Paaraashuutiin WW2 kan Hamaas ittisa Israa'el ittiin cabsee seenee maali?

Hamaas Sambata darbe wayita Israa'el irratti haleellaa raawwatu loltoonni ittisa Israa'el cabsanii seenan paaraashuutii akkaan teeknooloojiin dabaalame fayyadaman.

Kutaan waraanaa Hamaas "Izz al-Din al-Qassam Brigades" damee waraanaa oppireeshinii Hamaas raawwataa jiruudha.

Dubbi himaan waraana Israa'el Richaard Hekt loltoonni Hamaas paaraashuutiidhaan (qilleensarraan), galaanarraa fi lafoodhaan irra dhangala'uu mirkaneessaniiru.

Birigeediin waraanaa Hamaas, Al-Qassam, wayita paaraashuutiidhaan qubatan suuraa fi viidiyoon mul'isu miidiyaa hawaasummaarratti guddoo qoodame.

Mala kanaan Israa'el yeroo weeraran kun seenaasaanii keessatti kan jalqabaati.

Hidhattoonni Filisxeem kunneen dallaa Gaazaa fi Israa'el gidduu jiru cabsanii kan seenan, qilleensarraan paaraashuutii keessa nama tokkoon yookiin lama ta'anii taa'uun heddummaatanii weeraruunidha.

Paaraashuutiin Hamaas fayyadame kunneen jenereetaraa fi akkuma helikooptaraa goflaa kan qabuudha, akkuma iddoowwan ulaa Gaazaa marsanii jiran ga'aniin bakka bakka qabatan.

Paaraashuutiin kunneen qilleensarraan daangaa adda waraanaa ce'uun diinarratti samiirraan dhukaasa roobsuuf gargaara.

Haleellaan paaraashuutii kun jalqaba Waraana Addunyaa Lammaffaarratti garee Jarmanii fi Michuuwwan isheen bobbaafamaniin hojiirra oole.

Tooftaan Hamaas Sambata darbe fayyadame kun oppireeshinii kanaan dura ajaja Adda Bilisummaa Filisxeem jalatti raawwatame kan hordofedha.

Oppireeshinii sana keessatti lammiileen Filisxeem lama, Siiriyaa tokko, Tuniiziyaa tokko hirmaataniiru.

Sadaasa 1987 Libaanon irraa xiyyaara boba'aa hin fayyadamnee fi salphaa ta'een ka'anii mooraa waraanaa Israa'el haleelan.

Haleellaa lafoo...

Loltoonni Hamaas paaraashuutii mootoraan deeggaramee fi gara fedhanitti oofuu danda'aniin waan bobba'aniif akka fedhanitti to'atanii bakka fedhan qubatan.

Achirraa lafoodhaan haleellaa guddaa geessisan.

Kanan jechuun hidhattoonni kunneen gaara osoo hin ba'in yookiin ammoo xiyyaara waraanaa irraa utaaluu osoo isaan hin gaafatin qilleensarraan imalaniiru jechuudha.

Mootorri paaraashuutii kanaa sa'atii tokkotti kiilomeetira 56 akka balali'u isa gargaara.

Lafarraa olka'iinsa meetira 5,000 irraa imaluu danda'a, akkasumas walitti fufuun sa'aatii sadiif qilleensarra imaluu danda'a.

Waan kiilogiraama 230 ulfaatu yookiin ulfaatina nama afuriitti shallagamu baachuu danda'a.

Meeshaan imala qilleensarraa bifa dibaabee qabu kun teessoo nama tokkoo fi teessoo biraa abbaa gommaa sadii nama lama qabachuu danda'u of keessaa qaba.

Viidiyoon miidiyaa ajaja waraanaa 'Izz al-Din al-Qassam Brigades' irratti ba'e wayita paaraashuutiin kunneen loltuu tokko yookiin loltoota lama qabatanii lafarraa ka'uun gara Israa'el qajeelan mul'iseera.

Viidiyoo biraan ammoo ennaa hidhattoonni qilleensarraa gadi dhukaasan mul'isa.

Hamaas garee paaraashuutiidhaan haleellaa akkanaa raawwatan kanaan 'Saqr Squadron' jedhaan.

Israa'el akkamiin paaraashuutii kunneen bira ga'uu dadhabde?

Viidiyoo karaa miidiyaa Hamaas darbe keessatti loltoonni paaraashuutiidhaan imalaa turan misaa'ela Ulaa Gaazaa irraa Israa'elitti ergaman jala bu'uun faana dhahaa balali'an.

Gariin gadi siqanii, kaan ammoo olka'iinsa guddaarratti samii keessa imaluun rookeetii dhuka'e dabaalaa turan.

Dhokatanii yookiin iccitiidhaan miti kan imalaa turan, maarree waraanni Israa'el maaliif kana bira ga'uu dadhabe?

Miidiyaan warra Israa'elis kana gaafatan.

Wayita daangaan isaanii cabuun diinaan weeraraman kana hunda humni waraanaa isaan ittiin dhaadatan eessa akka ture Israa'el ammallee hin ibsine.

Inumaa wayita loltoonni Hamaas paaraashuutii namni kamuu bilbila harkaan waraabuu danda'uun qilleensarraan daangaasaanii weeraran eessa akka turan ifa miti.

Humni ittisaa Israa'el teeknooloojii waraanaa gurguddaa meeshaalee teeknooloojii ammayyaa kanneen akka sirna ittisa haleellaa qilleensaa- Iron Dome fi Raadaar fayyadamuun jajamu.

Garuu meeshaalee xixiqqoo akkanaa bira ga'uu kan hin dandeenye ta'uu gabaasaaleen mul'isan jiru.

Teeknooloojiin ammayyaa haleellaa gurguddaa akkanaa biyyarratti ilaalu maali? gaaffii nama hedduuti.

Iccitii turee ba'u ta'a.

Hamaas rookeetii 5,000 Israa'elirratti dhukaasuu ajajaan Birigeedii waraanaa Hamaas, Al-Qassam, Mohammad Al-Deyiif ibsaniiru.

Hamaas rookeetii qofaan miti kan Israa'eliin rukute. Loltoota isaa lafoo, galaanarraa fi qilleensarraan (paaraashuutiidhaan) itti ramadee haleellaa dabalataa raawwate.

Loltoonni Hamaas paaraashuutiidhaan daangaa qilleensaa Israa'el cabsanii seenuun waraana daangaa darbee mudate kanaaf ka'umsa ta'eera.

Guyyaa jalqabaa Israa'el keessatti lammiilee nagaa fi loltoonni hedduutu dhuman.

Hidhattoonni Hamaas lammiilee Israa'el 100 caalan qabaniiru, ammallee hin gadhiisne.