Hogganaan dhaabbata qoricha sammuu hadoochuu Meksiikoo Ameerikatti qabame

Ameerikaan mootii

Madda suuraa, Reuters

Addunyaa irratti hogganaa dhaabbata qoricha sammuu hadoochuu balaafamaa jedhamuun barbaadamaa kan ture Ismaa'el ''El Mayo'' Zambaadaa Ameerikaatti to'annoo jala oole.

Hogganaa dhaabbata qoricha sammuu hadoochu dhiyeessu Sinaloa kan tahe namni kun Teksaas keessatti to'atame.

Zambaadaan dhaabbata yakkaa guddaa fi beekamaa kana kan hundeesse Yo'aakiim Guzmaan ykn maqaa El Chaapoo jedhamuun beekamu waliinidha.

El Chaappoon amma Ameerikaatti hidhamee jira. Zambaadaa waliin ilmi El Chaappoo, Yo'aakiim Guzmaan Loopez akka to'atame Dippaartimantiin Haqaa US himeera.

Guraandhala keessa shira adda tahe qopheessuun qoricha sammuu nama hadoochu, Feenaataayil rabsuuf socho'aa ture jedhe.

Wall Street Journal yoo gabaasu, oppireehsinii yeroo dheeraa FBI fi Waajjira Qorannoo Nageenyaa Biyya keessaa waliin tahuun gaggeessaniin gowwoomfamuun akka xiyyaara galu taasifame.

Miseensa olaanaa dhaabbata Sinoala tokkoon gowwoomfamee akka xiyyaara gale hime.

Zambaadaan jalqaba kan xiyyaara seene buufata xiyyaara waraanaa Meksikoo keessaa icciitiin daawwatta jedhameeti.

Zambaadaan qondaala olaanaa dhaabbata isaa fi ilma michuu isaa Guzmaan Lopeeziin ''gowwoomfamee'' akka xiyyaara dhuunfaa galu taasifame jedha gabaasni Niiw Yoork Taayimsi.

Xiyyaarittiin gara Kibba Meksiikootti kan balaliitu sehe. Garuu akka inni galeen xiyyaarittiin gara Kaabaatti qajeelte jedhe gabaasaan Fox News, Biriyaan Leenas qaama seera raawwachiiftuu wabeeffachuun.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Guuzmaan Looppeez akka Ameerikaa gaheen qondaalota Ameerikaatti harka kennachuun Zambaadaa haaloo akka bahe barame.

''Abbaan isaa qabamuuf sababni Maayoo tahuu hime'' jedhan qondaalonni US.

Abbaan Alangaa Waliigalaa US, Meerik Gaarlaandi, ibsa kennanniin, namoonni lamaan El Chaappoo fi Zambaadaa ''namoota hamoo fi dhaabbata daddabarsa qoricha sammuu hadoochuu beekamoodha'' jedhan.

"Qorichi Feenaataayil jedhamu biyya keenya keessatti qoricha lubbuu namaa galaafachuun sadarkaa jalqabaatti yaaddoo tahedha. Hanga hoggantoonni garee kanaa, miseensonnii fi kanneen isaan waliin hidhata qaban to'atamanitti hin boqannu,'' jedhan.

Dhaabanni isaanii addunyaa irraa qoricha sammuu hadoochuu Ameerikaatti erguun jalqaba irra jira.

Qondaalonni US kana dura qorichi feenaatayil jedhamu du'aatii Ameerikaanota umurii 18-45 sababa guddaadha jedhan.

Bulchiinsi To'annoo Qorichaa US, Zambaadaa to'achuuf doolaara miliyoona 15 kaffaluu akka barbaadu himee ture.

Dhaddacha El Chaappoo bara 2019 gaggeeffame irratti abbootiin alangaa michuun isaa Zambaadaan mootummaa Meksiikoo ''guutuuf'' matta'aa kennuun sodaa malee socho'a jedhanii ture.

''Dhugumatti [Guzmaan] waan to'ateeru homaa hin qabu'' garuu ''Maayoo Zambaadaa garuu waan hunda to'ateera,'' jedhe abukaatoon Guuzmaan.

Dabalataan Meksiikoo keessaa Zambaadaan hoteelota, tajaajila geejiba baasii, fi kaampaanii aannanii qaba jette Ameerikaan.

Himata qoricha fenaatayil kana cinatti daddabarsa maallaqaa seeraan alaa, namoota ukkaamsuu fi ajjesisuun akka himatamus himaniiru.

Ilmi obboleessa isaas Meksiiko keessatti opppireehsinii gaggeefameen ajjeefameera.