Barreessaan Keeniyaa mataa keessa rukutameeti ajjeefame - Qorannoo reeffaa

Albart Ojiwaang to'annoo poolisii jala osoo jiruuti du'e

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Albart Ojiwaang to'annoo poolisii jala osoo jiruuti du'e

Barreessaan lammii Keeniyaa to'annoo poolisii jalatti du'e mataa keessa rukutameeti, duuni isaa haleellaa irratti raawwateen ta'u hin oolu jedhe qorannoon reeffaa taasifame.

Qorannoon kuni yaada poolisiin Albart Ojiwaang ''mataa isaa keenyan mataatti of dhahee of miidhe,'' jedhe waliin wal darba.

Duuni biloogarii kanaa Keeniyaa keessatti mufii jabaa uumeera. Dhaabbileen mirgaa poolisiin gaafatamuu qaba jechaa jiru.

Ojiwaang kan hidhame komii hogganaan itti aanaa poolisii biyyattii miidiyaa hawaasummaa irratti maqaa na balleesse jedhanii erga himatan boodadha.

''Sababi du'a isaatii ifa jira: miidhama mataa, mormi qabamuu akkasumas miidhima kaan haleellaan irratti raawwatu agarsiisudha,'' jechuun qorataan reeffaa biyyattii Bernaard Midiyaa dubbateera.

Bu'aa qorannoo reeffaa kanarratti ammatti poolisiin waan dubbate hin qabu.

Ojiwaang X akkasumas Feesbuukii gubbaa dhimmoota siyaasaafi hawaasummaa wayitawaa irratti barreessa.

Torban darbe gaafa Jimaataa magaalaa lixa biyyattii, Homaa Beeyitti hidhamee gara magaalaa guddoo biyyattiitti geeffame.

Barreessaan umrii 31 barsiisaas ture jedhame kuni Ajajaa Itti aanaa Polisii biyyattii Eluwiid Laagaat waan qeequ eega barreesse boodadha.

Erga to'annoo poolisii seenee booda boodarra of wallaaluutu gabaafame.

Poolisiin maal jedhee ture?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Lammiin Keeniyaa yaadasaa miidiyaa hawaasummaarratti maxxanseen walqabatee hidhame mana hidhaatti du'uu hordofee poolisiin qorannoo gaggeessaa jira.

Qaamni walabaa poolisii Keeniyaa irraa ijaarame namni Albart Ojiwaang jedhamu kun akkamiin mana hidhaatti akka du'e qorataa jiraachuu ibseera.

Poolisiin akka jedhutti namni kun ''maxxansa sobaa'' miidiyaa hawaasummaarratti baaseen hidhame.

Albart Ojiwaang magaalaa Lixa biyyattii Homaa Beey jedhamtu keessatti erga to'annoo jala oolee booda fageenya kiilomeetira 350 imalee magaalaa guddoo biyyattii Naayiroobiitti dabarfame jechuun gaazexeessitootatti himan abbaansaa Meshaak Opiyoo.

''Shakkamaan kun mana hidhaa keessatti mataasaa keenyanitti rukutuun baayyee of miidhee ture,'' jedhe poolisiin ibsa baase keessatti.

Isa booda hatattamaan gara hospitaalaatti geeffamus akkuma mooraa hospitaalaa seeneen lubbuunsaa dabarte jedha ibsi kun.

Daarektarri dhaabbata mirga namoomaa Aminastii Intarnaashinaal damee Keeniyaa BBCtti akka himetti, ajjeechaan nama barsiisaa fi biloogara ta'uunsaa ibsamee, Albart Ojiwaang , ''baayyee kan nama shakkisiisudha.''

Albart Ojiwaang

Madda suuraa, x

Ibsa waa'ee suuraa, Albart Ojiwaang barsiisaa fi biloogarii akka ture gabaasa waa'eesaa irratti dhihaate keessatti ibsameera

Aminastiin ibsa baase keessatti akkaataan du'a nama kanaa ''gaaffii jabduu hatattamaan, xiyyeeffannaan akkasumas walabaan qoratamuu qabu kaasa,'' jedhe.

Gaazexaan Star jedhamu qondaala Poolisii Keeniyaa Istiifan Okaal wabeeffachuun akka gabaasetti, qondaalichi ''wanti mana hidhaatti mudate gocha lubbuu ofii balleessuu aggaammii alagaa malee raawwatamedha,'' jedhan.

''Maxxansi sobaa'' Albart Ojiwaang ittiin hidhame waa'ee maalii akka ta'e ifa miti, garuu abbaansaa Aab Opiyoo marsariitii Citizen Digital jedhamutti akka himanitti poolisiin ilmasaanii qabe ''Albart nama gameessa arrabsuun X irratti maxxanse,'' jedheen.

Haala namni kun itti hidhamerratti daarektarri Aminastii Intarnaashinaal Irunguu Houghton, Albart Ojiwaang erga qabamee booda waajjira poolisii naannawasaatti hidhamuu dhabuun ''baayyee nama rifaasisa,'' jedhe.

Akkuma poolisiidhaan qabameen fageenyaa dheeraa deemee gara Naayiroobii geeffamuun shakkii guddaa keessa nama galcha jedhe qondaalli Aminastii kun.

Buufata poolisii Naayiroobii bakka namni kun itti hidhamee tureen ''iddoo yakki itti raawwate,'' jechuun kan ibse daarektarri kun, taateen kun qaama walabaan hatattamaan akka qoratamuu qabu gaafateera.

Poolisiin gamasaan Albart Ojiwaang ''adeemsa seera qabeessa ta'een hidhame,'' jedha.

Hidhamuu fi duuti nama kanaa wayita Keeniyaa keessatti namoonni mootummaa qeeqan irratti xiyyeeffatamuun hammaatetti mudate.

Torbee darbe ogeettiin Mosaajii (Software developer) Rooz Injeerii seera yakka saayibarii sarbite jedhamuun himatamtee turte.

Dubartiin kuni aappii namoota labsii maallaqaa mootummaan baase morman gargaaru kalaquun gumaachiteetti.