Itoophiyaanonni Sa'udiitti duuti itti murtaa'ee 'Arafaa dura ajjeefamtu' jedhaman birmannaa gaafatan

Madda suuraa, Getty Images
Lammiileen Itoophiyaa Sa'uudii Arabiyaatti adabbiin du'aa itti murtaa'ee mana hidhaa Naajiraanitti argaman, adabbiin isaanii ayyaana Arafaa baranaa dura akka raawwatamu itti himamuu maatiin BBCtti himan.
Mana hidhaa kanatti lammiileen Itoophiyaa hanga ammaatti adabbiin irratti darbe kan adabbiin isaanii raawwatame waliin walumatti 47 kan ta'an yoo ta'u, maatiin namoota kunneenii ammallee mootummaan gidduu seenee akka baraaru iyyataa jiru.
Obboleessi isaa Kaaliid Mohammad Ibroo jedhamu lammiilee Itoophiyaa ajjeefamuuf guyyaa eeggataa jiran keessaa ta'uu kan BBCtti hime Mullataan, ''yeroo darbe obboleessa koo dabalatee namoota sadi ajjeesuuf fuudhanii deemanii turan,'' jedhan.
Kaalid Mohammad nama maatii qabudha. Daa'ima tokko qaba. Maatiisaa biyyatti dhiisee akkuma gara Sa'uudii Arabiyaa imaleen qabame.
Akka Mullaataan himutti sababa murtee sanaatti rifaatuu hamaa keessa waan seeneef onneen isa dhukkuba, guyyaa guyyaan hospitaala geessu.
Erga qabamee hidhamee amma waggaa ja'aa fi baatii shan.
Kaalid dabalatee lammiileen Itoophiyaa du'i itti murtaa'e kunneen taa'anii du'a eeggachuu malee yoom akka ajjeefaman hin beekan, haalli kun qalbiisaanii rarraaseera, kun mataansaa dhukkuba tokko.
Waraqaa ajaja bulchiinsa mana hidhaa Naajiraan irraa qabatanii dhufanii namoota sadi-Kaliifaa, Abdallaa Umarii fi Abdinuur jedhaman ''bor ni qalamtu qophaa'aa du'aayii godhadhaa, maatii keessanitti dhaammadhaa! jedhanii deeman,'' jedha Mullataan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Mullataan ofiisaafis mana hidhaa sana keessatti waggaa shanii ol hidhamee ba'e.
Amma biyya galee jira, baatii tokko dura akkuma mana hidhaatii ba'een Itoophiyaatti deebi'e.
Akka namni kun jedhutti yeroon namoonni sadeen kunneen akka ajjeefaman itti himame sun daawwannaa Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp gara Sa'uudiitti taasisaniin waan walirra bu'eef hin raawwatamin hafe.
Daawwannaan pirezidantii Ameerikaa fi waraqaan waajjira Ministeera Muummee Itoophiyaarraa gara Sa'uudii Arabiyaa ergamuun walirra buute kan jedhu Mullataan, namoonni kunneen guyyaa sana sababa isa kamiif ajjeefamuu jalaa akka oolan garuu ifa miti jedhe.
''Guyyaa ajjeechaan isaanii raawwatu sana nuti waajjira Ministeera Muummee Itoophiyaa turre. Qaamni komii keessummeessu xalayaan gara mootummaa Sa'uudiitti ergamuu nutti hime. Guyyaama sana daawwannaan pirezidantii Ameerikaa ture. Gidduuma kanaan erga ijoolleerraa mataa haadanii ''qaluuf'' gadi baasanii ka'anii har'a qalmi hin jirtuu deebi'aa jedhaniin.''
Mullataan bulchiinsa mana hidhaa sanaa keessaa nama ''saahiba kiyya'' jedherraa iccitii waraqaa ajaja ajjeechaa sanaa argachuu BBCtti hime.
Akkanni jedhutti waraqaan ajajaa waajjira mootii biyyattiitii ba'e kun ''namoonni murteen du'aa itti murtaa'e hundi adabbiin isaanii Iidii Arafaa kana dura raawwata,'' jedha.
''Namoonni adabbiin du'aa itti murtaa'e hanga ayyaanni Arafaa kun ga'utti yaaddoo guddoo keessa jiru. 'Har'a, bor qalamnaa?' jedhanii ofirratti eegu. Garuu yoo arafaa bira darban tarii furmaati dhufuu danda'a abdii jedhu qabu,'' jechuun waan hiriyoonni isaa mana hidhaa sana jiran itti hime BBCtti hime.
Mullataan Sa'uudii Arabiyaatti adabbiin hidhaa waggaa 15 erga itti murtaa'ee booda waggaa shanii fi ji'a afur hidhamee akka ba'e hime. Kanaaf bulchitoota mana hidhaa sanaa hedduu waliin walbeeka. odeeffannoo hedduu irra argateera.
Mana hidhaa sana keessatti kanneen adabbiin du'aa fi adabbiin kaan itti murtaa'ee jiran lammiilee Itoophiyaa qofa miti.
Lammiilee biyyattii dabalatee, lammiileen Somaaliyaa, Yamanii, fi kaan hedduutu jiru kan jedhu Mullataan, lammiileesaaniillee [Sa'uudii] du'aan ni adabu jedhe.
''Dhihoo kana lammii biyyasaaniillee kan qalan tureera. Somaaleellee nama shan qalan. Yamaniillee akkasuma,'' jedhe.
Badiin adabbii du'aaf isaan saaxile maali?
Lammiileen Itoophiyaa murteen du'aa irratti darbe kunneen dhimmi isaanii hundinuu baala sammuu namaa hadoochu- Hashiishii jedhamu qabatanii seenuudhaan walqabata.
Sa'uudii Arabiyaatti qoricha sammuu hadoochuun wal qabatee ajjeechaan manneen hidhaatiin raawwataman dabalaa dhufuu dhaabbati mirga namoomaaf falmu Cairo Institute For Human Rights Studies Fulbaana darbe ibsee ture.
Namoonni adabbii du'aaf saaxilaman kunneenis lammiilee Itoophiyaa, Masrii, Sooriyaa, Sudaan, Yaman, Naayijeeriyaa ta'uu eere.
Mullataan akka jedhutti duraan Sa'uudii Arabiyaa keessatti kan du'aan nama adabsiisu yakka ajjeechaa fi kookeenii fi herooyinii daddabarsuun walqabatu ture.
Garuu heera bara 2019 ba'erratti hundaa'uun lammiilee Itoophiyaa kunneen hashiishii waliin qabamtan jechuun du'aan adabde jedha.
Haala kana lammiilee Itoophiyaa adabbiin du'aa itti murtaa'e 43 keessaa hanga yoonaatti namoonni ja'a ajjeefamaniiru jedha Mullataan.
Biyyoonni adda addaa akkaataa itti murtee du'aa raawwatan maloota adda addaa qabu. Kaan ni fannisu, Sa'uudiin ammoo morma kutuudhaan adabbii du'aa kana raawwatti.
Kanaaf Mullataan adabbii kana ''murtee qalmaa'' jechuun ibsa.
Sa'uudiin yakkoota akka ajjeechaa, baala sammuu namaa adoochan kanneen akka Kookeenii fi Herooyiinii akkasumas meeshaa waraanaan loltoota biyyattiitti dhukaasuun walqabatan nama raawwate irratti adabbii du'aa murteessiti.
Biyyattiin namoota daddabarsa qoricha sammuu adoochanii keessatti hirmaatan du'aan adabuu bara 2020tti dhaabdee turte.
Ilmi mootii Sa'uudii Mohaammad Bin Salmaan addabbiin du'aa yakka ajjeechaa qofaaf akka hojiirra oolu labsanii turan.
Ta'us baruma labsiin kun hojiirra ooluu eegale baatiiwwan muraasaan booda biyyattiin osoo sababii homaatuu hin kennin namoota qoricha sammuu hadoochuun walqabatee himataman adabbiin du'aa akka irratti raawwatamu murteessite.
Akka Mullataan jedhutti mana hidhaa Naajiraan dabalatee manneen hidhaa sa'uudii Arabiyaa keessa jiran hedduu keessatti lammiileen Itoophiyaa adabbii du'aa fi hidhaa waggaa dheeraan itti murtaa'ee gidirfamaa jiru.
''Hanga waggaa 40 kan itti murtaa'e jiru. Isaan kunneen yoom ba'anii akka gara biyyasaaniitti deebi'an hin beekan. Yaaddoo guddaa keessa jiru.''
Akka Mullataan jedhutti mana hidhaa Naajiraan keessatti qofa lammiileen Itoophiyaa 150 ta'an murteen adda addaa irratti darbee hidhamanii jiru.
Lammiileen Itoophiyaa kumaatamaan lakkaa'aman karaa Yamanii darbuun hanga Sa'uudii Arabiyaa seenanitti rakkoo suukkanneessaa hedduu keessa darbu.
Sa'uudii Arabiyaa erga ga'aniis manneen hidhaa adda addaatti dararamu.
''Lammiileen Itoophiyaa akka addaatti ilaalamu. Mirga hin qaban. Mana hidhaa keessatti dararaa hamaa keessa jiru. Daa'imman, dubartoonni, dargaggoonni, jaarroleen bishaanii fi midhaan malee kutaa xiqqoo keessatti dhiphataa jiru,'' jechuun waan argerraa dubbata Mullataan.
Mullataan miidhaa godaansaa isarraa ga'erraa ka'uun wayita namootaaf dhaamsa dabarsu, ''rakkoon hanga fedhe yoo isin mudate kan akka biyya sanaa hin jiru waan ta'eef garas imaluurraa of qusadhaa,'' jedha.
''Tokkoffaa namni keenya wallaalummaarraati biyya sana kan deemu. Dallaalota seeraan alaatu kanatti oofu. Isaan kunneen irratti ammoo mootummaan tarkaanfii fudhachuu qaba.''
Mootummaan maal jedheen?
Mullataan akka jedhutti maatiin isaanii erga murteen kun darbuu dhagahanii mootummaatti iyyataa turan, innis erga gara biyyatti deebi'ee isaan waliin ta'uun iyyata itti fufaniiru.
Waajjira Pirezidantii, Ministeera dhimma alaa fi Imbaasii Itoophiyaa Sa'uudii jiruutti iyyachuu hime.
''Waajjiraaleen kunneen walta'uun gara Sa'uudiitti xalayaa barreessanii turan. Sa'uudiin garuu 'murteen keenya murteedha' jechuun deebiste kan jedhu nutti himan.''
Mullataan deebii kana argannee gallee hin teenye jedha. Gara waajjira Ministeera Muummee deemuun akka iyyatan hime.
Waajjira Ministeera Muummee irraas kutaan komii keessummeessu xalayaa gara mootummaa Sa'uudiitti erguu akka itti hime dubbate.
Maatii waliin ji'a tokkoof magaalaa Finfinnee turanii iyyataa akka turan akkasumas jaarmiyaalee mirga namoomaa kanneen akka Human Rights Watch jedhamaniitti iyyachuu kan himu Mullataan garuu hanga furmaanni hin argamne jedhe.
''Namoonni du'i itti murtaa'es qalbiinsaanii hawwii fi abdiidhaa rarra'ee jira. Yookiin yoom akka ajjeefaman waan hin beekneef yaaddoon isaan darara,'' jedhe.
Aanga'oonni lammiilee biyyoota kaanii kan Itoophiyaa caalaa hordofu kan jedhu Mullataan, garuu mootummaan Sa'uudii akka hin jijjiire dubbate.
''Fakkeenyaaf dhiheenyuma Ministeerri Dhimma alaa Somaaliyaa Ministeera Dhimma Alaa Sa'uudii Arabiyaaf xalayaa barreessee ture. Garuu mootummaan biyyattii hanga pirezidantiin dhufutti jedhee dide. Pirezidantiin isaaniis dhufee ture. Garuu erguma inni dhufee Somaalonni shan qalaman,'' jechuun waan quba qabu ibse.
Mootummaan Itoophiyaa yeroo yeroon namoota kumaan lakkaa'aman kanneen Sa'uudii Arabiyaatti rakkoo keessa galan gara biyyaatti deebisaa jiraachuu ibsa.
Kanneen biyyattii keessatti hafanis rakkoosaanii furuuf akka hojjetu Imbaasiin Itoophiyaa Sa'uudii Arabiyaa, Riyaad jiru ibseera.
Dhiheenya kana Sa'uudiitti Ambaasaaddarri Itoophiyaa Ambaasaaddar Muktaar Kadir qondaala giddugala gargaarsa namoomaa mootii Sa'uudii Arabiyaa Salmaan- King Salman Humanitarian Aid and Relief Centre (KSRelief) jedhamuu waliin dhimmoota mari'atan keessaa tokko waa'ee godaantotaati.
Hoogganaan giddugala kanaa Dr Abdullaa bin Abdulaziiz al-Raabi'aa Itoophiyaan godaantota seeraan alaa Sa'uudii Arabiyaa irraa gara biyyasheetti deebisaa jiraachuusheef galateeffataniiru.
Fuuldurattis godaantota gara biyyaa deebi'an kunneen dandamachiisuu fi kanneen Sa'uudiitti hafanis deebisuuf hojii hojjetamu keessatti mootummaa Itoophiyaa akka tumsan waadaa galan.
Mullataan akka jedhutti Fulbaan darbe keessaa qondaalonni Qonsilaa Itoophiyaa Jiddaa jiru irraa gara Naajiraan imaluun namoota mana hidhaa jiran daawwatanii turan.
Isaan keessaa qondaala Abbaa Biyyaa jedhaman qaamaan argatee akka waliin dubbate kan himu Mullataan, ''isaanis namoota adabbiin du'aa itti murtaa'e hunda viidiyoodhaa waraabanii Ministeera dhimma alaa fi Imbaasii Itoophiyaa Sa'uudii jiruuf erganii turan,'' jedhe.
Rakkoon kun akka jirtuu fi namoonni duuti itti murtaa'e kunneen yaaddoo keessa jiraachuu mootummaan Itoophiyaa quba qaba, garuu hanga ammaatti wanti furame hin jiru jedha.
Mootummaan Itoophiyaa murtee Sa'uudii jijjiirsisuu danda'aa?
Mootummaan Sa'uudii Arabiyaa xalayaa yeroo garaagaraatti mootummaa Itoophiyaarraa itti barraa'aniif deebii kenneen namoota adabbiin du'aa itti murtaa'e kana murteesaanii kaasuu akka hin dandeenye ibseera.
Mullataan akka jedhutti qondaalli Itoophiyaa rakkoo kanaaf furmaata fiduu danda'u Ministira Muummee Abiy Ahmad qofa.
''Dhimmi lammiilee biyyoota kaanii hanga tokko kan furame sababa. Pirezidantonni isaanii gidduu galaniifi. Fakkeenyaaf kanaan dura lammiilee Paakistaan nama ajjeesanii du'u itti murtaa'e sababa pirezidantiin isaanii gidduu seeneef irraa haqameera,'' jedha Mullataan.
Ministeerri Muummee Paakistaan mootummaa Sa'uudii waliin mari'achuun lammiileesaanii, kanneen yakka ajjeechaan du'i itti murtaa'e, bilisa baasuu ibse Mullataan.
Namoota Paakistaan gadhiifaman kunneen mana hidhaatti akka beeku kan dubbatu Mullataan, nama ajjeesanii akka hidhaman sirriitti beeka.
Gama kanaan yoo ilaalamu Ministirri Muummee Itoophiyaa osoo dhimma kanaaf xiyyeeffannaa kennanii kan lammiilee Itoophiyaa sana caalaa salphata jedha.
Garuu callisaniima xalayaa barreessine jechuun bira darbuu malee namni irratti xiyyeefatee lubbuu lammiilee kunneenii baraaruuf kutannoo qabu hin jiru jedhe.












