Ambaasaaddarri US dhimmoota yeroo TPLF fi Tigraayirratti Maqaleetti mari'ataa jiru

Itoophiyaatti ambaasaaddarri Ameerikaa Erviin Masiingaa dhimmoota yeroo TPLF fi naannoo Tigiraayirratti aanga'oota naannichaa waliin mariyachaa jiraachuu waajjirri pirezidantii bulchiinsa yeroo naannichaa Obbo Getaachoo Raddaa beeksiseera.

Daawwannaa hojii guyyoota sadiitiif gara magaalaa Tigraay, Maqaleetti Wixata darbe kan imalan Ambaasaaddar Masiingaan, dhimmoota TPLF, haala yeroo nannoo Tigraayiifi namoota sababa waraanaatiin buqqa'an bakkasaaniitti deebisuu ilaallataniin aanga'oota bulchiinsa yeroo waliin dubbachaa jiraachuu waajirichi ibsa guyyaama sana baaseen ibse.

Waajjirri pirezidantii ambaasaaddarichi aanga'oonni isaa olaanoon kan wal qoqqoodan TPLF ilaalchisee marii taasifamu ilaalchisuun odeeffannoo baaseeru hin qabu.

Ambaasaaddarichi turtii isaanii Tigaayitti taasisaniin garaagarummaan siyaasaa haala karaa nagaatiin itti furamuurratti akka mariyatan Embaasiin Ameerikaa Finfinneetti argamu ibsa baaseen beeksiseera.

Ibsi Embaasichaa garaagarummaa siyaasaa jechuun kan ibse wal qoodinsa TPLF gidduutti dhalate waliin wal qabachuusaa wanti jedhe hin jiru.

Dabalataan, raawwii waliigaltee Piritooriyaa waraana waggoota lamaaf dhiiga dhangalaasaa ture akka dhaabbatu taasise, akkaataa naannicha keessatti nageenyi waara'aa dhufuu danda'urratti akka mariyatan ibsi Embaasichaa eereera.

Ambaasaaddarichi gara Tigraay kan deeman waltajjii siyaasa Itoophiyaa irratti waggoota baayyeef gahee caalaa taphachaa kan ture hoggantoota TPLF gidduuti wayita mufiin dhalatee jiruttidha.

Osoo hoggantoota olaanoo gidduutti garaagarummaan jiruu Korri dhaabichaa 14ffaa Boordiin Filannoo beekamtii dhowwe gaggeeffameen irra deebiin kan filataman Dr. Dabretsiyoon G/Mikaa'eliifi pirezidantii bulchinsa yeroofi Dura Ta'aa I/Aanaa TPLF Obbo Getaachoo Raddaa gidduutti qoodinsi dhalate hammaateera.

Obbo Getaachoo Raddaa dabalatee miseensonni koree giddu-galeessa 17, komishinii to'annoo dhaabichaafi aanaaleen tokko tokko kan hirmaachisiin hafe korri TPLF 14ffaa dubbii falmisiisaa ta'eera.

Akkuma kana, dhimmi seera-qabeessummaa paartichaa deebisuuf gaaffiin Boordii FIlannootiif dhiyaate garee lamaan gidduutti falmii kaseera.

Qaamni seerummaa dhaaba TPLF kiyya kan jedhurratti gartuuleen lameen dhaabichaa gidduu muggutii uumeera.

Gareen dura taa'aa dhaabichaa Dabratsiyoon Gabramikaa'eliin durfamu shoomuufi shaaruun bulchiinsa yeroo naannichaa kan Obbo Getaachew Raddaa durfamuun raawwatamu fudhatama hin qabu jechuun tibba kana ibsa kenneera.

Kora falmisiisaa tibba kanaan hooggantuu Waajira dhaabichaa ta'uun kan filataman Aadde Fatilawarqi Gabra Igzaabeer xalayaa waajiraalee TPLF godinaa hanga aanaatti jiraniif erganiin nama aangootti fiduuf aangoorraa kaasuun fudhatama hin qabu jedhan.

''Hojimaataafi adeemsa seeraa paartichaa haala hin eegneen aangootti nama muuduufi aangoorraa kaasuun raawwatamaa jira,'' jedhan.

Xalayaan isaanii kun kan barreeffame tibba Obbo Getaachoon bulchituu Kibba Baha Tigraay kan ta'an Aadde Liyaa Kaasaa aangoorraa kaasanii boodadha.

Kora 14ffaa dhaabichaa isa falmisiisaa booda Dabratsiyoon miseensonni bulchiinsa yeroofi hojii raawwachiiftuu yaa'icharratti hin argamne beekamtii dhaabichaa akka dhaban ibsaniiru.

Pirezidantiin Bulchiinsa Yeroo naannichaa Obbo Getaachoon ammoo garee Dr Dabratsiyooniin garee ''dhiittatee bahe'' jechuun ibsaniiru. Kaayyoonsaas bulchiinsa yeroorraa aangoo butuudha jedhan.

Ambaasaaddar Masingaan buufata xiyyaaraa Alulaa Abbaa Naggaa kana magaalaa Maqalee jiru yoo gahan Obbo Getaachoo Raddaafi Janaraal Taaddesee Warradeen simataman.

Ambaasaaddarichi turtiisaanii guyyoota sadiin dubartoota wayita waraanaa yakki dirqiin gudeedu irratti raawwatame itti kunuunfamaniifi piroojektii loltoota duraanii hiikkachiisuufi deebisee ijaaruu ni daawwatu.