Sawud Arabiyaan lammiilee Itoophiyaa lama du'aan adabde

Sawud Arabiyaan daddabarsa qoricha sammuu hadoochuun kan himataman lammiilee Itoophiyaa lama du'aan adabuu ishee Ministeerri Dhimma Biyya Keessaa biyyattii himan.
Murtee du'aa dabarsuun kan beekamtu Sawud Arabiyaan Kamisa dheengaddaa lammiilee Itoophiyaa lama ajjeeste dabalatee lammiileen biyya alaa ajjeefaman barana 101 gahuu AFP gabaase.
Miiidyaan mootummaa Sawud Arabiyaa maqaa lammiilee Itoophiyaa lama ajjeefaman ibsuun lameen isaanii ''Hashiishii [baala sammuu hadoochu] gara biyyattiitti yeroo galchan qabamaniiru'' jedhe.
Maatiin namoota ajjeefamanii sirriitti dhagahuun isaanii waan hin baramneef BBC'n maqaa isaanii caqasuu hin dandeenye.
Gabaasichi lammiileen Itoophiyaa hmataman kunneen mana murtiitti dhiyaachuun himanni isaan irratti banamuun balleessaadha jedhamuun ''murteen du'aa isaanirratti darbeera'' jedhe.
Aminastii Internaashinaal gabaasa Wiixata darbe baaseen waggoota dhiyoon as himata daddabarsa baala sammuu namaa hadoochu jedhuun lammiilee Itoophiyaa dabalatee namoota hedduu irratti murteen du'aa darbuun dabaleera jedhe.
Bara darb elakkoofsi namota murtoo du'aan sawudii keessatti adabamanii guddaa tahuus eereera.
Murtoo du'aa darbe sadii keessaa tokko himata daddabarsa baala sammuu namaa hodochuun kan wla qabate tahuu kan ibse Aminastiin akka seerota mirga namoomaa idil-addunyaatti yakka du'aan nama adabsiisu tahuu hin qabu ture jedhe.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waggota 10 darban keessatti himata daddabarsa qoricha sammuu hadoochuu waliin kan wal qabatuun murteewwan du'aa 597 Sawudiitti darban keessaa %75 kan tahu lammiilee biyya alaa irrattidha.
Isaan keessaa 34 Masirii, Itoophiyaa, Yoordaanus, Naayijeeriyaa, Paakistaan, Sooriyaa fi Somaaliyaa irraa tahuu ibseera.
Ji'oota torba darban keessatti Sawud Arabiyaatti namoonni 189 murtee du'aan kan adabaman yoo tahu, 88 lmmiilee biyyattii yoo tahan kaan lammiilee biyyoota alaa tahuu AFP gabaaseera.
Biyyoonni hedduun murtee du'aa kana kan hanbisan yoo tahu ammallee dhaabbileen mirga namomaaf falman murtoo kana hanbisuuf hojjechaa jiru.
Sawud Arabiyaa fi biyyoonni Baha Gidduugaleessaa hedduu murtee du'aa dabarsuun beekamu.
Sawud Arabiyaan bara 2014 hanga 2025 gidduutti namoonni 1,816 tahan murtee du'aan adabadeetti.
Aminastii Internaashinaalitti Daariktera Bahaa fi Kaaba Afrikaa kan tahan Kiristiin Beekerli Sawud Arabiyaan osoo hin nuffiinii fi gara laafina hin agarsiisiin adeemsa mana murtii haqa irratti hin hundoofneen lubbuu namaaf osoo gatii hin kenniin murtee du'aan adabaa jirti jechuun qeeqan.
Daddabarsa baala sammuu hadoochuun murtoo du'aan adabuun seerotaa fi qajeelfamoota mirga namoomaa idil-addunyaa cabsiteetti jedhan.
Sawud Arabiyaa, Iraan fi UAE himata daddabarsa baala sammuu hodoochuun wal qabatu murtoo du'aan adabuun beekamu.















