'Mucaansaa abbaankoo yoom dhufa jedha' - Maatii nama Saawudiitti murtoo du'aa eeggatu

Madda suuraa, Getty Images
Akeekkachiisa: Qabiyyeen odeessa kanaa qalbii keessan jeequu mala.
Muraad Yaa'iqoob Sawud Arabiyaatti murteen du'aa irratti darbuun yaaddoo halkanii guyyaa yoom nu ajjeesu jedhu keessa jira.
Hiriyyoonni isaa lama erga mana hidhaatii isaan biraa fuudhamanii ajjeefamanii booda ammoo qalbiisaanii 'dabareen keenya yoom?' kan jedhu guuteera.
Maatiin isaas Rabbi kadhachaa garuu gurra isaanii qeensanii maal dhageenya jedhanii dhiphina guddaa keessa jiraachuu BBCtti himan.
Ilmi isaa yeroo biyyaa baha kan ji'a torbaa dhiisee amma mucaa waggaa torba ta'eera. Abbaankoo yoom dhufa jedhee halkanii guyyaa akka gaafatu himti haatii warraa Muraad.
''Abbaankoo Sawudii jira na jetteetta. Maaliif hin dhufu. Mana barumsaatti ijoolleen ati abbaa hin qabduu? jedhanii naga gaafatu. Maaliif dhufee ana hin dubbisu jedhee na gaafata'' jetti haati warraa Muraad, Dammee Abdiroof.
Hojjadheen haadha warraakoo gargaaree daa'ima keenya guddifanna jedhee gammoojjii fi galaana keessa qaxxaamuree biyya waraanaan diigamte Yaman keessa darbuun Sawud Arabiyaa kan gale Muraad, harka poolisii Sawudii bu'ee erga mana hidhaatti darbamee amma waggaan jaha darbeera jette haati warraa isaa Dammeen.
Muraad waliin namoonni murteen du'aarratti darbee hiree isaanii wallaalanii mana hidhaa keessatti dhiphina keessa jiran lammiilee Itoophiyaa qofti nama 40 oli.
Maatiin tokkoon tokkoo isaanii murtee kana dhagahanii gadda hamaa keessa jiran ammo meeqa haa tahan! Kaan haadha warraa fi ijoollee isaanii dhiisanii carraa hojii fooyyee qabu barbaacha manaa bahan.
Kaan ammoo hojjennee haadhaaf abbaa keenya gargaarra jedhanii mana bahanii osoo maatiitti hin debei'iin, osoo abjuu isaanii galmaan hin gahiin warqaan murtee du'aa isaanirratti darbuu himu harka isaan gahe.
Dammee Abdiroof yeroo BBC'n dubbisu miira gaddaan guutamteetti. Osoo dubbattuu imimmaan ishee hudha.
Mee yaadi abbaa warraakoo osoo hin argiin wagga jaha caaleera. Miirri kun kan siif galu yoo haadha warraa qabaatte ykn abbaa warraa qabaattee osoo hin argiin yeroo dheeraaf turtudha. Isa irratti ammo daa'imni kee maaliif hin dhufu jedhee guyya guyyaan yeroo si gaafatu deebi dhabda.
Ani yeroo wal fuune barattuun ture. Nama na gargaaru carraa biraa waan hin qabneef ergasumaa barumsa xumuree hojii mootummaa tokko argadheen daa'ima koo guddisaa jira.
Garuu abbaa warraakootti duuti murtaa'eera kan jedhu sammuukoo keessa waan jiruuf anis warri isaas rafuu dadhabneerra. Garatti deemnu wallaallee Rabbiin kadhataafii jirra.
Muraad waggaa jaha dura Yaman irraan Sawud Arabiyaa gale. Yaman keessatti reeffi lammiilee Itoophiyaa hafe lakkoofsa hin qabu. Kaan waraana gidduutti ajjeefaman.
Kaan beelaaf dheebuu akkasumas dhukubatu karaatti hanbise.
Muraadii fi hiriyyoonni isaa ammoo maallaqa itti arganna jedhanii qoricha baala sammuu namaa hadoochu lammiilee Yaman irraa fuudhuun gara Sawud Arabiyaa osoo geessaa jiranii qaban jetti haati warraa isaa Dammeen.
Baala sammuu namaa hadoochu Sawud Aarbiyaa keessatti qabatanii argamuun murtee du'aan nama adabsiisa.
Isa dhumaaf yoom waliin dubattan?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Muraad hanga guyyaa qabamuutti na bilbila ture kan jettu Dammeen yeroo tokko achi buutee isaa dhabeen iyyaachuu jalqabe jetti.
Sana booda akka mana hidhaa galan karaa namaa dhageenye. Innis nuuf bilbilee nutti hime.
''Wallayi ani maal akka taheyyuu hin barre. Waan kun maallaqa argamsiisa jedhan warri Yaman nu baachisan jennaan [baala sammuu hadoochu] baadhee osoo deemuu pooliin na qabe.
Ani kana hojjechuu miti. Osoo dhiifama naaf godhanii carraa tokko naaf kennan Sawudii galuu miti garasiyyuu deebi'ee hin ilaalu ture.
Raabbi akka lubbuukoo naaf oolchuuf na kadhadhaa. Daa'imakoo yaadeera na jechaa ture jette Dammeen.
Mootummaan Sawud Arabiyaa hidhamtoonni kunneen ji'a tokkoo fi lamaan booda maatii isaanii akka dubbisaniif haala mijeessaafii akka turan Dammeen BBCtti himte.
Bilbila qabachuun hin eeyyamamuuf. Garuu warri Sawudii ofumaan kaardii guutanii namni tokko akka maatii isaa keessaa nama afur dubbisu haala mijeessuuf jetti.
Muraad ana, haadha isaa fi abbaa isaaf bilbilee ture. Ergan waliin dubadhee ji'a tokkoof turban lama taheera. Guyyaa dhumaa sana irra caalaa mucaa isaa waliin dubbachaa ture.
Daa'ima isaatti dubbateema boo'aa ture jette haati manaa Muraad Dammeen.
''Yoo nu ajjeesanis jedheen mucaakoo fi haadha warraako dubbisuu barbaade. Garaakotu isin obsuu dadhabe na jedhe.''
Laammiilee Itoophiyaa 42 tahantu Sawud Arabiyaa keessatti murteen du'aa irratti murtaa'ee yoom nu ajjeesu jedhanii taa'anii du'a eeggataa jiru.
Namoonni kunneen yeroo adda addaatti seeraan ala Sawud Arabiyaa kan galan yoo tahu yakka daddabarsa baala sammuu namaa hadoochuun himatamanii murteen du'aa irratti darbuu maatiin isaanii BBC dubbise himan.
Muraad Yaa'iqob wagga jaha dura ture jireenya isaafi maatii isaa jijjiiruuf yaadee aarsaa barbaachisu kaffaluun Itoophiyaatii bahee karaa Yaman Sawud Arabiyaa gale.
Haati warraa isaa deessee hedduu hin jajjabaanne ture. Daa'ima ji'a torbaa fi haadha warraa isaa dhiiseema deeme. Isheenis hojii hin qabdu ture.
Lammiileen Yaman gara Sawud Arabiyaatti daldaluun beekamu. Yaman akka gaheen lammiileen Yaman waliin hojjennna jechuun baala sammuu hadoochu itti kennaniin akka fuudhee gara Sawud Arabiyaa galu godhan jette haati warraa isaa Aadde Dammeen.
Muraad hiriyyoota isaa waliin manaa bahe waliin ture baala sammuu hadoochu kana qabatanii walumaan kan qabaman. Haati warraa isaa akka jettutti Muraad akka ashiishi [baala sammuu haodoochu] gurguruun balaa akkasii qabu hin beeku ture jette.
Waanuman argadhe hojjedheen haadha warraa koo fi daa'imakoo gargaara jedhee hojichatti gale. Balaa akkasii qabaachuu homaa hin barre. Carraa tokko kennameefii dhiifamaan akka bahu qofa mootummaa Itoophiyaa akka gidduu nuuf galu barbaanna jette.
Mootummaan Itoophiyaa maal jedhe?
Dammeen dhiyeenyuma maatii namoota 45 waliin taanee magaalaa Finfinnee deemnee ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa akka gidduu nuuf galuuf kadhataa turre jette.
Maatiin namoota 45 murteen du'aa irratti darbee dhiphina keessa jiran barreeffamaa fi qaamaan mootummaa Itoophiyaa akka gidduu galuuf gaafachuu himte.
''Finfinnee ji'a lama turre. Waanuma qabnu walitti qabannee deemnee nama nu dubbisu barbaadaa turre. Sireef hoteeluma tokkoo guyyaatti hanga Birrii 700, 800 tahuun qabannee iyyataa turre,'' jette.
Imbaasii Sawud Arabiyaa Finfinnee jiruttis iyyachaa turre kan jettu Dammeen Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa dhimmicha ni hordofna hin yaaddahiinaa deebi'aa galaa nu jedhan jette.
Dabalataan gara masaraa Arat Kiiloos deemnee MM Dr Abiy Ahimeditti himanna jennee yaallee ture.
Guyyaa sana biyya keessa hin jiran. Karaa Ministeera Dhimma Alaa hordofna jedhanii nu gaggeessan jette.
Murteen du'aa akka irraa haqamuuf akka mootummaa Sawudii qunnamaa jiranis nutti himaniiru jette.
Imbaasii Itoophiyaa Sawud Arabiyaa jiru irraas namni deemee isaan dubbisuuf yaale akka jiru kan himte Dammeen guyyaa sana nu ajjeesuuf nu waamaa jiru jechuun baqatanii manuma keessa cufatanii bahuu didan jennaan deebi'anii akka deeman odeeffannoo qabna jette.
''Namoota lama isaan biraa kana dura waan ajjeesaniif guyyaa keenya gahe jedhanii sodaatan. Carraan keessanis kanuma jedhanii waraqaa murtee du'aa ibsu hunda isaaniif rabsameera,'' jette.
Ministeerri Dhimma Alaa murteen kun irraa haqameera nu jedhe. Garuu isaanittis waan hin himamneef dhugummaa isaa wallaalle jette.
Maqaa isaanii fi ragaa waraqaa dhaloota isaanii hundayyuu mootummaa Itoophiyaaf ergineerra kan jette Dammeen waan irra geenye isin beeksifna ni jedhan jette.
''Mucaa isaaf jecha adaraa mootummaan biyyatti anaaf haa galchu. Mana barumsaatti abbaa keessan fidaa gaafa jedhan abbaankoo yoom dhufee guyyaa tokko mana barumsaa anaaf deema jedhee na gaafata.
Xiyyaara samiirratti gaafa arge adaraa gaafa dhuftu abbaakoo naaf fidii koottu jedha. Akka haadhaatti gaafan kana argu bo'eeman callisa.....'' jette.
Lammiileen Itoophiyaa kumaatamaan seeran ala Sawudii galuun hidhaman deeggarsa mootummaa Itoophiyaan biyyatti galfamaa turan. Ammas hedduun isaanii mana hidhaatti hafuu himaa jiru.
Waa'ee namoota 40 olii murteen du'aa irratti darbee homaa hin jenne. Ministeera Dhimma Alaa irraa dhimma kana irratti gaafachuuf yaallee hin milkoofne.

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.












