Meeksikootti hokkora tibba ilmi El Chapo to'atametti mudateen yoo xinnaatte namoonni 29 ajjeefaman

Konkolatawwan gubatan

Meeksikootti oppareeshinii ilma dursaa garee daldala qoricha sammuu addoochu kan ta'e ilmi El Chapo, to'achuuf taasifameetti yoo xinnaate namoonni 29 ajjeefamu aanga'onni biyyattii beeksiisan.

Ilmi El Chapo, Ovidiyo Guzmaan Loppeez kan umriin waggaa 32, garee qoricha sammuu adoochu daddabarsu kan abbaan isaa dursaa ture Sinaloa cartel gaggeessa jedhamuun waggoota hedduuf barbaadama ture.

Tibba shakkamaa kana to'achuuf yaalii taasifameettis loltoonni 10 fi shakkamtoonni 19 ajjeefamu qondaaltoonni himan.

Shakkamaan kunis bulchiinsa Sinalowaa magaala Culiacán keessatti to'atamee gara magaalaa Meeksikootti erga geeffameen booda, deeggartoonni isaa karaa cufuun konkolaattota heddu guban.

Itti ansun ammoo buufata xayyaaraa naannichatti argamu irratti halellaa banan. Xayyaronni lama yeroo ka'uuf jedhanitti dhukaasa banameen haleelaman.

Kana malees qondaaltoonni waraanaa 35 irra miidhaan kan qaqabee yoo ta'u, hidhattoonni 21 ammoo to'annoo jala oolfamu Ministirri Raayyaa biyyattii Luuis Cresencio Sandoval himan.

Haleellaa garichi buufata xayyaaraa irratti baneen balaliiwwan xayyaaraa 100 ol akka haqamu ta'eera.

Nammoonni 18 miidhamanii hospitala bulchiinsa Sinaloatti geeffaman jedhame.

Guzmaan Lopeez garee Sinaloa cartel jedhamuufi yakka qoricha sammuu adoochu daddabarsuutin beekamu akka gaggeessu dubbate Ministeerri Ittisaa Meeksikoo Luwiis Kiresensiwo Sandooval.

Abbaan isaa El Chaappon bara 2019tti itti murtaa'ee US keessatti hidhaa umurii guutuu irra jira.

El Chaappon hidhamuun isaa gareen Meeksikoo keessatti qoricha sammuu nmaa adoochu daddabarsuufi daldaalu akkamitti akka hojjatu icciitii heddu baase.

Guzman Loppeez

Madda suuraa, US STATE DEPARTMENT

Ministeerri Ittisaa Meeksikoo akka jedhetti Ilma El Chaappoo kan ta'e Ovidiyo Guzmaan Loppeez to'achuuf ji'a jaha akka itti fudhateefi Ameerikaanis deeggarsa gochuufii dubbate.

To'atamuu isaa hordofee haleellafi jeequmsa gareen isaa uumen qabeenyafi namootarra miidan gaheera. Xayyaarri ka'uuf ture dhukaasa banameen miidhamus namoota balaluuf turan irra miidhan homaatuu akka hin geenye daandin qilleensa meeksikoo beeksisi.

Namoonni xayyaara keessa lafa ciciisan

Madda suuraa, Reuters

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

"Osoo ka'uuf jennuu xayyaaratti dhiyaatee sagalee dhukasaa dhageenye, nuyis battaluma sanatti lafa ciciifne," jechuun Rooyitarsitti hime namoota xayyarcha keessa turan keessaa tokko.

Xayyaarri waraana buufaticha keessa ture tokkos dhukaasan akka haleelame hime ejansiin siivil aviyeeshinii Meeksikoo.

Haleellaa kana hordofee humnoonni nageenya federaalaa garicha irratti oppireeshinii gaggeessaa akka jiran hime Kantiiban magala Culiacán Ruben Roochaa.

Bara 2019tti Meeksikoon Guuzman Loppeez to'annaa jala oolchitus deeggartoonni isaa jeequmsa uumuu danda'u sodaa jedhuun gadi lakkifame.

US gama isheetin inniifi obboleessi isaa Joaquín laaboraatoorii qoricha sammuu namaa adoochu Meetaa feetamin jedhamu itti omishamu 11 ta'u bulchiinsa Sinalowaa keessatti gaggeessaa akka jiraniifi waggaatti qoricha sammuu namaa adoochu1,300- 2,200kg akka omishu jetti.

US ji'a Muddee keessa nama Guzman Loppeez fi obboloota isaa sadan bakka jiran odeeffannoo kenneef dolara miliyeena 5 beenyaa akka kaffaltu beeksiftee turte.