Hojii lubbuu fattee guddicha addunyaa baraaruuf taasisamu

Sedrik Foogwaan fattee guddicha addunyaa waliin

Madda suuraa, JEANNE D'ARC PETNGA

Yeroo Sedrik Foogwaan fattee kana arge, guddina isaa bayyee ajaa’ibsiifatee ture.

Hanga adurree guddachuun, fatten kun addunyaa irratti fattee isa guddicha ta’eera.

Hojii lubbu baraaruu tasiifamu irratti fatte kana baatee kan ture Sedrik, akka daa’ima xiqqoo bachuudha jedheera.

Roggeessi eegumsa naannoo fi bineensota lammii Kaameruun kun, egeree gosa fattee gooliyaad jedhaman, kan lubbuun isaani balaaf saaxilame jiru kanaaf falmuuf jecha piroojektii hundeesseera.

“Yeroon gosa fattee kana argadhe bayyee adda ture – addunyaa keessatti isa guddicha – kun wanta salphatti bakka biraatti argannu mitin jedhe, baayyeen boone,” jedha.

“Jiraattonni naanicha wanta akkanaa qabaachuu isaaniitti eebbifamoo akka ta’an himu; aadaa keessatti bakka guddaa akka qabutti ilaalama.”

Fattee guddicha addunyaa

Madda suuraa, CEDRICK FOGWAN

Waggootii hedduuf, fatten gooliyaad kun Kaameeruun fi Ikwaatoriyaal Giinii keessatti nyaataa fi daldala beeyladaaf gar-malee adamsamaa tureera.

Naannoon lageenii fi burqaalee gosti fattee kun keessa jiraatu ariitiin babbadaa jira, kanaaf amma galmee bineensota baduuf deemanii Red List irratti galmaa’ee jira.

Saayinsii keessatti wa’een fattee kanaa wanti beekamu muraasadha, Kaameruun keessattilee jirattoonni hedduun bu’aa bineensi kun sirna uumama keessatti qabu hin beekani. Fakkeenyaaf ilbiisota qonnaa balleessuu danda’an nyaata.

Gartuun kunuunsaa kun adamsitoonni, fattee kana nyaataaf fayyadamuurra yeroo argan akka galmeessaniif saayintistoota uummataa akka ta’aniif amansiisuuf yaalaa jiru.

Dabalataanis filannoo madda nyaataa biraa uumuuf jecha, gartuulee biyyattii waliin ta‘uun qonnaa ciilalluu hundeessuuf hojjechaa jiru.

Hojiin kunuunsa kun bu’aa fiduu eegaleera, amma fatten guddichi kun lageen Paarkii Gaara Nilonako keessa jiranitti deebifamuuf jira.

Jijjirama kan fide, namichi adamsa irratti hojjechaa ture, ollaan isaa fattee tokko qabachuu isaa yemmuu bilbilee gabaasedha. Sediriik fattee kana oolchee, gara bosonaatti deebisuu danda’eera.

“Hanga baraabaraatti qabaachuu dandeenya, ittiin boonuus itti fufna jedheen amana,” jedha.

Hojiin fattee gooliyaad kunuunsu kun dhaabbata Sagantaa Hoggansa Kunuunsa (CLP) kan, dhabbilee Fauna & Flora International, BirdLife International fi Wildlife Conservation Society jedhamaniin hoogganamuun deeggarama.