Ajjeechaa suukkanneessaa miseensi Poolisii obbolaa sadirratti raawwateefi murtee kenname

Madda suuraa, Miidiyaa hawwaasaa
Mana haadha hiyyeessaa tokko, kan abba warraa hinqabne dhaqanii ijoollee dubraa sadi manaa fuudhanii bahanii yakka ajjeechaa kana raawwatan" Abbaa Seeraa
Miseensi Poolisii kun yakkoota malaammaltummaa 16 fi yakka ajjeechaa cimaa sadi, waliigalatti yakkoota 19'n himatame.
Himatamaan yakkoota kunneen raawwachuun himatame Saajin Shawaaqannaa Mogos Dajanee jedhama. Miseensa Poolisii Oromiyaa yemmuu ta'u, Godina Wallagga Lixaa Aanaa Sayyoo Noolee keessatti ramadamee hojjechaa ture.
Itti gaafatamni miseensa kanaaf kenname immoo miseensota Poolisii Farra Riphee Lolaafi poolisoota miseensa 35 qindeessuun rakkoo nageenyaa ganda itti ramadamee keessa jirurratti akka hojjetudha.
Haa ta'u malee himatamaan kun rakkoo nageenyaa aanicha keessa jiru akka furuuf kan ramadame ta'us dhimmicha akka haala mijataatti fayyadamuun yakkoota garagaraa raawwachaa akka ture galmeen himataa hima.
Yakkoota miseensi Poolisii kun aangoo kennameef dahoo godhachuun raawwate keessaa tokkommoo ajjeechaa suukkanneessaa obbolaa sadi irratti raawwatedha.
Guyyaansaa ALI Qaammee 3, 2016 yemmuu ta'u, iddoonsaammoo Aanaa Sayyoo Noolee ganda Qoree Kookir dha.
Guyyichatti himatamaan kun himatamaa lammaffaafi Manaajara ganda Qoree Kookir ta'uun hojjechaa kan ture Goobanaa Gabbisaa Baanjuu waliin ta'uun halkan dawoo godhatanii gara mana nama dhuunfaa deeman.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
"Halkan dawoo godhachuun mana nama dhuunfaa deemuudhaan ijoollee dubaraa umriinsaanii waggaa 18 gadi ta'an obbolaa sadi manaa fuudhanii bakka kaampii geessan" jedhu Mana Murtii Olaanaa Godina Wallagga Lixaatti Gaggeessaa Dhimma Yakkaa kan ta'an Abbaa Seeraa Tasammaa Ittaanaa.
Itti aansuunis "himatamaa tokkoffaan gocha sagaagalummaa irratti raawwachuuf yemmuu jedhu isaan keessaa daa'imni xiqqoon weerartee iyyitee yeroo harkaa baatu obboleessi shamarran kanaa dargaggoon tokko bakka isaan itti geeffaman dhaqee gaafate" jedhan.
Haa ta'u malee himatamaa tokkoffaa Saajin Shawaaqannaa Mogos, dargaggoo obbolootasaaf birmachuu deeme kana jilbeenfachiisuun rasaasa dhukaasee adda rukkutuun ajjeecha irratti raawwate.
Itti aansunis dubartoota obbolaa hafan ishee tokko rasaasaan qaama saalaa, ishee kaan immoo cinaacha keessa rukkutuun ajjeechaa irratti raawwate.
"Akka ragaa mana yaalaarraa hubatamutti ijoolleen durbaas inni dhiiraas hundumtuu umriinsaanii waggaa 18 gadidha" jedhan Abbaan Seeraa.
Yakkoota malaammaltummaa 16
Himatamaa Saajin Shawaaqannaa yakkoota ajjeechaa sadi dabalataan yakkoota malaamaltummaa garagaraa raawwachaa akka tures galmeen himtaasaa agarsiisa.
Yakkoonni malaamaltummaa kunis 16 yemmuu ta'an, aangoosaatti fayyadamuun namoota to'achuun kan raawwatedha.
"Namoota garagaraa yakka hoomaayyuu osoo hin raawwatin qabee to'ata. Erga to'atee booda 'qarshii naaf kaffalaa' jedhee gaafata. Qarshii inni gaafate erga kaffalanii boodammoo to'annoo jalaa gadi lakkisaa ture," jedhan Abbaan Seeraa.
Kunis himatamaa kanarratti himatawwan yakka malaammaltummaa 16 akka irratti hundaa'u taasiseera.
Qorannaafi murtee kenname
Himatamtoonni lamaan yakkaan erga shakkamanii booda gareen qorannoo Qajeelcha Poolisii Godina Wallagga Lixaa fi Waajjira Abbaa Alangaa godinichaarraa walitti dhufe hundaa'uun qorannaan akka eegalame Abbaa Seeraa Tasammaa Ittaanaa himu.
Gareen kun gara Aanaa Sayyoo Noolee deemuun qorannoo adeemsisee erga xummuree booda Mana Murtii Olaanaa Godina Wallagga Lixaatti himanni hundaa'e.
Haaluma kanaan himatamaa tokkoffaa Saajin Shawaaqannaa Seera Yakkaa bara 1996 bahe Keewwata 539 akkasumas Labsii Yakkoota Malaammaltummaa 881/2007 Keewwata 9/1 darbuun waliigalatti himatawwan 19'n himatame.
Himatamaa lammaffaa Goobanaa Gabbisaa Baanjuu immoo himatamaa tokkoffaan miidhamtoota mana dhaqee akka ugguruuf haala mijeessuudhaan himatame.
Himatamtoonni lamaanuu himatawwan irratti hundaa'an ofirraa ittisuu waan hindandeenyeef murteen balleessummaa irratti murame.
Manni Murtii Olaanaa Godina Wallaga Lixaas dhaddacha Hagayya 13, 2017 taa'een himatamaa tokkoffaa Saajin Shawaaqannaa Mogos Dajanee irratti murtee du'aa murteesse.
Himatamaa lammaffaa Goobanaa Gabbisaa Baanjuu immoo hidhaa cimaa waggaa 2'n akka adabamu murteesse.
Gama biraatiin himatamaa tokkoffaan walqabatee 'kanaan dura kuusaa yakkaa kan hinqabne' kan jedhu akka yaada adabbii salphisutti ka'us fudhatama kan hin arganne ta'uu Abbaa Seeraa Tasammaa himaniiru.
"Dhimma kanaan walqabatee Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa 'namni tokko nama barate ta'ee gama biraatiin immoo namoota birootiif fakkeenya ta'uu osoo qabuu gochaa yakkaa jibbisiisaafi yellaasisaa kan raawwate yoo ta'e akka sababa adabbii salphisutti hinfudhatamu' kan jedhu caqasuun dhaddachi hinfudhanne" jedhan.
Kana malees himatamaan kun jaalala maallaqaa qabaachuuunsaa fi qaama nageenyaa ta'ee imaanaa itti kenname dagachuun yakkoota kunneen raawwachuunsaa akka yaadawwan adabbii cimsanitti fudhatamuu himaniiru.












