Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Finciltoonni magaalota Sooriyaa to'achaa jiran eenyudha?
Finciltoonni mootummaa Sooriyaa Pirezidantii Bashaar al-Asaadiin durfamurratti fincila eegalan Haayaat Taahrir al-Shaam (HTS) jedhamu.
Hidhattoonni kuni kan waldhabdee Sooriyaa keessatti seenaa dheeraa fi hirmaannaa qabanidha.
Ofii hidhattoota HTS eenyu?
Hidhattoota Islaamummaa Haayaat Taahrir al-Shaam (HTS) bara 2022 keessa maqaa biraatiin akka garee kallattiidhaan Al Qaa'idaa waliin hidhata qabuuttii hundeeffaman.
Hogganaan garee Islaamummaa (IS), Abbu Baakr al-Baagdaadiin hundeeffama garichaa isaa keessatti hirmaateera.
Gareewwan Pirezidaantii Asaad irratti lola gaggeessan keessaa bu'a qabeessaa fi lubbuu namaa galaafatan keessaa tokko ta'ee ilaalama ture.
Haata'u malee kaka'umsa warraaqsaa isaa caalaa ilaalchi jihaadistii isaa humna isaa sochoosu ta'ee mul'ate. Yeroo sanatti ammoo gamtaa finciltootaa isa guddaa alaabaa 'Sooriyaa Bilisaa' jedhu jalatti akka wal faallessutti ilaalame ture.
Garuu bara 2016tti hogganaan garee kanaa Abbu Mohammed al-Jaawlaani ifatti Al Qaayidaa waliin hiriira cabsuun Jaabhaat al-Nusra diiguun dhaabbata haaraa hundeesse. Dhaabbanni sunis waggaa tokkoon booda gareewwan walfakkaatan biroo hedduu waliin yeroo walitti makamu maqaa Haayaat Taahrir al-Shaam jedhu fudhate.
Sooriyaa keessatti eenyutu aangoo qaba?
Waraanni Sooriyaa waggoota afran darbaniif akka waan sirriin xumurameetti yaadamaa ture.
Bulchiinsi prezidaant Baashaar al-Asaad qabataamaadhaan magaalota gurguddoo biyyattii keessatti kan hin mormamne yoo ta’u, kutaaleen Sooriyaa biroo tokko tokkotti garuu kallattiin to’annaasaa jalaa ba’aniiru.
Kanneenis naannolee harki caalaan Kurdootaa ta'eefi bahaa keessatti argaman yoo ta’u, isaanis waggoota jalqabaa waldhabdee irraa eegalee ture kan to’annoo mootummaa Sooriyaa irraa hanga tokko adda ta’aniidha.
Kibba bakka bara 2011 keessa warraaqsi bulchiinsa Asaad mormu itti jalqabe keessatti hanga tokko tasgabbaa'ulleen, jeequmsi itti fufeetuma jira.
Gammoojjii bal'aa Sooriyaa keessatti, gareen Islaamummaa ofiin jedhaniin bakkeewwan qabaman ammallee, keessumaa waqtii namoonni nyaata mi'aawaa bu'aa guddaa qabu argachuuf gara naannoo sanaatti qajeelan, balaa nageenyaa hamaaf saaxilamu.
Kaaba-Lixaatti ammoo, bulchiinsi Idlib gareewwan jihaadistootaafi finciltoota yeroo waraanni kun cimetti achitti dhiibamaniin qabamtee jirti.
Humni Idlib keessatti olaantummaa qabus garee amma haleellaa tasa Aleeppoo irratti bane, HTS'dha.
Hadhaawaa lola keessaa
Waggoota hedduudhaaf humnoonni mootummaa Sooriyaa deebi’anii to’achuuf lolaa sababii turaniis Idlib dirree waraanaa ta’ee hafe.
Haata'u malee waliigalteen dhukaasa dhaabu bara 2020tti jaarsummaa Raashiyaa, michuu ijoo Asaad turtee fi Tarkii kan finciltoota deeggartuun taasifameen, baay’inaan qabattee jirti.
Namoonni gara miliyoona afur ta’an achi jiraatu. Irra caalaan isaaniis kanneen magaalotaa bakka humnoonni Asaad finciltootarraa lola gara jabinaatiin barbadeessuun deebisanii injifatan irraa kan buqqa’aniidha.
Aleeppoon dirree waraanaa dhiigaan guutame keessaa tokko yoo taatu, innis mo'amuu guddaa finciltootaa keessaa tokko bakka bu’a turte.
Asaad injifannoo galmeessisuuf humna qilleensaa Raashiyaa fi lola lafootiin ammoo gargaarsa waraanaa Iraan kanneen irra caalaa karaa milishoota Iraaniin deeggaramanii, irratti hirkata ture.
Kunis Hezbollaa dabalata.
Dhiheenya kana sababii haleellaa Israa’el Libaanos irratti raawwattee fi haleellaa ajajoota waraanaa Iraan irratti Sooriyaa keessatti raawwatte walqabatee Hezboollaan duubata deebii'unsaa, murtee gareewwan jihaadistootaa fi finciltootaa Idlib keessa jiran kunneen Aleeppoo irratti sochii akka tasaa fi haala hin eegamneen akka taasisaniif gahee guddaa akka qabu shakkii hin qabu.
Amma yeroo muraasaaf HTS bu’uura aangoo isaa Idlib keessatti seeran beekamu baatus bakka bulchiinsa naannoo (de facto) hundeessee jira. Haata'u malee tattaaffiin isaa gara seera qabeessummaatti taasifamu sarbama mirga namoomaatiin kan xuraa’edha.
Akkasumas gareewwan biroo waliinis waldhabdee hadhaa’aa keessatti hirmaateera. Hawwiinsaa Idlib bira darbee garuu ifa miti.
Erga Al Qaayidaa waliin addaan bahee as, galmi isaa akkuma gareen IS's yaalee fi hin milkaa'iin hafe, bulchiinsa amantaa (caliphate) bal’aa osoo hin taane Sooriyaa keessatti bulchiinsa finxaaleeyyii Islaamaa hundeessuuf yaaluun qofa kan daangeffamedha.
Hanga ammaattis, waraana Sooriyaa sadarkaa guddaatti deebisee eegalchiisuu fi rakkoolee bulchiinsa Asaad kan biyyattii harka caalu irratti qabu, haaromsuuf yaaliin mallattoo agarsiise xiqqoo turte.