Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kalaqoota shan qulqullina eeggachuuf gargaaran
Bishaan qulqulluu fi eegumsi qulqullinaa namoota miliyoonaan lakkaa’aman Afrikaa keessa jiraataniif dhimma ijoodha.
BBC'n kalaqoota hawaasa adda addaa keessatti qormaata qulqullinaeeguu eeggachuurratti mudatu furuuf hojjechaa jiran qorateera.
Gabaasni kun maallaqa dhaabbata Biil & Melindaa Geetis irraa argameen qophaa’e.
Naajeeriyaatti boolla bishaanii annisaa aduutiin hojjetu
Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii akka ibsetti, addunyaatti namoonni biliyoona 2.2 bishaan dhugaatii qulqulluu hin argatan.
Bishaan dhugaatii qulqulluun fayidaa gama fayyaa fi dinagdee qabuun alatti bishaan qulqulluun walqixxummaa koorniyaa keessatti gahee olaanaa qaba.
Hawaasa hedduu keessatti bishaan waraabuun ijoollee durbaa fi dubartootarratti waan kufeef barnoota fi hojiirraa hafu.
Bishaan dhugaatii qulqulluu dhiyoo jiraachuun rakkoo kana salphisa.
Ogeessi ji’ooloojii Oniyadikachi Eretee, boolla bishaanii annisaa solaariin hojjetu hojjachuun jireenya hawaasa baadiyyaa Naayijeeriyaa jijjiiraa jira.
Naannoo humni ibsaa mi’aaye ykn hanqina qabutti boolli bishaanii annisaa solaariin hojjetu hanqina bishaan dhugaatiif furmaata waaraa ta’a.
Boolli bishaanii kaan jiraattota hanga kuma 20 tajaajila.
Pirojektichi ammallee sadarkaa jalqabbirra kan jiru yoo ta’u, lammiilee Naayijeeriyaa kuma 70 ol bishaan qulqulluu akka argatan gargaare.
Aappii dhangal’aa mana fincaanii dhabamsiisu
Magaalaa guddoo Yugaandaa Kaampaalaa keessatti manneen jireenyaa harki caalaan isaanii sirna balfi dhanga’a’aan bifa gurmaa’een itti gatamuun hin hojjatamne.
Garuu appiin 'Weyonje' jedhamu jiraattonni yeroo balfa mana fincaanii dhabamsiisu yeroo barbaadan konkolaataa balfa mana fincaanii dhabamsiisu waamu isaan tajaajila.
Konkolaataan kun dhangala’aa mana fincaanii gatuun jireenya hawaasaa wayyeessaa jira.
Aappichi kan tolche Unis Namirembe yoo ta'u, hojjataa bulchiinsa magaalattii keessatti dhimma fayyaa hawaasaarratti hojjetu.
Aappicha namoonni biroo fooyyeessuu akka danda’anitti hojjatame.
Maalaawwiitti dubartoota mana fincaanii gurmuun ijaaran
Lammiileen Maalaawwii baadiyyaa jiraaatan harki caalaan isaanii mana fincaanii qulqulluu hin qaban. Namoonni hedduun raasaa ykn bakkeetti fincaa’u.
Haalli kun naannoo faaluun, fayyaan jiraattota balaaf saaxila.
Hanqina mana fincaanii furuuf dubartoonni giddugala Maalaawwiitti gurmuudhaan mana fincaanii ijaaruu eegalan.
Dubartoonni maqaa ‘Tooma’ waldaa ijaarratanii kunneen xuubiirraa mana fincaanii dizaayinii addaan ijaaraa jiru.
Manni fincaanii kun mana jireenyaa fi madda bishaaniitti dhihoo waan ta’eef mana qulqulluudha.
Ijaarsi mana fincaanii kun dhibeewwan bishaaniin daddarban xiqqeessera.
Pilaastikii gatamanirraa meeshaa faaya miidhaginaa Gaanaatti hojjatame
Sababa jijjiirama haala qilleensaa baratamaatiin balaan lolaa hammaatera.
Magaalaa guddoo Gaanaa Akira bakka Doom jedhamutti bo’oon bishaanii cufame.
Bishaan, balfi fi xuraa'aan mana fincaanii mana jireenyaa namoota faalame.
Kanaaf sababni guddaan qaruraa pilaastikaati.
Dubartoonni Gaanaa qaruuraa pilaastika gara boorsaatti jijjiiran hojjatan.
Pirojektiin kun naannoo qulqulleessuu bira darbee dubartootaaf carraa hojii uume.
Pirojektiin kun kan jalqabame ALA bara 2019 yoo ta’u, Awuramaa Kenaatu hojii kana eegale.
Ruwaandaatti waldaa modasii dhiyeessu
Biyyoota Afrikaa hedduutti laguun akka qaaniiti ilaalama.
Akkasumas, adda baafamuu fida. Akka Baankiin Addunyaa jedhutti, Afrikaatti barattoonni dhibbeentaa 20 ta’an yeroo laguu eegumsa qulqullinaafi mijaa’ina qaamaa dhabuurraa mana barnootarraa hafuu, qormaata hin qoraman.
Mana barumsaa Ruwaandaa GS Nitarama jedhamu rakkoo kana furuuf hojjataa jira.
Kilabii WSH jedhamu hundeessuun diraamaa raadiyoo waa’ee laguurratti qopheessuun ifatti dhimma kanarratti mariyachuu jajjabeessaa jira.
Sagantaaleen barattoonni dubartootaa deeggarsa akka argatan, mana fincaanii haaraa, kutaa dhaqna fi siree qulqulluu akka qabatan gargaarera.