo dhaloota isaatti abbaa seeraa tahuun ramadamee hojjechaa tureera.

Osoo abbaa seeraa hin tahiin dura barsiisaa turan. Guyyaa guyyaa barsiisaa halkan ammoo ogummaa seeraa Boostanitti Yuunivarsiitii Suufoolk jedhamutti barachuun waggaa 50 boodadha gara naannoo dhaloota isaaniitti deebi'uun ogummaa seeraan kan tajaajilaa turan.

Bara 1985 hanga 023tti ogummaa seeraan tajaajilaa turan. Bara 2023 guyyaa dhaloota isaanii waggaa 87ffaa yeroo kabajatan ture akka dhibee kaanserii qoonqoon qabaman kan baran.

Miidiyaa hawwaasaa isaanii irratti ''hundi keessaniyyuu akkuma amantaa keessaniitti akka naaf kadhattan barbaada. Dhiyoo kana fayyaa hin qabu. Qorannoo fayyaa taasisee bu'aan isaas gaarii miti,'' jechuun himan.

Kaanseriin qabamuu isaanii erga ibsaniis miidiyaa hawwaasaa isaanii irratti ergaa dabarsaniiru.

''Imala dheeraa akka tahe nan hubadha. Ulfaataa tahus hanga humnakoo dandamachuuf qophiidha'' jedhan.

Hordoftoota isaas galateeffachuun ''yaala argachaan jira. Garuu meeshaa guddaan akkan fayyu na gargaaru kadhannaa akka tahen amana. Kanaaf kadhannaa keessan keessatti na yaadadhaa'' jedhan.

Namoonni addunyaarra isa beekan gadda isaanii ibsachaa jiru. ''Nagaan boqadhu Obbo. Yeroo hundumaa siin ilaaluun akkan ilaalcha gaarii qabaadhu na godheera,'' jette taatoo beekamtuu Naayijeeriyaa Ufuumaa Makdermoot.

Namni biraa Afrikaa keessatti sagantaa kee bakka deeme hunda taa'een miidiyaa hawwaasaa irraa hordofaa ture.Lubbuun kee jannata keessa haa boqattu'' jedhe fayyadamaan miidiyaa hawwaasaa biraa.

Kaappiriyoon maatii Xaaliyaanii irraa Ameerikaatti dhalate. Barumsa isaa mana barumsaa Pirovidense jedhamutti hordofe.

Saayinii nyaataa miiccaa fi kophee qulqulleessaa barachaa ture. Sadarkaa lamaffaa ammoo mana barumsaa Senteraal jedhamutti xumure.

Bara 1953 dorgommii wal'aansoo mootummaan qopheessu mo'achuun badhaasa fudhateera.

Erga abbaa seeraa tahuun hojjechuu jalqabee haqi dhala namaa hundaaf kennamuu akka qabuu fi wal qixxummaan hunduu haqa isaa argachuu aka qabu barsiisaa ture.

''Ameerikaa keessatti namoonni %90 tahanii fi galii gadi aanaa argatan dhimmootuma siivilii akka inshuraansii fayyaa, faayidaalee akak sooramaa, seera tiraafikaallee cabsuun haqa argachuuf rakkatu,'' jedhan.

Erga sagantaa dhaddachaa hojjetu TV'n dabarsuu jalqabee addatti akak jaalatamu kan godhe ammoo isa inni ijoollee maatii gara wal tajjiitti fiduun ofuma keessan maatii keessan irratti murtii dabarsaa jedhudha.

Murtoo haqa qabeessa namoota gargaaran dabarsuu qofa sooo hin taane ofuma isaafuu waan danda'uun namoota rakkoo addaa qaban gargaaraa ture.

Bulchaa Odola Roodee tahuuf bara 1968 paartii Dimokiraatotaa bakka bu'ee dorgomeera. garuu osoo hin mo'atiin hafe.

Bara 1970 keessa ammoo Abbaa Alangaa Waliigalaa Odola Roodee tahuufis dorgomee sagalee xiqqoof mo'ame.

Boordii Barnootaa Roodee hogganuunis tajaajilaa ture. Kaappiriyoon dooktoreetii kabajaa yuunvarsiitii Suufolk irraa argateera.

Abbaan isaa barnoota kutaa shanitti waan dhaabaniif carraa barnootaa maatii harka qalleeyyii Odola Roodee irraaf hundeessunis kennaa tureera.

Kaappiriyoon nama hawwaasa isaaf jiraatee fi namummaa fi garraamummaan maal akka tahe addunyaatti agarsiisee darbedha.

Abbaa seeraa jaalatamaa Firaank Kaappiriyoo

Madda suuraa, Getty Images

Kaappiriyoo fi dhalataa Itoophiyaa Hasan

Abbaan seeraa Kaappiriyoon guyyaa tokko dhaddacha irratti dhalataa Itoophiyaa Abdii Hasan jedhamu konkolaataa bakka hin eeyyamamne dhaabee himatame argan.

Hasan Abdii dhalataa Itoophiyaati. Gara Ameerikaa erga deemee waggoonni 16 darbaniiru. Ijoollee lama qaba. Ijoollee isaa lamaan yeroo baqattummaan Ameerikaa ture akka godhate hime.

Kaappiriyoon eessarraa dhufte? Ijoollee meeqa qabda? Sa'a hagamii hojjetta jechuun gaafatan.

Hasan mana kuusaa banuun hojjechaa akka ture himun amma immoo sa'a 16 hojjedheen ijoolleekoo kolleejjii barsiisa jedhe.

Kaappiriyoon 'sa'aa 16 hojjetee ijoollee isaa kunuunsee barsiisa, abbaa jabaadha, maatii kaaniifis nama fakkeenya tahudha jechuun isa jajan.

Sana booda gara ijoollummaa isaaniitti deebi'uun seenaa abbaa isaanii haasa'an.

''Nan yaadadha, ijoollummaakootti abbaankoo ganama sa'a 10tti ka'uun ture hojii kan deemu. Karaa ulfaataa ofii isaa irra darbe irra akka hin darbineef jabaadhee akkan baradhuu fi kolleejiii galu na gorsa ture,'' jedhan.

Ijoolleekeefis waan ati amma gochaa jirtu kun barnoota guddaadha erga jedhanii booda gara murtii kennuutti deebi'an.

Konkolaataakee bakka dhorkame dhaabuu fi paarkiingiif ammooosoo hin kaffaliin dhaabuudhaan adabbiin Doolara 300 sirratti barraa'eera jedhan. Ati abbaa gaarii fi fakeenya taahuu dandeesu waan taateef 300 keessaa doolaara 160 qof akka kaffaltu sitti murteessera. Kana kaffaluu dandeessaa? jedhanii gaafatan.

Hasanis ''eeyyee nan kaffala'' jennaan dhamaatii isaa jabaatee akka itti fufu gorsanii isa jajuun gadhiisan.