Dhaabbanni US bineensota sanyiin isaanii lafarraa bade deebisuufi

'thylacine' (bitaa) fi 'woolly mammoth' (mirga)

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Dhaabbanni US tokko bineensota 'thylacine' (bitaa) fi 'woolly mammoth' (mirga) sanyiin isaanii bade deebisuu barbaada.

Saayintiistonni bineensota sanyiin isaanii lafarraa bade deebisanii fiduuf yaalii godhaa jiru.

Dhaabbanni US buufate bara 2021 hundaa'e tokko bineensota sanyiin isaanii bade lama waggoota shanii hanga kudhanii dhufan jidduutti deebisee akka fidu shakkii hin qabu jedha.

Wanti kun Juuraasiik Paark keessati yoo ta'e malee qabatamaan lafarratti dhugoomsuuf waan danda'amu hin fakkaatu. Ammoo osoo danda'ameellee godhamuu qaba jedhanii kan hin amannee hedduudha.

Odeessa kanaan maaltu karoorfame kan jedhu akkasumas dhugumatti bineensota badan deebisuun ni danda'amaa kan jedhu ilaalla.

Maaltu karoorfame?

Pirofeessarri jenetiiksii Ameerikaa Joorji Charch sanyi bade deebisuun ni danda'ama jedha

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Pirofeessarri jenetiiksii Ameerikaa Joorji Charchi sanyii bade deebisuun ni danda'ama jedhu

Dhaabbanni 'Colossal Biosciences' jedhamu qorataa jenetiiksii Joorji Charchi fi hogganaa olaanaa Been Laamiin durfamuun bara 2027'tti bineensa sanyiin isaa bade 'woolly mammoth' jedhamu akka deebisan abdatu.

Dhiyoo kana Yuunivarsiitii Meelbarni waliin ta'uun, piroojektii qeerransa Tasmeeniyaa 'thylacine' jedhamu bara 1930'oota eegalee sanyiin isaa bade deebisee uumu eegalchiisanii jiru.

Garuu akkamiin deebisu?

Arbi Eeshiyaa bineensa 'woolly mammoth' jedhamu waliin DNA wal-fakkaataa qaba

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Arbi Eeshiyaa bineensa 'woolly mammoth' jedhamu waliin DNA wal-fakkaataa qaba

Karaan tokko ittiin bineensota kana deebisan 'reverse engineering' jedhama.

Saayintiistonni seelii bineensota DNA wal-fakkaataa qabanii fudhachuun erga gulaalanii booda sanyii bineensaa bade sana deebisanii uumu.

Bineensi 'woolly mammoth' waliin DNA wal-fakkaataa qabu arba Eeshiyaati.

Qeerransa Tasmeeniyaa 'thylacine' jedhamuuf ammoo DNA isaa qaama ilmoo gosa qeerransa kanaa waggoota dheeraa dura bobaa haadhaa jalaa fudhatamee alkoolii keessa godambaa Meelbarni keessa kaa'amerraa hojjetaa jiru.

Maaliif waan ulfaataa ta'e?

'Thylacine' jedhamuun kan beekamu sanyiin qeerransa Tasmeeniyaa 1930moota irraa eegalee bade

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, 'Thylacine' jedhamuun kan beekamu sanyiin qeerransa Tasmeeniyaa 1930'oota irraa eegalee bade

Danqaan ulfaataan saayintiistota mudate DNA guutuu kan bineensa sanyiin isaa badeen wal-fakkaatu argachuu dhabuudha.

Rakkoon jiru bineensonni wayita du'an DNAn isaanii bakka adda addaatti caccaba.

DNA caccabe kana wal-duraa duuba sirriin deebisanii tolchuun ulfaataadha.

Faayidaa maal qaba?

Bineensi 'Seexana Tasmeeniya' jedhamtu qorannoo kanaan fayyadamuu malti

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Bineensi 'Seexana Tasmeeniya' jedhamtu qorannoo kanaan fayyadamuu malti

Hogganaa Olaanaan dhaabbata 'Colossal Biosciences' Been Laam bineensota sanyiin isaanii lafarraa bade deebisanii fiduun daneessummaa lubbu-qabeeyyii (biodiversity) eeguuf, sirnakkoo miidhame deebisuuf akkasumas miidha dhalli namaa amma dura dhaqqabsiise of-duuba deebisuuf tola jedha.

"'Woolly mammoth' fi 'thylacine' lamaanuu naannoo isaanii keessatti qooda guddaa qabaachaa turan.

''Sanyii isaanii deebisuun sirnakkoo sanyiin isaanii baduu isaatiin manca'e dandamachiisuuf fayyada," jedhu.

Qorannoon isaanii sanyiin bineensotaa biroo akka hin badne ittisas jedha.

"Seexanni Tasmeeniyaa (Tasmanian devil) al tokkotti ilmoo 20 hanga 30 dhalti. Garuu kan guddatu muraasa qofa.

''Qorannoon nuti 'thylacine' irratti hojjetaa jirru kanneen bineensa 'seexana Tasmeeniyaa' jedhamtu akka hin badne kunuunsan hedduu gargaara," jedha.

Balaan inni qabu maali?

Akkamiin haati arbaa tokko 'mammoth' ulfooftee akka deessu tilmaamuun ni ulfaata

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Akkamiin haati arbaa tokko 'mammoth' ulfooftee akka deessu tilmaamuun ni ulfaata

Haati arbaa tokko jiinii ykn sanyii gulaalame garaatti baattee ilmoo 'mammoth' akka dhaltu gochuun bineensota biroof balaa qabaachuu mala jedhu ogeeyyiin dhimma kana qeeqan.

Bineensi tokko gosa bineensa biraa garaatti akka baattu godhamuun balaa qabaachuu bira taree mirga bineensotaan wal-qabsiisees gaaffii kaasa jedhu.

'Colossal Biosciences' garuu dhimma kanarratti dursee qophii godhaa akka jiru hima.

Wanta sirriidhaa?

'Mammooth' sirnakkoo eeguuf tumsaa ture jedhama

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, 'Mammooth' sirnakkoo eeguuf tumsaa ture jedhama
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Qeeqxonni tokko tokko bineensota sanyiin isaanii bade deebisuun 'sirrii miti' (unethical) jechuun falmu.

Bineensota akka 'mammoth' waggaa 4000 dura lafarraa dhabame deebisanii fiduun dhiibbaa akkamii akka qabaatu wanti beekamu hin jiru jedhu.

Ammoo teeknoolojiin kun yoo milkaa'e bineensota kam fidanii kam dhiisu gaaffiin jedhus jira.

Bineensonni akkaataa kanaan uumaman warra duraan sanyiin isaanii bade waliin tokko ta'uu dhiisuu malu yaaddoon jedhus jira.

''Sanyii bade deebisuu wanti jedhamu gonkumaa hin jiru. Wanti bade badeera. Kan jiru bineensa guutummaatti haaraa ta'e uumuudha," jetti dhimma kana kan qeeqxu saayintiist Viktooriyaa Heeriij.

Been Laam garuu bineensonni kun sanyiin isaanii kana bade harka namaatiini, badii harka namaan uumame kana sirreessuun barbaachisaadha jedha.

"Sanyii bade deebisanii dhugoomsuuf waan barbaachisu harkaa qabna. Kanaaf miidhaa dhalli namaa dhaqqabsiise of-duuba deebisuu eegaluu qabna," jedhu.

Piroojektii dhaabbanni isaanii itti jiru kanaan yeroo dhiyootti bineensota sanyiin isaanii badan deebinee arguu akka dandeenyus abdatu.