Paarotii wanbadoota qoricha sammuu hadoochu daddabarsan saaxilte

Paarootii keelloo

Madda suuraa, Police handout

Paarotiin miseensa garee wanbadeedhaan jecha daddabarsitoota qoricha sammuu hadoochu ''two for 25" jedhu baratte, deebistee garee kana saaxilte.

Simbirroon kuni kan argamte yeroo poolisiin manneen bulchiinsa Laanksheer, magaalaa Bilaakpuul keessa jiran sakatta'uun qoricha sammuu hadoochu herooyiniifi kookeenii argate dha.

Garee kana kan hogganu Adaam Giraaneet namni ganna 35 mana hidhaa taa'etu garee wanbadee kanaa bara 2023-2024 qajeelchaa ture.

Yeroo kutaansaa sakatta'amu bilbilli viidiyoo tuullaa qoricha sammuu hadoochuufi paarotiin jaalalleesaa dubbachuu dandeessu Maangoo jedhamtu ammoo maallaqa gurgurtaa qoricha kanaan argameen taphattu mul'isa.

Kutaan Adaam erga sakatta'ameen booda poolisiin cancala hojiisaaf diriirseeru barbaadutti ka'e.

Kanaanis jaalalleesaa Sheenan Hiiltan, ganna 29 teessoo murtaa'aa kan hin qabne, Daalbiir Saanduu, ganna 41, Jeesan Jeeraand, ganna 50 fa'itu miseensa tahee argame.

Viidiyoon bilbila Sheenan keessaa argame paarootii kana ''lamaan 25'' jechuun afaan Ingliiziin yeroo barsiisaa kofaltu agarsiisa.

Poolisiin namni lammaffaa Daalbiir jedhamu ammoo yaadannoo bilbilasaarra tarree gatiifi gurgurtaa raawwatame galmeessee kaa'eera jedha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kana malees lakkoofsa bilbilasaarra jiraniif hidhaa marsariitii waa'ee iddoowwan daddabarsa qoricha sammuu hadoochu haasa'uu qoodeera.

Adaam yeroo mana hidhaa turetti miseensota wanbadee to'atu waliin qabatamaan dubbachaa ture jedhe poolisiin.

Viidiyoon miseensa isa biraa Gaareet Bargees jedhamu keessatti argame immoo yeroo inni rizoortii BilaakPuul jedhamu keessatti qarshii kaashiidhaan baatee, waa'ee yakka ofiisaa otoo sirbuu adeemu argarsiisa.

Dhaddacha Piriistan Kiraawun jedhamutti dhiyaachuun miseensonni garee wanbadee kanaa 15 yakka bara 2023-2024 raawwtan amananiiru.

Haaluma kanaan Adaam hidhaa waggaa 19 fi ji'a jahaan yoo adabamu, jaalalleensaa Sheenan ammoo hidhaa waggaa 12 akkasumas namni sadaffaa Daalbiir jedhamu ammoo hidhaa waggaa kudhaniin adabamaniiru.

Warri kaanis hidhaa waggaa shanii jalqabee irratti murtaa'eera.

Namoonni lama mana murtiitti otoo hin dhiyaatiin hafan ammoo ajajni mana murtii akka bakka argamanitti qabaman jedhu irratti baheera.

''Iddoosaan jiran yoo argitan ykn iddoo jiran beekatan akka ni beeksiftan,'' jedhe poolisiin Laanksheer.

Poolisiin garee wanbadoota kanaa hidhaa buusuus tahe gama bira cabsuu akka itti fufu himeera.