Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lolli lafoo Israa’el Gaazaatti gaggeessuuf jirtu attamiin deemuu danda’a?
Israa’eel haleellaa lafoo Gaazaa keessatti raawwachuuf of qopheessaa jirti.
Waraanni biyyattiis ummanni miilyoona 1.1 kaaba Gaazaatti argamu sa’aatii 24 keessatti gara kibba sululaatti akka baqatuu itti himeera.
Haaluma walfakkaatuun looltoota kuma kudhaniin lakkaa’aman, taankiiwwaniifi madfiiawwan qarqara daangaatti walitti qabaa jiru.
Garuu ammoo humnoota lafoo Gaazaa bakka namoonni baay'inaan keessa jiraataniitti erguun oppireeshinii waraanaa gaggeessuun balaan kan gutameedha.
Hangi haleellaa lafoo kanaas hanga ammaatti ifa miti. Waraanichi attamiifi yeroo meeqaaf tura?
Yoom eegalamu mala?
Tarkaanfiiwwan lola lafootiif barbaachisan eegalamaniiru.
Maajar Jeneraal Amoots Giliyaad, qondaala waraana Israa’el (IDF) kan oppireshiniiwwan duraanii Gaazaa keessatti hirmaate, hojiin dursaa Israa’el deeggarsa ummataa argachuuf mootummaa qindoomee hundeessuu ture jedhu.
Dhiheenya daawwannaan dippilomaatoota sadarkaa olaanaa qondaaltoota siyaasa US fi Awuurooppaaa, hanguma waraanni kun itti fufuun du’aatiin namoota nagaa dabaluun geeddaramu danda’ulleen, Israa’el deeggarsa idil-addunyaa akka argattu taasiseera.
Akkasumas duula waraanaa kamiittuu, waraanni Israa’el baayyeen yoo du’an murtee mataasaa qoruu mala.
Gama qophiiwwan waraanaatiin, Israa’el loltoota ishee daangaa Gaazaa irratti walitti qabdee jirti. Humna waraanaa dhaabbataa 160,000 alattis loltoonni eeggataa 300,000 qophii taasifamaniiru.
BBCn miseensoota humna eeggataa dhiheenya kibba qaqaban dubbiseera. Haamileensaanii kaka’aafi lolaaf qophaa’aa ta’uu dubbatu.
Niisiim yeroo jalqaba haleellaa Hamaas dhagahu Siriilaankaa keessa ture. Garuu garee isaatti makamuuf balaliinsa xiyyaaraa jalqabaatiin biyyatti deebi’e. ‘‘Kun mana keenya. Isaaf loluu qabna,’’ jedha.
Shukii battalumatti hojii gurgurtaasaa battalumatti dhaabe. ‘‘Nagaa osoo ta’e ni jaalanna ture,’’ jedha. ‘‘Akka carraa ta’e garuu sun ta’u hin dandeenye. Jireenyi nu gammachiisa, kanaafuu mirga jiraachuuf loluu qabna,’’ jedhe.
Israa’el tarkaanfichaaf jecha kan tokko taatee fakkaatti, garuu ammoo kanneen ajaja waraanaa eeggataa jiraniif sa’aatii lakkaa’aa jira. Loltoonni yeroo dheeraadhaaf ammoo haamileefi qophaa’umsa isaanii akka itti fufeetti eegsiisuun rakkisaadha.
Israa’el Filisxeemoota Gaazaa keessaa gara Kibbaatti akka baqatan akeekkachiisuun ishee oppireeshiniin waranaa marsaa itti aanuu dhiyaachu mul’isa.
Qophii haleellaadhaaf
Hojiin Israa’el itti aanu daangaa ofii kabachiisuu fi loltoota Hamaas daangaa qaxxaamuruun namoota 1,300 ajjeessuu fi yoo xinnaate 150 ta’an butanii deeman, ajjeessuu ykn to’achuufi qorachuu ta’a.
Israa’el walitti fufiinsaan hidhatawwaniifi bu’uuraalee waraana Hamaas irratti haleellaa qilleensaa raawwachaa jirti.
Guyyoota darban jahaniitti humni qilleensaa ishee boombiiwwan 6,000 Gaazaa irratti darbate. Wal bira madaalchisuuf, michoonni Nato tibba waraana Liibiyaa bara 2011 keessaa hundatti yeroo 7,700 darbatan.
Gaazaatti haleellaa qileensaatiin hanga ammatti namoonni 1,500 ol ajjeeffamaniiru.
Karoorri weerarichaa mataansaa icciitii haalaan eegamu ta’a, garuu ammoo Israa’el waggootaaf itti qophaa’aa turte.
Isheenis bakka kibba biyyattii Miinii-Gaazaa jedhamuutti baasii doolaara miiliyoonaatiin wiirtuu waraanaa magaalaa keessatti ijaaruun looltoota leenjiisaa turte.
Achiittiis attamiin akka gamoowwan baayyee walitti maxxananii jiraniifi ulaawwan, kan Hamaas 1,000 ijaaruun amanamuu keessatti loluun akka danda’amu leenjii’an.
Yaakov Kaats Gulaalaa duraanii Jerusalem Post fi waraana israa’elirratti kitaaboota hedduu kan barreesse, kaayyoo kana milkeessuuf waraanni, injinaroota taankootaa fi loltoota lafoo waliin hojjatan buldozaroota hidhannoo qaban dabalatee, birgeedoota addaa keessatti akka hojjataniif caaseeffamaniiru jedha.
Dirree waraana magaalaafi ulaawwan
Ajajaan duraanii Raayyaa Ittisa Israa’eliifi gorsaan Nageenya biyyaaleessaa, meejar Janaraal Yaakoov Amiidraal, Hamaas waraanuun cimaa ta’uu amanu. Hamaas eddoowwan seensaafi daandiiwwan dhiphoo irratti kiyyoowan haleellaa fi fanjiiwwan kaa’u mala.
Israa’el Hamaas loltotaa gara 30,000 akka qabu amana. Meeshaan waraanaasaanittis qawwee atomaatikii, boombiiwwan harkaa rookkeettiin dhokaafamaniifi misaa’eloota farra taankii, Korneet fi Faagoot kan jedhamaniif Raashiyaan omishaman keessatti argamu.
Hamaas ammalleen kutaa rookkeettii Israa’el irratti dhokaasaa ture qaba. Yaavok Kaatz akka jedhaniitti, Hamaas balaafamoo kan ta’an dabalatee, dirooniiwwan mataasaa xixiqaa oomishaa ture.
Akkasumas Hamaas dhiyeessii misaa’eloota saggeetti baatamuun samiitti dhaokaafaman muraasas qabaachu mala.
Kan isaan hin qabaannee akka Israa’eliitti konkoolaataa waraanaa, taankiiwwaniifi madfiidha.
Garuu ammoo wanti israa’eliif balaa ta’u, eddoowwan magaalaa baayyee walitti maxxananii jiran keessatti lola gaggeessuudha.
Israa'el garee injinaroota addaa Yaahaalom jedhamuu fi Okets kan lola ulaa keessatiin leenjii’an dabalatee, gareewwan ulaawwan keessatti loluu danda’na qabdi.
Obbo Kaatzi akka jedhaniitti, sababii Hamaas kana caalaa sirriitti beekuuf jecha, dirqama yoo itti ta’een alatti loltoonni Israa’el ulaawwan keessa seenuu dhiisuu danda’u. Isarra ulaawwan boombii itti roobsuudhaan barbadaa’u.
Carraa namoota butamanii
Carraan namoota Israa’elii butamanii haleellaa laffoo wal xaxaa taasisa. Meejar Janaraal Giiliyaad kanaan dura haala marii loltuu Israa’el, Gilaad Shaalit, kan Hamaasiin bara 2006-2011tti waggoota shaniif to’atamee ture, gadi dhiisiisuu keessatti hirmaatanii ture. Dhumarrattis, hidhamtoota Filisxeem 1,000 waliin wal jijjirame.
Meejar Janaraal Giiliyaad akka jedhaniitti, loltoonni carraa butamtootaa yaaduun wayita of eeggannoo taasisuu barbaadanitti ammo ‘‘waan qabatamaa tokkoo yoo goone malee, ofii keenya deebiifnee rakkoolee cimaa keessa galchina,’’ jedhan.
Haata’u malee, Meejar Janaraal Amiidroor kanneen butaman tarkaanfii kamuu hin dhorkan jedhu. ‘‘Hamaas hanga dhumaatti waraanuudhaan tibba oppireshinichaatti namoota butaman ni argina’’ jedhu.
Kaayyoon Israa’el maali?
Kaayyoon Israa’el ibsame Hamaas barbadeessuudha. Meejar Janaraal Giiliyaad kan waggoota 30’f raayyaa ittisa israa’el keessa tajaajilan, kan ammaa kun kan oppireshiniiwwan duraan israa’el Gaazaa keessatti gootee turteen addadha jedhu.
Ammatti, ‘‘waan adda ta’e tokko raawwachuutu nu barbaachisa’’ jedhan. Akka isaan amananiitti, tarkaanfii waraanaa cimaan diinoota Israa’el gara biraa naannichatti argaman, Heezboollaah fi Iraan illeen ni dhorka.
Obbo Kaatzi galmiiwwan Israa’el caalaa akka milkaa’an dubbattu. Kunis Hamaas deebii’ee Israa’el irratti haleellaa raawwachuuf dandeettii akka hin qabaannee gochuudha jedhu. Innis, ‘‘Israa’el deebiifte Gaazaa qabachuu hin barbaaddu. Ummata isheef diina ta’an miiliyoona lamaa kunuunsuu qabdi’’ jedhe.
Haata’u malees, seenaa dhiheenyaa irraa akka hubatamuutti, weerarri haaluma karoorfameen deemu muraasa.
Loltoonni addunyaarratti baayyee hammayyaa’an mataansaanii battalatti laaffiifamu danda’u. Mee Iraaqiifi Afgaan keessatti waan US mufateef Raashiyaa kan Yukireen keessatti mudate haa ilaallu.
Oppareeshiniin waraanaa Gaazaa keessaa, kan kiilomeetira 40 qofaa dheeratuu, waan guddaa miti. Garuu bu’aasaa tilmaamuu nama rakkisa, jedhu Leetinaant Janaraal Sar Toom Beekeet, Dhaabbata qorannoo Tarsimoo irraa.
‘‘Dhugaansaa lola lafoo Israa’el Gaazaa keessaatti filmaanni gaariin hin jiru. Hamaas akka dhaabbata waraanaatti injifachuuf oppireshiniichi hanga fe’e milkaa’aa ta’unsaa mirkanneeffamus, barbaachisummaa siyaasaa Hamaasiifi deeggarsi ummanni diddaaf qabu ittuma fufa.
"Israa’el Gaazaa to’achuuf deebiifte qabatti ykn lolaan booda keessa bahuudhaan ummata keessa jiraatuuf lafa deebiifte kenniti.