Daballii mindaa mootummaan taasisee fi jireenya hojjettoota mootummaa

Qaala'iinsa jireenyaa giraafiidhaan

Mootummaan Itoophiyaa haala qabatamaa diinagdeen biyyattii irratti argamuu fi qaala'iinsa jireenyaa amma jiru ilaalcha keessa galchuun mindaa hojjettoota mootummaa (siivil sarvaantotaa) akka dabale ibseera.

Biyyattii keessatti hoji dhabdummaan rakkoo ijoo yoo ta'u, kanneen hojii mootummaa argatanis mindaa isaan jiraachisuu danda'u waan hin arganneef kun akka sirratuuf gaaffii kaasaa turaniiru.

Ogeessa diinagdee kan ta'e Mariid Tulluu biyya lammiileen ishee dhibbeentaa 70 ta'an hiyyummaa keessa jiran fi dhibbeentaa 40 kan ta'an sarara hiyyummaa gadi jiran keessatti siivil sarvaantiitti qormaati ni hammaata jedha.

Hojjettoonni mootummaa qaala'iinsa jireenyaa dandamachuu dadhabuun mindaan akka dabalamuuf gaafachaa turan.

Mootummaan Itoophiyaa yeroo gatiin sharafa alaa haala qabatamaa gabaa jiruun akka murtaa'u labsu gatii birriin akkaan gadi bu'ee ture.

Kanarraa ka'uun dandeettiin waa bituu birrii wayita gadi bu'u hojjettoonni mootummaa qormaata keessa galan.

Sababa kanatti bara darbe Hagayya keessa mindaan hojjettoota mootummaa dabalamee turus rakkoon isaanii hin furamne. Kanaaf hojjettoonni gaaffiisaanii itti fufan.

Mootummaan bara darbe sirreeffama mindaa taasiseen mindaa isa xiqqaa ta'e birrii 1,110 kan ture gara birrii 4,760tti guddisee ture. Dhibbeentaa 332n dabaleera jechuudha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Fooyya'iinsa mindaa taasifame kanaan mindaa olaanaa irratti birrii xiqqaatu dabalame. Mindaan hojjetaan mootummaa argatu inni guddaan birrii 20,468 ture, kanarratti birrii 1,023 qofatu dabalame.

Mootummaan baranas qaala'iinsa jireenyaa hammaate ilaalcha keessa galchuun mindaa hojjettootaa fooyyesseera.

Haala kanaan mindaan hojjettoota mootummaa digirii jalqabaa qabanii kan duraan birrii 6,900 ture gara birrii 11,500tti guddateera.

Fooyya'iinsa amma taasifame kanaan mindaa hojjetaa mootummaa isa xiqqaa ta'erratti birriin 1,240 kan dabalame yoo ta'u, isa olaannaarratti ammoo birrii 17,508tu dabalame.

Fooyya'iinsi mindaa bara kanaa, kan Hagayya 18, 2025 ibsame garuu mindaa olaanaarratti guddaa dabale.

Mindaa olaanaan birrii 21,492 ture gara birrii 39,000tti guddachuu Komishiniin Siivil Sarvisii ibseera.

Sadarkaa mindaa birriin 11,500 irratti dabalame keessaa fiixeerra kan jiru irratti birriin dabalame dhibbeentaa 81.4 ta'a.

Mootummaan Itoophiyaa bara darbe birrii biiliyoona 90 daballii mindaa hojjettootaaf oolchuu hima, daballii baranaa Onkoloolessa 2018 irraa hojiirra ooluuf ammoo birrii biiliyoona 160 akka barbaachisu ibseera.

Mootummaan mindaa hojjettootaaf dabaluun lammiileef waan gaarii fidee dhufa jedheen yaada jedha ogeessi diinagdee Mariid Tulluu.

Yoo xiqqaate dandeettiin meeshaalee bituu siivil sarvaantotaa ni dabala kan jedhu Mariid, ''mootummaan mindaa dabaluu caalaa haala waliigalaa hojjettoota fayyaduu danda'urratti yoo hojjete furmaata ta'a,'' jedhe.

Ogeessi diinagdee kun akka jedhutti haala gatiin birrii itti gadi bu'aa jiru fi gatiin meeshaalee itti dabalaa jiru yoo ilaalle mindaan hojjettoota mootummaa kana caalaa dabalamuu qaba jedha.

''Inuma hanga gatiin birrii gadi bu'e (devalue ta'e) sanaan dabaluu qabu. Haala amma jiruun mindaan hojjettootaa dhibbeentaa 200 hanga 300n dabaluu qaba.''

Ogeessi diinagdee Mariid Tulluu akka jedhutti mindaan hojjettoota mootummaa yeroo ammaa Itoophiyaatti isa guddaadha jedhamuun labsame (birrii kuma 39) gaafa harka hojjetaa ga'u xiqqaadha.

''Kuma 39 keessaa dhibbeentaan 35 citee gara mootummaatti deebi'a. Kan haferraa ammoo sooromaaf ni cita. Hojjetaan kun meeshaalee biturratti VAT ni kaffala. Kana cinaatti buusiiwwan adda addaaf ni kaffala. Kun hundi irraa citee dhumarratti kuma 18 hanga kuma 20 caalaan harka hin ga'u.''

Oduun mindaan dabale jedhu akkuma dhagahamuun daldaltoonni meeshaarratti gatii dabaluun waanuma eegamu kan jedhu Mariid, mindaa qofa dabaluu caalaa hojjettootaaf faayidaalee garaagaraa guutuutu furmaata ta'a jedhe.

Faayidaalee adda addaa kanneen akka tajaajila fayyaa gatii madaalawaadhaan ykn ammoo tola argachuu qabu jedha.

Rakkoon hojjetaa mootummaa isaan ijoo keessaa tokko mana jireenyaati waan ta'eef mootummaan kanarratti xiyyeeffachuu qaba jedha.

''Hojjetaan humna ittiin ijaarratus hin qabu. Lafa duwwaa kennuunis furmaata hin ta'u. Ijaaranii kennuufii, akkuma kan yuniversitootaa, yookiin ammoo gatii humnasaanii madaaluun dhiheessuufiitu furmaata.''

Kanaan ala mindaa qofa gabaatti gadi baasuun dhiibbaa guddaa qaba jedha ogeessi diinagdee Mariid Tulluu.

Waa'ee daldaltoota gatii dabalanii fi VAT irratti mootummaan maal jedhe?

Dubartii midhaan duuba teessee birrii lakkooftu

Madda suuraa, Getty Images

Ministirri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Qaxanaa Obbo Kaasahuun Gofee akkuma mootummaan daballii miindaa ibseen sochii daldala seeraan alaa sababa kanatti mudachuu malu irratti to'annoo akka cimsu ibsaniiru.

Obbo Kaasahuun ergaa Facebook irratti dabarsaniin''Daldaltoonni of jaalattoonni tokko tokko daballii mindaa sababa godhachuun haala jireenya hojjettootaa fooyyessuuf faayidaa hin malle barbaacha ariifachaa akka jiran hubatameera,'' jedhan.

Namoonni labsii lakkoofsa 980/2008 fi 813/2006 akkasumas seera yakkaa 1996 darbuun sochii daldala seeran alaa raawwachuun meeshaalee daldalaa fi tajaajiloota irratti daballii gatii madaalawaa hin taane taasisan akka of qusatan hubachiisaniiru.

Mootummaan hordoffii fi to'annoo gabaa cimsuun namoota daldala seeran alaa raawwatan irratti tarkaanfii naamusaa akka fudhatus ibsaniiru.

Mootummaan mindaa hojjettootaaf dabaluu booda wantoota akka yaaddootti ka'an keessaa tokko gibirri galii dabalataa (VAT) dabale kan jedhuudha.

Haata'u malee mootummaan VAT dhibbeentaa 17.5tti akka ol guddatuuf yaada dhiyaate kuffisuun dhibbeentaa 15n akka itti fufu ibseera.

Ministeerri Maallaqaa akka beeksisetti mootummaan federaaaa murtee kana kan dabarse VATn dhibbeentaa 15 amma irra jiru irraa gara 17.5tti yoo ol guddate dhiibbaa uummatarraan gaha jechuun yaadeeti.

Daballiin VAT dhibbeentaa 17.5tti akka ol guddatuuf yaadi kandhiyaate, gamaaggama sassaabbii gibiraa mootummaan taasisu oomisha waliigalaa biyyattii wajjin wal-bira qabamee yeroo madaalamu ilaaluuf sanada marii dhiyaate irrattiidha.

Sanada marichaa irratti hangi VAT Itoophiyaan sassaabduu kan biyyoota Afrikaa kaan waliin yoo wal-bira qabamu "gadaanaa" akka ta'ee ibsuun akka dhibbeentaa 2.5 dabaluun gara dhibbeentaa 17.5tti akka ol guddattu yaanni dhiyaate.

Mootummaan garuu yaada daballii VAT dhiyaate akka hojiirra hin oolchine beeksiseera.

Mootummaan kanaan dura wayita mindaa dabalu hojjettoota mootummaa mindaa gadi aanaa argataniif dhibbeentaa guddaa dabala ture. Sirreeffama mindaa bara 2024 taasifameen akkas ture.

Bara kana garuu warra mindaa guddaa argataniif dhibbeentaa olaanaan dabalame. Kun ammoo hojjettoota mootummaa gidduuttis garaagarummaa guddaa uuma.

Daldaltoonni akkaataa mindaa guddaa dabalameen yoo gatii meeshaa dabalan hojjettoonni ammas mindaa xiqqaa argatan rakkoo keessa galu.

''Warra mindaa olaanaa argataniif hanga dhibbeentaa 80 dabalan. Akki ta'uu qabu kanneen mindaa xiqqaa argataniif parsantii guddaa, fakkeenyaaf 150n osoo dabalanii gaariidha,'' jedha ogeessi diinagdee Mariid Tulluu.

Mootummaan dhiibbaa hojjettootaa ofirraa qabuuf mindaa dabalee?

Sirreeffama mindaa kana hordofuun mootummaan dhiibbaa hojjettootarraa isa mudachuu malu ofirraa tasgabbeessuuf tarkaanfii fudhatedha jechuun kan qeeqan jiru.

Ogeessi diinagdee Mariid Tulluu haala qabatamaa diinagdee biyyattiitu mootummaan akka mindaa dabalu dirqamsiisa jedha.

Mootummaan Itoophiyaa bara 2018f waliigalatti baajata birrii tiriiliyeena lamatti siqu ramadeera.

Kana keessaa mindaa hojjettootaa sirreeffame kana hojiirra oolchuuf birrii biiliyoona 160 akka barbaachisu ibseera.

Mootummaan kana raawwachuuf humna qaba kan jedhu ogeessi diinagdee Mariid Tulluu ''baajata birrii tiriiliyoona 1.93 mootummaan ramade keessaa dhibbeentaa 20 kan ta'u mindaa hojjettootaaf oola. Kun maallaqa guddaadha jedhamu miti,'' jedha.

Mootummaan akka mindaa dabaluuf hojjettoonni garaagaraa gaaffii gaafachuun dhiibbaa uumaniiru.

''Mootummaan kanaafis mindaa dabaluu danda'a. Haalota adda addaaf mindaa dabaluu danda'a. Namoonni kana siyaasaaf itti fayyadamuu danda'u,'' jedha Mariid.

Garuu biyya kana keessatti hojjetaan mootummaa mindaa ga'aa argatee hin beeku jedha.

''Biyyoonni guddatan kan ittiin milkaa'an keessaa tokko siivil sarvaantii isaanii kabajuu fi kaffaluudha,'' kan jedhu Mariid ''yoo hojjetaa mootummaaf sirriitti kaffalte malaammaltummaanis ni hir'ata. Hojjetaanis amanamummaa fi qulqullina akkasumas saffisa barbaadamuun hojjeta,'' jechuun bu'aa mindaa dabaluu ibsa.

Kanaafuu mindaan siivil sarvaantiidhaaf kaffalamu mataansaa akka baasiitti osoo hin taane investimantiidha jedha ogeessi diinagdee kun.

Ammoo mootummaan sababa kanaan qaala'iinsi jireenyaa (inflation) hamaan akka hin dhalanne ammumaan to'annoo cimsuun hojjettootaaf ammoo mindaan alatti faayidaalee adda addaa mirkaneessuu qaba jedha.

Mindaan dabalame jedhame kun gaafa waaman waan guddaa fakkaata malee wayita harka hojjetaa ga'u xiqqaa ta'a jedha Mariid.

''Akka mootummaattis birrii biiliyoona 160 sirreeffama mindaaf baasii gochuun waan guddaa miti. Gara doolaaraatti yoo deebisnu biiliyoona 1.2 hin caalu. Kanaaf birrii guddaa miti.''

Hojjetaa mootummaaf kanaa oltu malaaf kan jedhu ogeessi diinagdee kun ''koriidarii fi hidha gurguddaa qofa hojjechuu osoo hin taane lammiileenis akka jabaatan, akka jijjiiraman fi akka guddatan gochuun mootummaarraa ni eegama,'' jedha.

''Mootummaan gaaffii keenya deebise ni galateeffanna''

Mindaa hojjettoota mootummaa akka dabalamuuf jaarmiyaalee adda durummaan gaaffii dhiheessaa turan keessaa tokko Konfedereeshinii Hawaasa Hojjettootaa Itoophiyaati.

Pirezidantiin konfedereeshinichaa Obbo Kaasahuun Foolloo gaaffii fi deebii FBC waliin taasisaniin ''mootummaan gaaffii keenya dhagahee waan nuu deebiseef ni galateffanna,'' jechuun daballii mindaa mootummaan taasisetti gammaduu ibsan.

Daballii mindaa qofaan qaala'iinsa jireenyaa dandamachuun danda'amuu baatus ''mootummaan humna qabuun daballii mindaa hojjettootaaf taasiseen hojjetaan hunduu hamilee fi miira gammachuu horateera,'' jedhan Obbo Kaasahuun.

Haata'u malee yaaddoon hojjetaan qabu sababa daballii mindaa kanatti gatiin meeshaalee dabala kan jedhuudha jedhan.

''Kan kennameef akka harkaa hin butamneef mootummaan tarkaanfii cimsuu qaba.''

Mootummaan imaammata adda addaa erga bocee booda karaan ittiin hojiirra inni ijoon karaa siivil sarvaantiiti kan jedhan Obbo Kaasahuun, ''hojjetaan godaa hanga gubbaatti jiru imaammata kana qabatamaan hojiirra oolchuuf nyaatee buluu danda'uu qaba. Kanaafuu yoo kana argatu iftoominaan hojii fooyya'aa hojjeta,'' jedhan.

Mindaa xiqqaan bara 2017 dura ture 1,500 ture amma 6,000 galeera kan jedhan Obbo Kaasahuun ''kun mootummaan osoo humna qabaatee hojjetaaf kana caalaa akka kaffaluuf agarsiisa,'' jedhan.

Kanaafuu daballiin mindaa kun mootummaas, hojjetaas, tajaajilamaas kan fayyaduudha jedhan.

Humna amma jiruun tarkaanfiin mootummaan fudhate jajjabeessaa ta'uu kan dubbatan Obbo Kaasahuun, ''hojjetaan fuuldurattis wayita humni mootummaa kana caalaa cimu kaffaltii fooyya'aa akka argatu hubanneerra,'' jedhan.