Qondaalli Hamaas Libaanositti ajjeefame Saaleh al-Aruurii eenyu?

Madda suuraa, Getty Images
Saaleh al-Aruurii qondaala waraana fi siyaasaa Hamaas gameessa Libaaanoositti ajjeefame.
Aruuriin damee waraanaa Hamaas birgideeniin Izzedini al-Qasaam jedhamu akka hundaa’u gargaare.
Saaleh al-Aruuriin bara 1987 Hamaasitti dabalame, sana booda Hamaas Weest Baank keessatti akka humna horatu ykn socho’u gargaare.
Israa'el hogganaa Hamaas Beerutitti ajjeesuun haleellaa Libaaanoosirra qiyyaafate miti jette.
Diinonni Israa’el garuu ajjeechaa hogganaa Hamaasirra qaqqabeef ''Israa'el akka adaban'' akeekkachiisan.
Dubbi-himaan mootummaa Israa'el akka himetti, Saaleh al-Aruuri haleellaa hoggansa Hamaasirratti raawwatameen ajjeefame’’ jedhe.
Hamaas ajjeechaa ala-Aruuri balaaleffate, Hezbollaan ammoo haleellaa Israa'el birmadummaa Libaanos irratti qiyyaaafate jedhe.
Ministirri Muummee Libaanos gamasaaniitiin ‘’Israa’el Libaanos gara waraanatti nu harkisaa jirti ‘’ jechuun himatan.
Hogganaa ittaanaa damee siyaasaa Hamaas kan ta’e Aruuriin haleellaa dirooniin kibba Libanoositti raawwateen namoota jaha biroo wajjiin ajjeefamuu miidiyaaleen Libaanos gabaasaniiru.
Namoonni Aruuri wajjin ajjeeffaman kunneen lama gaggeessitoota waraaana yoo ta’an, afran isaaniimmoo miseensota Hamaas ta’uun ibsameera.
Aruurin gaggeessaa damee hidhannoo Qasaam Birgeed keessatti beekamu yoo ta’u, gaggeessaa Hamaas Ismaa’el Haniyeetti dhyeenya qaba.
Aruuriin hariiroo Hamaas fi Hezbollaa cimsuuf Beerut jiraata ture.
Dubbi-himaan mootummaa Israa’el Maark Regev Israa’el Aruuri ajjeesuu mirkaneessuurraa of qusatan.

Madda suuraa, Reuters
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Regev MSNBC’tti akkas jedhanii dubbatan: “Eenyullee yoo raawwate, kun haleellaa biyya Libaanosirratti raawwatame akka hin taane ifa ta’uu qaba.”
"Haleellaan kun dhaabbata shororkeessummaa Hezbollaarrattillee haleellaa qaqqabe miti" jedhan Regev.
"Eenyuuyyuu hoggansa Hamaas haleelu, kan kana raawwate Hamaas waliin gadoo qaba. Sun baay'ee ifaadha" jedhan.
Aruuriin nama ganna 57 yoo ta’u, haleellaa Onkoloolessa 7 hordofee Hamaas waliin Israa’el waraanatti erga seente as qondaala Hamaas olaanaa ajjeefamedha.
Onkoloooeessa 7, 2023 ture hidhattoonni Hamaas qawwee hidhatan hedduun Israa’el weeraruun hawaasa naannoo daangaa jiru haleeluun namoota gara 1,200 ta’an, kanneen irra caalaan isaanii lammiilee nagaa ajjeesan, namoota 240 ammoo butanii gara Gaazaatti fudhatan.
Israa’el haleellaa sana hordofuun haleellaa waraanaa banuun, Hamaas balleessuuf akka kaayyeffatte labsite.
Ergasii as haleellaa Israa’el Gaazaa irratti raawwateen lammiileen Filisxeem 22,000 ol ajjeefamaniiru.
Irra caalaan namoota ajeefamanii dubartootaa fi daa’imman jedha Ministeerri Fayyaa Gaazaa.
Hezbollaan yeroo waraana Gaazaatti rookkeetota hedduu Israa’elitti dhukaasuun, humnoota Israa’el waliin wal waraanaa jira.
Dhaabbanni oduu mootummaa Libaanos akka jedhetti, Aruuriin haleellaa diroonii Israa’el waajjira Hamaas kibba Beerut, naannoo Dahiyeh keessatti raawwatteen ajjeefamuu ibse.
Namni Israa’el ajjeefte kun eenyu?
Saaleh al-Aruurii qoondaala waraana fi siyaasaa Hamaas gameeyyii keessa tokkodha.
Aruuriin damee waraanaa Hamaas birgideeniin Izzedini al-Qasaam jedhamu akka hundaa’u gargaare.
Dhimmota waraana garee Hamaas keessatti sirriitti hirmaachaa ture.
Saaleh al-Aruuriin bara 1987 Hamaasitti dabalame, sana booda Hamaas Weest Baank keessa akka humna horatu ykn socho’u gargaare.
Aruuriin qondaaltota Hamaas Iraanii fi hidhattoota Hezboollaatti dhiyeenya cimaa qaban keessaa tokko.
Saaleh al-Aruurii mana hidhaa Israa’el keessatti hidhame, hiidharraa hiikame.
Mana hidhaarra erga gadhiifamee booda waliigaltee loltuu Israa’el Gilaad Shaalit bara 2011 gadhiisuuf Filisxeemoonni 1,000 ol gadhiisisuuf waliigachiisurratti hirmaatera.
Onkoloolessa 27, 2023 waraannii Israa’el manasaa Weest Baank, bakka Rahamaalaa cinatti argamtu Aruraa keessaa jalaa diiganii turan.
Xumuraratti Aruuriin Libaanos keessa otoo jiraatu ajjeefame.
Miidiyaaleen Libaanoos haleellaa diroonii Israa’eliin waajirasaa kibba Beerut, qarqara Dahiyeetti argamutti miseensota Hamaas jaha biroo wajjin ajjeefamuu gabaasan.
Qondaalli olaanaan Hamaas kun bakka Hezboollaan deeggarsa guddaa qabu kanatti ajjeeffamuun lola gaggeeffamaa jiru ittuu hammeessa jedhamee yaadda’ama.
Ministirri Muummee Libaanos Najib Mikatii ammoo ajjeechaa Aruuri yakka waraana haaraa Libaanos waraanatti galchuuf dalagame jedhanii ibsan.
Gareen hidhatootta Hezbollaa ammoo‘‘ haleellaa hamaa Libaanosi fi ummatashee, nageenya fi birmadummaa isheerratti qiyyaafate jechuun ‘‘yakka kanaaf adabbiifi deebii otoo hin kenniin bira hin tarru‘‘ jechuun akeekkachiseera.












