Dorrobaakoo ooffatan, boqqolloo sassaabuuf saqalaa ijaarre dhiisnee baqanne - Jiraattuu Kiiramuu

Magaalaa Kiiramuu

Aadde Ayyaantuun (Maqaan kan jijjiirame) godina Wallagga Bahaa aanaa Kiiramuutti marsaa lama qe'ee isaaniirraa baqatanii godoo isaanii keessa deebi'anii jiraachuu erga eegalanii reefu waggaa tokkoo fi ji'oota muraasa.

Haadha ilmaan afurii kan ta'an aayyoon kuni ilmaan isaanii waliin umrii isaanii ganna 50 kanatti yeroo lama hidhattoonni qe'eedhaa buqqisanii jireenya buqqaatii dhandhamaniiiru.

Taateen umrii manguddummaa isaanii keessa qe'ee isaanii dhufe kuni ammas aara galfii kan isaaniif kennu hin taane.

Sadaasa 30, bara 2018 Hidhattoonni Faannoo marsaa sadaffaaf qe'ee isaaniirraa buqqisan. Isaan amma magaala Kiiramuutti dahatanii jiru.

Taatee sadaasa 30 ganda isaaniitti mudatee fi haala ittiin lubbuu isaanii oolfatan irratti bakka amma jiranirraa bilbilaan BBCtti dubbatan.

Ganama barii akkuma hirriibaa ka'anii balbala banataniin hidhattoonni Faannoo ganda isaanii keessatti dhukaasa banuun uummata buqqaasuu jalqaban jedhu aayyoon kun.

"Bunakoo keessa dhufanii dhukaasa dhukaasuu jalqaban. Qullaamakoo ba'een daa'ima baadhee kufee ka'ee lafarra gangaladheen isaan jalaa lubbuukoo fi ijoolleekoo baasuuf daggala keessa dhokanne"

"Guyyaa sana haala kanaan takkaa caakkaa keessa, takkaa nuugii keessa jechaa akkuma ta'etti baqannee magaalatti olbaane" jechuun himu.

Aadde Ayyaantuun guyyaa sana ijoollee isaanii sadii waliin haala rakkisaa keessa fulla'anii magaala Kiiramuu seenan.

"Ijoolleenkoo karaatti waan nyaattu dhabdee naharkatti laaftee ture. Namatu karaatti nu argatee qoroshoo wayii itti kennanii xiqqooshee lubbuun itti deebi'e" jedhu.

Guyyaa sana barii warri ollaa isaanii hunduu akkuma isaaniitti daggalaa fi boqqoolloo keessa baqachaa qe'ee dhiisanii bahuu himu.

"Sinitti nam'ani kan jedhu iyyatu ture. Kan uffannaa uffateyyuu nama muraasa. Kaan akkuma hirriibarra turetti ka'ee baqate." Jedhan.

Hojii qonnaan kan ofjiraachisan aadde Ayyaantuun bara kana 'omisha gaarii gahaa jiru dhiisnee baqanne' jechuun miira gaabbiitiin bunaa fi Boqqoolloo qe'ee isaanii yaadatu.

"Buna qabna. Baaqelaa qabna. Boqqoolloo qabna. Barbaree qabna. Xaafii qabna.bunni balbalaa diimatee jira. Barbaree keenyallee osoo hin funaanin akkasumatti gannee baane" jedhu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Aayyoon ganna 50 kuni qabeenya hedduu hidhattoota Faannootiin irra deddeebiin isaan jalaa samamee fi manca'e hundarra waa'een sa'a isaanii dorrobaa hidhattoonni jalaa ooffatanii akka isaan gubu himu.

"Sa'ikoo dorrobee har'a boru dhala jedhee eegu dhufanii nu qe'eedhaa buqqisanii najalaa ooffatan. Nu ganama nubuqqisanii dorrobaankoo guyyaa sa'aatii 7tti osoo ooffatan karaatti dhalte. Kana warra nubooda baqatee dhufetu argee natti hime" jedhan.

Kana malees marsaa lamaan darbe hidhattoonni kuni qe'eedhaa isaan buqqisanitti qabeenya isaan alaa fi manaa qaban hunda kaan saamanii kaan mancaasanii jireenya zeeroo irraa akka haaraatti akka jalqaban godhan.

"Waan mana keessaa qabnu hunda kukkutanii mancaasan. Ibsaa nuti ibsannu nujalaa kukkutan. Waan dubbatamu miti. Abbaa dhabnee, biyya dhabnee rakkanne kanaaf akkas nutti haasa'ama. Finxaaleyyiin maaf akkas nunyaatti" jedhu miira gaddaan.

Jiraataa aanaa Kiiramuu aanaa Guddina Jireenyaa kan ta'anii fi nageenya isaaniif sodaachuun maqaa kiyya hin caqasinaa jedhanis Haleellaa Sadaasa 30 kanaan qe'eedhaa buqqa'uun amma Magaala Kiiramuu daheeffatanii jiru.

Haala guyyaa sana manaa fi qe'ee isaanii dhiisanii itti bahan yoo himan akkas jedhu.

"Rafaa turre. Kanuma dhukaasni baname argine. Barii sa'aatii 12tti. Sanbooda ijoolleekoo fi haadha manaakoo fudheen Boqoolloo seenne.achi keessa dhokannee baqachuuf yoo yaallu karaan hundi marfamee jira" jedhan.

Ulaan ittiin baqatanii bahan hidhattoota Kanaan marfamuu isaaniitin sa'aatii ja'aaf muka keessa dhokatanii turuus himu.

"Walqabanneetuma bosona keessa ciciisne. Ani ijoollee shanin qaba. Haadha manaakoo waliin nama torba. Achi taa'aa oollee booda qabbanaa'ee jennaan gara namni keenya jirutti olbaane. Achirraan magaala Kiiramuu seenne" jedhan.

Isaaniis akkuma aadde Ayyaantuufaa wayyaa halkan uffatanii bulan malee waan tokko qabatanii qe'ee isaaniitii hin baane.

"Amma boqoolloo cabsaarra jirra. Saqalaa ijaarree sassaabbiif qophaa'aa turre. Horii mooraa keessatti dhiisnee baqanne. Wanni nuti yaanne lubbuu baafachuu qofa. Ani boqqoolloo hektaara tokko, xaafii hektaara sadii, baaqelaa walakkaa hektaaraa akkasumattin dhiisee dhufe" jedhu.

Hidhattoonni kunneen ganama barii yeroo gara ganda isaanii dhufan 'xurumbaa afuufaa, nagaarita dhahaa, dhukaasaa dhufani' jechuun hidhattoota Faannoo ta'uu waan ittiin adda baafatan himu.

Nuti asii waan nyaannu dhabnee beelofna, isaan loon keenya qalanii foon nyaatu

Aadde Ayyaantuun amma erga waan qaban hunda qe'eetti dhiisanii baqatanii magaala Kiiramuu dahatanii guyyoota muraasa ta'eera.

Ta'ulleen magaala Kiiramuu kana baqannaadhaan amma yoo dhufan kuni isaaniif marsaa sadaffaa waan ta'eef rakkoo asitti keessa darbuuf deeman tolchanii beeku.

Erga dhufanii ijoollee isaanii waliin barandaa mana namaa akka jiran kan himan aayyoon kuni 'hidhattoonni Faannoo loon keenya qalatanii foon nyaatu, nuti asii waan nyaannu dhabnee rakkanna' jechuun aariin dubbatu.

Manguddoon ganduma kanarraa tibbana buqqa'anii fi ijoollee shan waliin Kiiramuu buufatan BBCn dubbises magaala Kiiramuu keessatti bakka deeggarsi gahaan hin jirretti haala rakkisaa keessa jiraachuu dubbatan.

Haleellaa sadaasa 30, bara 2018 hidhattoonni Faannoo aanaa Kiiramuu ganda Guddina Jireenyaa keessatti raawwatan jedhame Kanaan milishaan ummatarraa qolachuuf yaalii godhan lama du'uu fi namootni nagaa Madaa'an jiraachuus himu jiraattonni kunneen.

Aanaa Kiiramuutti hojjetaa Mootumma akka ta'ee fi sodaa nageenyaa qabuuf maqaa kiyya hin ibsinaa kan jedhe namni BBCn dubbise, aanichatti haleellaa Hidhattoonni Faannoo Raawwatan jedhame Kanaan Gandoota hedduurraa namni buqqa'u hima.

"Ganda Guddina Jireenyaa keessatti miidhaa guddaa uummatarraan geessisan. Taatee kana keessatti milishoonni lama lubbuu.dhabaniiru. isaan finxaaleyyii kana uummattarraa deebisuuf yaalaa turan. Hawaasarraa loon 150 ta'u ooffatanii ture. Milishaa fi poolisiin Oromiyaa qindaa'uun yaalii godhaniin gara caalu harkaa buusaniiru" jedhan.

Ganda Guddina jireenyaa keessaa caasaa gandaa Mootummaan 'Haaromee' jechuun mogaasuun hundeesse guutumatti hidhattootaan diigamuus himan.

Aanicha Gandoota shan caalan keessaa caasaa Mootummaa diiguun hidhattoonni kuni sochii keessatti gochaa jiraachuus eeran.

Haleellaa Sadaasa 30 darbe raawwatame kanaanis gandoota aanichaa adda addaa irraa uummanni kuma 15tti tilmaamamu akka buqqa'e himan.

"Uummanni buqqa'e kuni kaan Magaala Kiiramuu kaan aanaa Amuruu, kaan ammoo aanuma kana ganda Caffee sooromaa kaan ammoo manuma firaatti faffaca'ee jira" jedhan.

Haleellaa Sadaasa 30, hidhattoonni Faannoo aanaa Kiiramuu keessatti raawwatanii uummanni hedduun buqqa'e jedhame kanarratti bulchaan aanichaa obbo Birhaanuu Fiqaaduu 'booda sinitti dubbadha' jechuun erga nubeellamanii booda irra deddeebiin bilbillus bilbila hin kaasan.

Kana malees qaamolee hoggansaa Godina Wallagga Bahaa irraa dhimma kanarratti odeeffannoo argachuuf yaaliin taasifnes ammatti nuuf hin milkoofne.

Aaanaan Kiiramuu aanaalee wiirtuu hidhattootni Faannoo keessa socho'anii fi waggaa waggaan yeroo omishni sassaabamuun gahutti uummata irraa buqqisuun saamicha qabenyaa raawwatan akka ta'e himu jiraattoni.

Waggoota muraasaan duras magaala aanichaa Kiiramuutiin alatti gandoota aanichi qabu hunda keessaa jiraattonni buqqa'anii turuu BBCn gabaasaa ture.

Eegasiis marii hawaasa qe'eerraa buqqa'e kana waliin taasifameen hawaasni buqqa'e kuni Bara 2016 qe'ee isaaniitti akka deebi'an ta'ee ture.

Ta'ulleen amma erga hawaasni deebi'ee jiruu idilee gaggeeffachuu jalqabeen booda marsaa sadaffaaf uummanni aanichaa buqqaatiif saaxilameera.

Aanaan Kiiramuu aanaalee Wallagga Bahaa gama laga Abbayyaatiin naannoo Amaaraa daangessan keessaayi. Aanichi lafa gabbataa omisha adda addaaf oolu kan qabu yoo ta'u hidhattoonni kunneen fedhii lafa babal'iafachuu akka qabaatan kan godhes qabeenya Dilbii aanichi qabu jedhu Jiraattonni.

Haleellaa aanaa Kiiramuu dabalatee aanaalee Godina Wallagga Bahaa adda addaa keessatti raawwatamuun kan himatamu Hidhattoota Faannoo keessaa hoggantoonni muraasni Tibbana Mootummaa waliin waliigaltee nagaa mallatteessuun galuun niyaadatama.