Dureessi Raashiyaa waraana mormaa turan bashannanaaf bakka imalanitti du'an

Sooreessi lammii Raashiyaa weerara biyyi isaanii Yukireen irratti bante mormaa turan jedhaman, guyyaa dhalootasaanii kabajachuuf biyya Indiyaatti bakka imalaniitti du’anii argaman.

Sooreessichi Paaveel Antoov baha Mooskoo magaalaa Viilaadmii keessatti nama siyaasaa fi daldalaa beekamaa turan.

Imaluma walfakkaatuun hiriyaansaanii sooreessa kana waliin imalanii turan guyyaa lama dura haaluma shakkisiisaa ta’een lubbuunsaanii darbeera.

Antoov baatiiwwan muraasaan dura barreeffamni weerara Raashiyaan Yukireen irratti raawwattee qeequu toora WhatsApp isaanii irratti mul’atulleen ''ani waraanicha hin mormiinee'' jechuu haalaanii ture.

Poolisiin Indiyaa du’a nama kanaa waliin wal qabatee raga gochaa yakkaa omaatuu hin argannee haa jedhu malee, duutii sooreessa kanaa hedduuf miira shakkii uumeera.

Miidiyaalee Raashiyaa keessaas, gaheessi umuriin wagga 65 kan turan Antoov erga magaala Raayaagaadaa keessatti guyyaa Dilbataa foddaa hoteelaa irraa kufaniin booda lubbunsaanii darbeera, Miseensi garee Cimaa Raashiyaa isaa afur kan biraa, Vilaadmiir Budaanov ammo Jimaataa hotelichatti du’e jechuun gabaasan.

Nama kana waliin imalarra kant uran Vilaadmiir Budaanoov’s guyyaa lama dura hoteeluma kana keessatti lubbunsaanii darbeera.

Qondaalloo poolisii Indiyaa, Viivekaaninaand Shaarmaa waa’ee du’a namoota lamaan kanaa yoo himu, Budaanov guyyaa Jimaataa sababii istirookii mudateetiin lubbunsaa yoo darbu, Antoov ammo ‘‘du’a hirriyaa isaatiin dhiphina keessa erga seene booda, innis Dilbata du’eera’’ jedhe.

Qontselaan Raashiyaa kan Indiyaa Kolkaataatti argamus, Alexei Idamkin ‘‘taatee gaddisiisaa kana keessatti gochaa yakkaa jiraachuu poolisiin raga hin argannee’’ jechuun miidiyaatti dubbatan.

Namni hojjataa dhaabbata dowwachiisuu ta’e tokko ammo, du’a Budinoovitti maddi dhugaatii alkoolii ta’u mala jedhe. Namni Jiitendaraa Siingihaa jedhamu kun ‘‘dhugaatii alkolii qabatee waan tureef baayyee dhugee ture’’ jechuun gaazexessitootaatti hime.

Paaveel Antoov abbaa qabeenyaa warshaa foonii yoo ta’an qabeenyaansaanii qulqullaa’aan doolaara miiliyoona 140 ni ta’a jechuun Foorbiis bara 2019 keessa tilmaamee ture.

Innis gumii seera turuu Vilaadmiir keessatti koree imaammata qonnaafi eegumsa naannoo dursuudhaan gahee olaanaa bahanii ture. Ittaanaan gumiichaa Vyacheslav Kartukhin ‘‘haala sukkaneessaan du’ee’’ jedheera.

Baatii muraasa dura haleelaa miisaa’eelli Raashiyaa maneen jireenyaa Yukireen irratti raawwateen mana barbadeessuun abbaa tokko ajjeessuun, haadhaafi ilmarraan miidhaa qaqabsiise, ‘‘kun gochaa shororkeessaati jechuun waamuun ala kan biraa jechuun hin danda’amu’’ jedhuun isaa bal’inaan gabaafamee ture.

Haata’u malees Antoov barreeffamichaa haquun gara miidiyaa hawaasaatti bahuun biyyasaanii akka jaalatan fi pirezidantii Vilaadmiir Putiiniifi waraanicha akka deeggaran ibsuun, yaadni kenname kn isaa akka hin taane himee ture.

Raashiyaan erga waraanaa Yukireen keessatti eegaltee kaasee namoonni bebbeekamoofii dhiibbaa taasisuu danda’aii haala shakkisiisaa ta’een lubbunsaanii darbu baayyataa dhufeera. Kanneen du’aa jiranis kan waraanicha mormaniidha.

Baatii Fulbaanaa keessa dureen dhaabbata boba’aa guddicha Raashiyaa Lukoil kan ta’e Raavil Maaganov Mooskoo keessatti foddaa hospitaalaa irraa kufee ture jedhame.