"Ani bineessa miti, aadaa koo keessa hin jiru" -Baqataan Itoophiyaa UKtti miidhaa saalaan himatame

Madda suuraa, CPS
Yunaayitid Kingidam, kutaa bulchiinsa Eseksi magaalaa Eepping keessatti qoccolloo saalaa raawwateera jedhamee kan himatame baqataan Itoophiyaa Haddush Gabre-sillaasee Qibaatuu "ani bineensa miti, ani Kiristaana, aadaa koo keessa kun hin jiru" jechuun yakka ittiin himatame akka hin raawwanne mana-murtiitti dubbate.
Ijoollee durbaa ol adeemoo waggaa 14 dabalatee qoccolloowwan saalaa raawwachuu, daa'imman gocha saal-qunnamtiif kakaasuu, miidhaa saal-qunnamtii raawwachuuhimannaawwan jedhaman kan irratti dhiyaate Haddush kan kan dubbate mana-murtii magaalaa Kolchester keessatti argamutti Roobii yeroo dhiyaatettidha.
Haddush karaa al-dileetiin A L I Waxabajji 22, 2027 Yunaayitid Kingidam kan seene yoo ta'u, to'annoo jala kan oolfame ammoo guyyaa saddet booda Adoolessa 1 ture.
Namni kun bkka namoonni kolu-galtummaa gaafatan Beel Hoteel keessa jiraata ture.
Qoccolloo saalaa kanas raawwate kan jedhame hiriyyoonni manneen-barnootaa walitti qabamanii taa'aa turan kan jedhame magaalaa Eepping keessattidha.
Haduush magaalaa Esiiks jedhamtu keessatti naannawa buufata baqattootaa keessa jiraatutti dubartootarratti haleellaa saalaa raawwachuun himatamee dhimmisaa manni murtii ilaalaa jira.
Taaten kun ammoo lammiilee UK biratti dheekkamsaafi mormii kaasee jira. Baqattoonni hoteela keessa buufatan keessaa akka bahan akkasumas magaalattii keessaa akka baafamaniif lammiileen biyyattii mormii gaggeessuun gaafataniiru.
Bakkeewwan biroo hedduttis taateen akkasii mudachuu mala kan jedhu yaaddoo uumee jira.
Kibxata, Hagayya 26, Haduush irra deebin mana murtiitti dhiyaachuun yakkicha hin raawwanne jedhee falmatus, ijoollee dubaraa ganna 14 lamafi umuriinsaanii hin geenye "ijoolleen isinirraa godhachuu barbaada" jechuun dhungachuuf yaalee ture kan jechuudha.
Kana hordofee namoonni baqattoota mormaniifi kanneen baqattoota deeggaran naannoo baqattoonni jiraatan "The Bell Hotel" jedhamu hiriirri gaggeeffamaa ture.

Dabalataanis itti gaafatamaan mana maree bulchiinsa naannoo hoteelli baqattoonni keessa qubsiifaman akka cufamuuf gaafateera.
Himatamaan Haduush jedhamu kun nama ganna 41 yoo ta'u, bidiruudhan gara UK galuutu himama.
Biiroon Immigireeshinii UK akka beeksisetti, Haduush Waxabajjii 22, 2017 ALItti biyyattii akka seenefi achi gahee guyyaa torbaffaatti yakka kana raawwate.
Shaamarreen haleellaan saalaa irratti raawwatame jedhamte ganamasaa poolisiitti beeksisuun dubbichi dhagahamuun ammoo jiraattota magaalaa Esiks dheekkamsiisuun hiriira mormii akka bahan isaan taasiseera.

Baqataan Itoophiyaa kun yakka haleellaa saalaa dubartii umuriin hin geenyerratti raawwate jedhamuu hordofee ji'a darbe namoonni kumaan lakkaa'aman hiriira mormii dhageessisaa turuusaanii poolisiin naannichaa beeksise.
Hiriirri lammiileen UK magaalaa Esiks keessatti gaggeessan kun baqattoota kan mormu qofa osoo hin taane, kan deeggarus ture. Hiriirriwwan kunneen guyyoota itti aananiis akka gaggeeffamu ibsameera.
Kanneen hiriira mormii gaggeessan "dubartoota keenya baqattoota biyya alaarraa eegaa" dhaadannoo jedhu dhageessisaa turan.
Hoteelli baqattoonni keessa qubatan akka cufamuuf iyyanni mana murtiitti dhiyaate ammaaf fudhatama hin arganne.















