Bakkeewwan amantaa Gaazaa keesatti barbadaa'an meeqa?

Madda suuraa, Getty Images
Gaazan bakka bataskaanonniifi masjiidunni waggoota heddu lakkoofsisan keessatti argamaniidha. Haata'u garuu, hedduunsaanii haleellaa Israa'el gaggeessituun manca'uu jalaa hin oolle.
Erga warraanni Israa'eliifi Hamaas gidduutti ji'a onkoloolesaa keessa eegalee Gaazatti lakkoosa iddoowwan amantii miidhamanii ykn manca'anii BBC World Service adda baasaa ture.
Gaazexeessitoota Gaazadhaa gabaasan, miidiyaa hawaasaafi suura saatalayiitii fayyadamuun Onkoloolessaa hanga Muddeetti bakkeewwan sagadaa 117 miidhan irra gahuu ykn manca'uu odeeffateera.
Kanneen keessaa walakkaan kan miidhaman ykn manca'an masjiida 72 fi bataskaana 2 BBCn mirkanesseera. Hamaas garuu lakkoofsi mancaatii bakkeewwan sagadaa kanaan ol akka ta'e ibsa.
Erga waraanni eegalee masjiidonni 378 fi bataskaanonni 3 haleelamuu ibsa Hamaas.
Haata'u malee Waraanni Israa'el garuu milishoonni Hamaas bakkeewwan amantii akka iddoo baqaatti fayyadamuun rookkeettii achii dhukaasuuf itti dhimma baha jechuun himata.
'Bataskaanatti baqannees duuti nuuf hin oolle'

Madda suuraa, Marian Saba
Bataskaanni Qulqulluu Porfiiiwos Gaazaa keessatti hambaalee amantii bara durii keessaa tokkoodha. Kiristaanonni Gaazaa lakkoofsan muraasa ta'an bataskaana kana wajjin hidhata guddaa qabu. Osoo waraanni hin eegalin dura namoonni 1,000 ta'an bataskaana kana wajjin hidhata qabu.
Maariyaan Saabaa Kiristaanota Filisxeem keessaa tokko yoo taatu, yeroo waraanni eegalu namoota kaan wajjin lafa nagaadha jettee yaaddu bataskaanichatti baqachuun akka dahatan dubbatti. Garuu gaafa Onkoloolessa 19 waanti isheen yaaddee hin beekne mudate.
Misaa'elli waraanni Israa'el dhukaase gamoo Bataskaana Qulqulluu Porfiiiwos rukutuun namoonni 18 du'anii heddu ammoo madaa'an. Obboleessi ishee tokko ilmasaa gamoo jijjigu jalaa baraaruuf yeroo jedhu akka du'es himti.
"Waan baay'ee nama sodaachisu ture. Ani reeffa argee hin beekun ture," jechuun haala ture suukaneessaa ta'uu himti.
Raam Tazaarii guyyaa sana namoota bataskaanichatti baqatanii turan yoo ta'u, haleellan ture hamaa ta'uu hima.
"Namoota 16 kan qaamnisaanii ciccite baasne, namoota lama ammoo reffuma fayyaa baasne," jechuun taatee guyyaa sanaa yaadata.
Waraanni Israa'el gamoon bataskaana seena qabeessa ta'e kanaa garri tokko haleelamuu amananuun buufata ajajaa Hamaas cinaa bataskaanichaatii qabu haleeluu hime.

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akka seera idil-addunyaatti bakka amantii ykn gamoo hambaa amantii seena qabeessa ta'e haleelun yakka waraanati. Bakki amantaa kaayyoo waraanaf yoo dhimma itti bahame hanga hin taanetti jechuudha.
Viidiyoon Humni Waraana Israa'el miidiyaa hawaasummaarratti maxxanserraa erga haleellan gaggeeffamee loltoonni Israa'el bakkicha seenun Hamaas ulaa lafa jalaa achi jalaa akka qabu osoo agarsiisanuu mula'ata.
Viidiyoowwanifi suura miidiyaa hawaasarratti qoodamaa turan tokko tokkorratti ammoo loltoonni Israa'el bakka amantaa osoo isaan balfaniifi kabaja dhorkatanuu mul'ata.
Suurri miidiyaa hawaasaa X, kan duraan Tiwitara jedhamu, irratti qoodame tokko loltuun Israa'el tokko masjiida jige dura dhaabatee barreeffama afaan Hibruutin "manni qulqullummaa siriitti ijaarama" jedhu wajjin suura ka'ee mul'ata.
Waa'ee suura kanaa Humni Waraana Israa'el deebii akka kennu gaafatamee deebii hin laanne.
Yuunivarsiitii Kolleejjii Landanitti Inistiitiyuutii Arkiyolojiirraa Pirofeesar Joorjiyaa Andirewoo bakkeewwan amantii Gaazaa hambaalee seenaa ta'an manca'an barbaachisummaa seenaa guddaa akka qaban ibsu.
"Walitti dhufeenya uummanni kun bakkeewwan amantii kana wajjin uume gargar kutuuf waan kaayyefate fakkaata. Waan akkasii argee hin beeku," jedhu.
'Sagalee kadhannaa dhagahuun hawwe'

Madda suuraa, Getty Images
Masjiidonni Gaazaa keessatti argaman hedduunsaanii manca'aniiru. Musliimonni Gaazaa hedduun akka kiristaanonni bataskaanatti baqatan masjiidatti baqachuu hin filanne. Qe'eerraa buqqa'anii bakka biraa deemuu filataa jiru.
Buufata baqattootaa Kaan Yuunis keessatti masjiidi Kaliin Al-Rahman haleellaa qilleensarraan diigamuusaa BBCn mirkaneeffateera.
Renaad Alaa al-Bataa masjiida kana deemun Quraana Hafiiz gochaa [sammuutti qabataa] turte. Erga waraanni eegalee garuu deebitee hin beektu.

"Duraan waraanni Israa'el yoo hidhattoonni hin jirre masjiida baay'ee irratti hin xiyyeeeffatu. Amma garuu, masjiidota mimmiidhagoo qaranii nu guddisaniifi waa'ee amantii keenyaa nu barsiisan heddu balleessaniiru," jetti Renaad.
Yeroo torban tokkoof Gaazatti waraanni dhaabatee ture abbootin amantaa bakkuma masjiida Kaliin Al-Raahman jigee jirutti guyyaatti si'a shan saganni akka gaggeeffamu godhanii akka turaniifi waraanni deebi'ee gaafa eegalu abdiin isaan horatanii turan deebi'ee dukkanaa'uu himti.
Surawwaniifi viidiyoo miidiyaa hawaasarratti baay'ee qoodame keessaa tokko akkaataa itti masjiidi Kaliid bin Al-Waliid buufata baqattootaa Kaan Yuunis keessatti argamu itti diigameedha.
Viidiyoon masjiidi kun yeroo haleellaa Israa'elin jigu agarsiisu miidiyaa hawaasaa X gubbaatti si'a miliyeena 15 ilaalameera.
Kiriis Paartiriij xinxaalaa BBC'f dhimma meeshaalee waraanaa xiinxala. Akka inni jedhutti boombin qiyyaafatee samiirraa darbatame masjiidicha yeroo rukutuufi aarri lafaa samiitti ka'u agarsiisa.
Meeshan masjiidicha rukutuuf itti dhimma bahame itti yaadamee boombii qiyyaafannoo (guided bomb)dhaan ta'uu hima.

Madda suuraa, Marian Saba
Bakkeewwan amantii Gaazaa keessatti argaman akkuma haleelaman, lammiilee Filisxeem Gaazaa keessa jiraniif amantiin dawoo itti du'a jalaa baqataniif itti jajjabatan ta'eefira.
Maariyaan Saabaafi maatiinshee namoota 300 ta'an wajjin ammayyuu bataskaanuma Qulqulluu Porfiiiwos keessatti dahatanii jiru. Torban torbaniin kadhannaa godhamuun jajjabaatu.
Bataaskanichi haleelamee guyyaa 9ffatti intallishee cuuphamte. Gammachuu gaddaan makaati jechuun ibsiti haala ture.
Lammiilee Filsixeem Kaaba Gaazatii buqqa'anii kaampii daangaa Masarii ulaa Raafaa jiran keessa kan jirtu Renaad Alaa al-Bataa ammoo, masjiida Kaan Yuunis jirurraa fagaattetti.
Garuu Quraana dubbisuu hin dhaabne.












