Fooxaa qaama keenya ittiin qoorsinu yeroo hangam hagamitti miicuu qabna?

Fooxaan qaama keenya ittiin qoorsinu hanguma faayidaasaa vaayirasiifi baakteeriyaa nutti guura. Kanaaf yeroo hangam, hangam keessatti miicuu qabna?

Har'umayyuu dhaqna dhiqattanii ittiin qoorfattaniittu taha. Garuu fooxaan kee kuni hangam qulqulluu dha? Torbeetti al tokko faa miiccitaa?

Qorannoon namoota 100 irrati taasifame akka agarsiisutti tokko sadaffaan isaanii ji'atti al tokko qofa fooxaa miccatu. Qorannoo biraa UK'tti taasifameen muraasni kan waggaatti al tokko fooxaa isaanii miican jiru.

Fooxaan bishaan dhiqannu keessaa yeroo baanu jidhiina nurraa gogsu xurii waan qabu hin fakkaatu. Garuu bakka wal-hormaata baakteeriyaafi vaayrasii miiliyoonaan lakkaa'amuuti.

Akka qorannoowwan agarsiisanitti fooxaan baakteeriyaa gogaa keenyaa ykn garaa keenyaan dafee dafee faalamuu danda'a.

Qaama keenya erga dhiqanneen boodallee baakteeriyaan nurraa hin qulqullaa'u yeroo fooxaan of qoorsinu immoo itti darbaa jechuu dha.

Lubbuu qabeeyyiin shifii kunneen qaama keenya qofa osoo hin taane fangasii qilleensarraafi bishaan itti dhiqannu irraa illee fooxaarra qubachuu dabda'u.

Jaappaan keessatti ammoo bishaan dhaqna ittiin dhiqatan deebisanii wayyaa ittiin miicuuf fayyadamu.

Qorattoonni Yunivarsiitii Tookuushiimaa, kuni bishaan qusachuuf haa fayyaduyyuu malee baakteeriyaan baayyee bishaan dhaqan ittiin dhiqatanirraa gara fooxaa fi uffata kaaniitti darba jedhan.

Fooxaa qaama keenya ittiin qoorsine kutaa dhiqannaa keessatti warreen afnus waan fayyadu gochaa hin jirru- mana fincaaniitti bishaan naqnu baakteeriyaan itti faca'a.

Yeroo dheeraa keessa fooxaan hin miicamne sababa tuuta baakteeriyaafi lubbu qabeeyyii shifii waan horatuuf halluu geeddrachaa dhufa.

Baatii lama booda irra deddeebiin yoo miiccitellee baakteeriyaan irra jiraatu akka daalachaa'u godha. Tahus kuni yeroofi haala ati fooxaa dabalate uffata kee miiccituun murtaa'a.

Gaaffiin ijoo garuu baakteeriyaa fooxaa keerra jiraatuun hangam yaadda'uu qabdaa kan jedhu dha.

Dhimmi fooxaa miiccachu mataduree waa'ee hin baasne fakkaata garuu Elizaabeet Iskoot-barsiistuu baayolojiifi Boostan Ameerikaatti hoggantuu waloo Wiirtuu Qulqullinaa fi Fayyaa Mana Jireenyaa Hawaasaa Yunivarsiitii Simoonsii waan qoosaa akka hin taane himti.

Akkatti baakteeriyaan mana jireenyaa keenya keessatti tamsa'u qoratti.

''Baakteeriyaan calliseema fooxaarra hin taa'u,'' jetti. ''Waan fooxaarraa nu miidhuu danda'u nama biraa irraa kan dhufu danda'u dha.''

Inumaa, gogaa keenyarra gosoota baakteeriyaa 1000 fi vaayirasii akkasumas fangasiin argama.

Tahus baayyeen isaanii kanneen nu fayyadanii dha. Infeekshinii fi baakteeriyaa hamaa irraa nu eegu. Kanas keemikaalota guyyuu itti saaxilamnu caccabsuun raawwatu, akkasumas sirna madiinummaa qaama keenyaa jabeessu.

Baakteeriyaan gosti baayyee fooxaa keenyarra jirran kanuma gogaa qaama keenyaafi naannoo keenyatti argamaniidha.

Kunneenis baakteeriyaa Isaafiiliikookas fi Iskeerikiyaa koolii kan baay'inaan garaacha keenya keessattis argamani dha. Tahus baakteeriyaan Saalmooneellaa fi Shigeellaa jedhaman dhukkuba garaa kaasaa fa'i fiduu danda'a.

Haa tahu malee baakteeriyaan gariin hamma carraa argatanitti miidhaa hin dhaqqabsiisan. Fakkeenyaaf harka dhiigu yoo argatan summii gargaraa maddisisuun qaamni akka humni madiinummaasaa dadhabu godhu.

Gogaan qaama keenyaa ittisa dhukkubaa isa jalqabaati kanaaf fooxaarraa baakteeriyaa gara qaama keenyaatti darbuuf badaa yaadda'uu hin qabnu. Tahus fooxaa gogaadhaan qaama sukkumuu, riguufi qoorsuun hojii gogaa keenyaatti bu'uu danda'a.

Rakkoon inni guddaan kan uumamuu danda'u yeroo harka keenya of qoorsuuf fooxaa qaqqabeen funyaa, ijaafi afaan keenya tuqnu dha.

Kana jechuun fooxaa harka keenya qoorsuuf fayyadamnuuf xiyeeffannoo kennuu qabna. Kuuchinaa keessatti fooxaan saayinaa fa'i qoorsuuf itti fayyadamnus baakteeriyaa tamsaasuu danda'u.

Akka Iskoot jettuti infeekshiniin garaachaa baayyee baakteeriyaa fooxaa kuchinaa keessatti fayyadamnuun daddarbuu danda'a.

Vaayirasiin gariin haala kanaan daddarbuu baatullee vaayirasii mpox nama qabu wajjin fooxaa qooddachuun hin goorfamu.

Walumaagalatti garuu fooxaan hanguma yeroo dheeraaf fayyadamneefi jiidhin qabate mandhee lubbuu qabeenyyii shifii tahuun baakteeriyaan miidhaa qaban irratti wal-horuu malu.

Bakteeriyaan qoricha antibaayootikiidhaan hin duune MRSA jedhamu fooxaa qulqullina hin qabne fa'iin tamas'uu danda'a jetti Iskoot.

Yunivarsiitii Kaardiif'tti piroofeesara faarmaasiyutikaa maayikiroobaayolojist kan tahan Jiin Ivees fooxaa yeroo yerootti miicuun dhukkuba baakteeriyaan dhufu hir'isuu danda'a jedhan.

''Qulqullinni mana keessaa dhukkuba fayyisurra, ittisuu kan jedhuuf akka malee fayyada,'' jedhan.

Fooxaa keenya yeroo hangam hangamitti haa miccinu?

Iskoot torbeetti al-tokko jetti. Tahus kuni qajeelfama hin geeddaramne miti.

''Namni balaqqamuufi garaa kaasaa qabu mana keessa jira taanaan fooxaa mataa isaa qabaachuu qaba, kana malees guyyaa, guyyaatti miicamuu qaba. Yeroo rakkoon akkasii uumamu saaxilama fiduu danda'u wajjin ilaalamu qaba,'' jetti.

Qorannoon Hindii keessatti adeemsifame uummanni harka 20 tahan fooxaa isaanii torbeetti al lama miiccatu.

Saamunaan dhangala'oo baakteeriyaan huccuutti maxxanee akka hin hafne gochuurraan dabalataan vaayirasii humna dhorka.

Akka Iskoot jettutti fooxaan huccuu kaanirra bishaan ho'a 40-60c qabuufi yeroo dheeraaf miicamuu qaba.

Saamunaan dhangala'aa immoo baakteriyaan fooxaatti maxxanee akka hin hafne gargaara.

Qorannoon Hindiitti taasifame biraan fooxaa miicuuf bishaan qorraa fayyadamna taanaan inzaayimiifi barakinaa itti naquun baakteeriyaa ittisuu mala jedha. Akka goguuf aduurratti afuunis fangasiifi baakteeriyaa hir'isuuf mala gaarii dha jedhu qorattoonni damee kanaa.

Qulqullina mana keessaa eeguun fayyaa hawaasa hamma eeguti-akka talaallii jechuu dha. Gochaan fayyaa kee eeguuf manatti raawwattu namoota kaan eeguuf akkaan fayyada.