Misaa'ela haara Israa'el yeroo jalqabaaf waraana Gaazaatti fayyadamte

Madda suuraa, IDF
Waraanni Israa'el erga waraanni Gaazaa Onkoloolessa bara 2023 jalqabee yeroo jalqabaatiif haleellaa Gaazaa irratti raawwate keessatti misaa'ela 'Bar' jedhamu fayyadamuu ishee beeksifteetti.
Kanaan duras Israa'el waraana Hezboollaa irratti Libaanos keessatti geggeeffame iiraatti misaa'ela hamaa kana fayyadamuu akka hin oolleetu ibsama.
Waraanni Israa'el tibbana viidiyoo furguggifamuu misaa'ela kanaa agarsiisu gadhiiseera.
Misaa'elli Bar sirna qajeelfama haala lolaa rakkisaa ta'eef mijatu akka qabuu fi yeroo baay'ee gabaabaa keessatti bakka irratti xiyyeeffate rukutu kan danda'udha.
Akka waraanni Israa'el jedhutti, misaa'eloonni Bar addatti naannoo lolaa hamaa keessatti itti fayyadamuuf kan qophaa'an yoo ta'u, ''saffisa olaanadhan'' haleellaa raawwachuu danda'a.
Misaa'eloonni Bar kun misaa'ela waraana Israa'el Rumakh kan dura itti fayyadamtu kan sirna rookkeettii dachaa M270 irraa dhukaafaman bakka buusuuf hojjatameedha.
Misaa'elli kun sirna rookkeettii MLRS Ameerikaan hojjetame kan Israa'el waggoota kurnaniif itti fayyadamaa turte waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu dachaa hedduun ammayyaa'aafi fooyya'aa ta'uu isaa ibsi waraana Israa'el kanaan dura baase ni mul'isa.Ibsichi "Bar" sirna ajaja kennameef irratti xiyyeeffachuun haleellaa taasisuuf dandeettii guddaa qabu ta'uu eera.
Misaa'ilichi, misaa'ela fageenya giddu galeessaa hanga kiiloo meetira 30 fagaatudha.
Waraanichi duula waraanaa dhiheenya kana Libaanos fi Gaazaa keessatti Hezbollaah irratti gaggeesseen itti fayyadamuu isaa mirkaneessera.
Garuu misaa'elli kun akkamitti hojjeta?
Ajajaan kutaa waraanaa kun akka Rooyitarsitti himanitti "Fakkeenyaaf, loltuun damee kana keessa jiru tokko waraana faalla misaa'ela farra xiyyaaraa qabate yoo arge, yeroo karaa raadiyoo nu qunnamu irraa eegalee daqiiqaa torba keessatti misaa'elli sun bakka sirrii sana rukuta" jedhan
Misaa'elichi qaama sirna ittisa waraana Israa'el sadarkaa olaanaa qabu ta'uudhaan waraanni Israa'el kan itti fayyadamudha.
Meeshaa waraanaa Israa'el eenyutu hojjeta?

Madda suuraa, Reuters
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akka waraanni Israa'el jedhutti, Birgeediin Hidhannoo 282ffaan qaama haleellaa Hamaas irratti gaggeeffamaa jiruun naannoolee kibba Gaazaa irratti xiyyeeffachuuf misaa'ela Bar, kan Elbit Systems jedhamu irraa hojjetame fayyadameera.
Elbit Systems dhaabbata oomisha meeshaa waraanaa guddaa bara 1966 hundeeffame yoo ta'u, bara 1996 damee of danda'e adda addaatti qoodame.
Elbit Systems bara 1996 Israa'el keessatti hojjechuu kan jalqabe yoo ta'u, waggoota 29 dura, xiyyaara nama maleessaa Skylark 1 oomishe. Hamas bara 2015 xiyyaaricha qabachuun foyyessee, tajaajilaaf kan oolche ta'uu ibsi garee yeroo sanaa irraa kenname ni mul'isa.
Elbit dhaabbilee ijoo addunyaa irraa kan qabu yoo ta'u, oomisha isaa waraana biyyoota adda addaatti gurgura jira.
Dhaabbatichi waldhabdee Israa'el fi Filisxeem keessatti waraana Israa'el deeggaruu isaa hordofee dhaabbilee ijoo UK fi US keessa jiran irratti mormiin isa mudateera.
Dhaabbileen invastimantii idil-addunyaas sababa waldhabdee kana keessatti hirmaachuu isaatiin invastimantii isaanii dhaabbaticha irraa kaasaniiru.
Elbit Systems bara 2023 irraa eegalee waraana Israa'elii fi Hamaas gidduutti deemaa jiruuf Israa'eliif meeshaa waraanaa dhiyeessuuf oomisha meeshaa waraanaa isaa dachaa lamaan guddiseera.
Waraana Israa'eliifis meeshaalee waraanaaa barbaachisoo, kanneen akka misaa'ela, boombii, diroonii, sirna hordoffii balaa, akkasumas meeshaa waraanaa elektirooniksii adda addaa dabalatee gosa meeshaa waraanaa adda addaa, keessattuu rookkeettii 155mm dhiyeessaa jira.
Akka kuusaan odeeffannoo waraana Israa'el jedhutti, Elbit Systems diroonii isaa dhibbeentaa 85 fi sirna misaa'ela adda baasuu fi to'annoo balaa dhibbeentaa 85 kan Israa'eliif dhiyeessu dhabbatichadha.
Kana malees, dhaabbatichi kontiraaktara ijoo ijaarsa dallaa daangaa naannoo Gaazaa kan yeroo haleellaa Hamaas Onkoloolessa 7, 2023 raawwatu cabse akka ta'etu himama.
Galiin dhabbatichaa erga waraanii eegalee kurmaana kurmaanaan guddina agarsiisaa jira.
Meeshaa waraanaa haaraa hanga yoonaa Israa'el fayyadamte kam fa'i?

Madda suuraa, Reuters
Akka gabaasa michoota Ameerikaatti, waraanni Israa'el bara 2006 irraa eegalee diroonii Hermes 450 fi 900, kan dhaabbata Elbit Systems jedhamu irraa hojjetame bal'inaan fayyadamuun Gaazaa, West Baankii fi Libaanos keessatti haleellaa fi hordoffii bal'inaan raawwachaa jira.
Gabaasaleen tokko tokko misaa'elli Bar meeshaa haaraa Israa'el waraana kana keessatti fayyadamte isa jalqabaa ta'uu ibsu.
Haa ta'u malee, Israa'el misaa'ela Bar qofa utuu hin taane Waxabajjii bara 2023 irraa eegalee waraana Gaazaa irratti meeshalee waraanaa haaraa heddu fayyadamteetti.
Kanneen keessaa, Meeshaa waraanaa Iron Sting jedhamu ajaja kennaameef qixa sirriin raawwatuu fi dhaabbata Elbit Systems jedhamun hojjetame erga waraanichii egalee kaasee fayyadamaa turte.
Meeshaan waraanaa kun qajeelfama kallattii lamaa (Laser Rangefinders fi GPS) kan qabu yoo ta'u, naannoo magaalaa keessatti bakka irratti xiyyeefatame qofa rukutu kan dandeessisuudha.
Waraanni Israa'el meeshaalee waraanaa kanneen Gaazaa fi boodarras kibba Libaanos irratti itti fayyadamaa ture.
Misaa'eloota "Holit" fi "Yeted" jedhaman kan galaana irraa dhukaafaman, Misaa'eloota farra taankii, misaa'ela barame "Lao" caalaa dhibbeentaa 50n humna guddaa kan qabani fi humna dhoo'aa olaanaa fi fageenya dheeraa kan qaban fayyadamteetti.
Meeshaaleen kunneen addatti naannoo magaalaa itti fayyadama taankiif salphaa hin taane keessatti waraanaaf kan qophaa'anidha.
Rokkeettii "Oketz Belda" jedhamu kan ajaja fudhatee GPSn hordofee haleellaa raawwatu, Misaa'ela Merkava 4M jedhamu kan sirna ittisa farra misaa'ela qabu yoo ta'u, waraana kana irratti yeroo jalqabaaf naannoo uummanni baay'inaan jiraatutti fayyadamteetti.
Sirna Xiyyaaraa kan sirna ittisa qilleensaa misaa'ela fageenya dheeraa hawaa keessaa ba'u akka addaan kutuuf qophaa'e kessumaa misaa'ela Yaman irraa gara Israa'elitti dhukaafamu ittiin qolachuuf kan fayyadamte, raadiyoo qunnamtii dhodhootuu fi meeshaaleen waraanaa kanneen biroo, kanneen waraanni Israa'el Gaazaa fi Libaanosittillee dhimma itti bahe keessaatti eeramu.
Meeshaleen waraana kunneen tooftaalee lolaa kanneen dandeettii namtolchee, teeknooloojii sadarkaa olaanaa fi to'annoo fagoo irratti taasifamu ta'uu isaanitiin haleellaa fi badii gurguddaa qaqabsiisaniiru
Balaan namoota nagaa, dhaabbilee siiviilii fi namoota waraana kana keessatti hin hirmaanne irratti geessisanis baay'ee olaanadha.












