Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Humnoonni nageenyaa lubbuu isaanii gabbaraa jiru—MM Abiy
Muumichi ministeeraa Itoophiyaa Dr. Abiy Ahimad walgahii idilee mana maree bakka bu'oota uummataa Kamisa (Adoolessa 7, 2022) gaggeeffame irratti gaaffilee miseensotaan dhiyaataniif deebii kennaniiru.
Ajjeechaa yeroo dhiyoo keessa Gaambeellaa, Oromiyaafi Beneshaangul Gumuz keessatti lammileen nagaa irratti raawwatame humnoonni nageenyaa itti-gaafatama isaanii bahachuu dhiisanii callisanii ilaalaa turan gaaffii jedhu dhiyaateef MM Abiy deebii kennaniiru.
“Humnoonni nageenyaa baayyeen lubbuu isaanii gabbaraa jiru,” kan jedhan Ministirri Muummee Abiy humnoonni nageenyaa sadarkaa gara garaa irra jiran miindaa xiqqaafi hgaala hin mijanne keessatti aarsaa kaffalaa jiru jedhan.
“Lammilee isaanii oolchuufi uummata isaanii waan jaallataniif aarsaa guddaa kaffalaa jiru,” jedhan MM Abiy.
Kanaaf ammoo akka fakkeenyaatti kan eeran, walitti bu’insa Daraasheetti tureen poolisoonniifi bulchitoonni naannawaa sanaa 80 ol ta’an du’aniiru, akkasumas naannoo Oromiyaa, Gaambeellaafi bakkawwan birootti humnoonni nageenyaa baayyeen ajjeefamaniiru jedhan.
Kana gochuu isaaniitiin ammoo lubbuu lammileen hedduu oolchuu akka danda’an dubbatan.
Ta’us Shanees ta’u humnoota shororokeessaa kamiyyu warra dhiiga namoota nagaa dhangalaasan dhabamsiisuudhaaf carraaqqii jalqabne yoo itti fufne ni badu jedhan.
Caasaan mootummaa haleellaa keessaa harka qabaa?
Haleellaa tibba kana naannoo Oromiyaatti qaqqabe keessatti namoonni caasaa mootummaa keessa jiran harka keessaa qabu kan jedhu qaamoleen gara garaa himannaa dhiyeessaniiru.
Miseensonni mana-maree tokko tokkos gaaffii kana kan kaasan yoo ta’u, MM Abiy caasaa mootummaa keessa namoonni bitaman jiru jechuun, “caasaa keessa rakkoon jira” jedhaniiru.
Kanaan dura caasaa mootummaa keessaa namoonni kuma 5 ta’an kan ari’aman, kan hidhaman jiraachuu eeruun hojii qulqulleessuu akka itti fufan dubbataniiru.
Ajjeechaa waggoota darban keessa raawwatamaniin walqabatee himannaawwan kuma 11 banamuus ibsaniiru.
Kanneen keessaa miidhaa ajjeechaa Artist Haacaaluu Hundeessaa hordofee qaqqabeen namoota kumaatamaan lakkaa’aman irratti himannaan banamee itti murtaa’eeras jedhan.
Ammatti, ‘‘Itoophiyaatti daldaltoota du’aatu bobba’ee jira’’ jedhan.
Akkasumas gaaffii haala haleellaa tibbana lammiileerratti raawwataman ilaalchisuun dhiyaateef, ‘‘Itoophiyaan ammaan dura nageenya keessoo ishee qofa osoo hin taane kutaawwan addunyaa biroottiyuu biyya nagaa kabachiisuuf hirmaachaa turte amma garuu daqiiqaa fi sa’aatiidhaan oduu gaddaa dhagahaa oolla’’ jedhan.
Gaaffii ‘mootummaanis hamma yoomiitti gadda kana dhagahaa tura?’ jedhuufis mootummaan hanga dhiigni lammii tokkootuu sababa hidhattoota kanaatiin dhangala’uun dhaabbatuutti tattaaffii taasisu itti fufa jedhan MM Abiy.
“Shororkeesitoonniifi hidhattoonni lammiilee nagaa ajjeesanii nuqoruu dandahu malee imala keenyarraa nudhaabuu hin danda’an. Mootummaas balaawwan akka kanaa yeroo mudataniitti callisee akka ilaaleetii fudhatamuu hin qabu. Mootummaana waan kana dhaabuuf waan danda’u hunda gochaa jira” jedhan.
‘‘Guyyaa guyyaadhaan poolisiin ni du’a, loltuun ni du’u’’ jechuun, Daraashee, Gaambeellaa, Amuruuttii fi Dambidoollootti qaamoleen nageenyaa ajjeefamusaanii akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Qaamooleen nageenyaa lubbuusaanii wareeganii lubbuu namoota nagaa tiksaa jirus jedhan.
‘‘Qaamoleen nageenyaa lubbuu isaanii wareeganii nageenya lammiilee kabachiisan kunneen faayidaa addaa argatanii osoo hin taane aarsaa lammii isaanii tiksuuf kanfalan waan ta’eef kabajatu malaaf’’ jedhan.
Dhimma Shororkeessummaa
Shororkeessummaa gama ilaaluun ammoo, shorokeessummaan yeroo ammaa guutuu addunyaatti qorumsa cimaadha malee addatti Itoophiyaa qofatti waan raawwatamaa jiru akka hin taanes eeran.
“Bara 2020 keessa Ameerikaatti namoonni kuma 20 caalan shororkeessitootaan ajjeefamaniiru. Ji’oota jahan darban qofa Loos Aanjelesitti namoonni 172 ajjeefamaniiiru. Kutaalee kaanittis akkanuma. Ameerikaatti ji’oota jahan darban namoota kumaatamaan lakkaa’aman shororkeesitootan ajjeefamaniiru. Kanaaf dhimmichi rakkoo addunyaati,” jedhan.
Shororkeesummaan wanta adda ta’eefi Itoophiyaa qofatti qaamoleen nageenyaa Itoophiyaa qofti ittisuu dadhaban qofa godhanii ilaaluun hin barbaachisu, kan jedhan MM Abiy, ‘‘shororkeessummaa saba wajjin walqabsiisanii ilaalunis sirrii miti. Alshabaab yoo fudhattan gara caalu kan ajjeese Somaaloota” jedhan.
Shoroorkeessitoonni akka Shanee fi qaamoleen shororkaa biroo ofii isaaniitii miilaa fi sammuu hin qaban, gaafa qaamni wayii miila kennuuf deemanii miidhaa geessisu jedhan Ministirri Muummee Abiy Ahimad.
“Namoota nagaa ajjeessuun bu’aa siyaasaa argamsiisu hin qabu garuu amala shororkeesitootaati. Nama nagaa ajjeesuun garuu karaa kamiinuu fudhatama hin qabu” jedhan.
Mootummaan lammiilee caalaa odeeffannoo shororkeesitootaa dursee argata kan jedhan Dr. Abiy, fedhiin shororkeesitootaa akka hin milkoofneef ammo uummanni mootummaa wajjin qindoomee biyya baraaruu qaba jedhan.
“Torbee tokko kana keessatti si’a jahaa oli shororkaa uumuuf yaaliin taasifamee fashalaa’eera. Namoota bifa addaa qaban osoo hin taane warruma nufakkaatu, kanneenuma afaanuma keenya dubbatutu rakkoo geessisa. Nuti loltuu miiliyoona 100 hin qabnu waan ta’eef nama hundaaf loltuu ramadnee eeguu hin dandeenyu. Gaafa asiin eegnu achiin balaan gaha” jedhan.
Haata’u malee qorumsawwan Itoophiyaa kallattiin ittiin hubatamu adda adda ta’uun rakkoo amma keessa jirru daran hammeesseeras jedhan.
Itoophiyaa irratti waraana odeeffannootu adeemsifamaa jira kan jedhan MM Abiy, Itoophiyaan ammatti humna qabduun waraana odeeffannoo kana guutumaan guututti ittisuu hin dandeechu jedhan.
“Waraani saayiberii fi dippiloomaasii dabalaa jira. Ergamtoota miila hin qabnetu dabalaa jiru. Isaanis warr ergamanii maatiisaanii, lammiisaanii warra ajjeesani. Oromoo fi Amaara hamma danda’an wal ficisiisuu, Amaaraa ofumasaan walficisiisuu, Oromoos wal ficisiisuu akkaasumas amantiidhaan walitti buusuuf adeemaa jira” jedhan.
Ergamtoonni kunneen hojii ergamaa hanga amma adeemsisaniin Itoophiyaa diiguun hin danda’amne kan jedhan Abiy, biyyi kamuu Itoophiyaa wajjin wal waraanee Itoophiyaa diiguu hin danda’u jedhan. Hammam waraana dinagdee fi ergamtootaan raawwatanilleen Itoophiyaa diiguu hin dandeenye. Kana yoo jennu callisanii taa’u jechuu miti. Balballi banaan keenya baayyeedha. Nu ajjeessu, numadeessuu danda’u garuu nun diigan” jedhan.
‘‘Yeroo ammaa kana daldaltoota du’aatu Itoophiyaa keessatti bobba’ee jira. Baandaan shanee qofa osoo hin taane Finfinnee keessas kan mandheeffate jiras jiru’’ jedhan MM Abiy.
Furmaanni maalii?
Rakkoolee amma Itoophiyaa keessatti mul’atan kanaaf furmaani ijoon qaamolee olaantummaa seeraa mirkaneessan cimsuudha jedhan MM Abiy. Finfinnee irratti ammallee taanaan fedhiin shororkaa olaanan jiraachuus himan. ‘‘Guyyaa guyyaadhaan namoota to’achaa jirra. Dheengadda kana Laga Xaafootti namoota 55 too’annee jirra. Mana nama hundaa irratti eegumsa ramadnee osoo eegnee nutti tola garuu hin dandeenyu,” jedhan.
Rakkoo nageenyaa biyyattii keessatti mul’achaa jiru furuufis tarsiimoo too’achuu, hordoffii gochuu, eeguufi qophaa’ummaatin hojjechaa jiraachuu eeran.
Rakkoon keessoo jiru, duulli miidiyaa, baandaawwan qorumsawwan amma Itoophiyaa hudhanii qaban ta’uus himan.
“Guuyyaa guyyaadhaan waraanamaa, guyyaa guyyaadhaan ajjeefamaa guyyaa guyyaadhaan jabaachaa deemne. Mootummaan Itoophiyaa cichoomina kan qabu akka ta’ee fi mirqaanaa fi oduudhaan kan diigamu miti. Hanga aarsaa lubbuu kanfaluutti kan deemnu waan ta’eef nuqoru malee nun dhaaban” jedhan.
Iyyi dhiiga lammiilee nagaa hirriba kan nama dhoorku ta’ulleen dhumarratti ni moo’anna jedhan MM Abiy Ahimad.
“Yoo dandeessan lammiileen, imala Itoophiyaan gara gaaraatti gotu gargaaraa. Yoo isa gochuu dadhabdan ammoo akka duubatti hin sololaanne godhaa. Isas yoo dadhabdan ammoo akka duubatti deebinu nun godhinaa” jechuun lammiileef waamicha godhan.
‘Shanee balaalefachuuratti ni komatamtu’
Gaaffii mana marichaa Shanee balaaleeffachuu irratti ni komatamni jechuun kaasaniifis akaksiin deebiisan.
“Miseensi mana marii akkamitti jette jettee odeessa? Bakki kuni bakka guddaadha. Sinirraa hin eegamu. Shanee shororkeessaa jedhee kan labse miseensota mana marii ammaan dura turanidha. Dura shaneen shororkeessaadha jedhee kan labse nu’i. Shanee wajjin guyyaa guyyaadhaan aarsaa kan kaffalaa kan jiru nu’i,” jedhan.
“Shaneen Oromoodha jettanii gadi qabdanii hin ilaalina. Shaneen diina Oromoo ijoodha. Achitti kan walitti qabamu Oromoo qofa osoo hin taane hamoowwan Itoophiyaa diigantu bakka sanatti walitti qabama,” jedhan.
“Shaneen bineensota eenyuufuu duubatti hin deebinedha. Maalif akkas bineensa ta’an kan jedhu qorannoo barbaada. Galma siyaasaa garuu hin qaban, kaayyoo biyya bulchuus hin qaban. Kaayyoon isaanii biyya diiguudha” jedhan.
MM Abiy akkasiin garee hidhattootaa ofiisaaniin Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) jechuun of waanan garuu kan motummaan Shanee jedhuun kunneenis haleellwwan dhiheenya kana raawwataman lamaan dabalatee himannaawwan namoota nagaa ajjeessuun irratti dhiyaatu ni hin fudhatan. Siriiyyuu qorannoon qaama walabaatiin akka gaggeeffamuuf waamicha dhiyeessu.
Wallaggatti gaggeesitoonni aanaa fi godina dhibbaan lakkaa’aman akka ajjeefamanis himan. “Nuti gosummaa fi mandaraa oli. Nuti Itoophiyaanota. Akka Shaneenis, Shanee inni kaanis nuhamatu miti,” jechuun ilaalcha namoonni gaggeesitoota olaanoo Shanee wajjin walqabsiisuun yaadama sanyummaa oofan jedhan balaaleffatan.
Mootummaa ce’umsaa kan ilaaleenis dhimmi mootummaa ce’umsaa bara Hayilesillaasee irraa jalqabee kan ture ‘Oduu duriiti’ jedhan.
Marii TPLF waliin gaggeeffamuuf jirurratti
Marii TPLF waliinii irrattis murtiin kamuu kan murteeffamu fedhii biyyaa giddugaleessa godhachuun akka ta’e kaasan MM Abiy.
“Nuti mariidhaa fi nagaadhaaf dursa kennina. Marichi ni milkaa’amoo hin milkaa’uun waan fuulduratti ilalaamu taha. Uummanni Itoophiyaa gaafachuu kan qabu yoo mootummaan fedhii biyyaa dabarsee kennee marii taasiseedha. Faayidaa biyyaa hanga hin miinetti mariidhaaf carraa kennuun badaa miti” jedhan.
Qulqullina barnootaa kan ilaaleenis “qorumsa kennuu guutumaatti dijitaalaawaa gochuuf yaalamee ture. barattoota heddu waan qorruuf jecha laaptoppii gahaa hin arganne. Yoo nuuf qaqqabe dhiheessinee qorra. Yoo nuuf qaqabuu dadhaabe karaa ittiin too’annu kan biraa uumna” jedhan.
Barumsa siyaasa wajjin walqabsiisuunis ilaalcha hamaa furamuu qabu akka ta’e akeekan.
Namni osoo du’uu biqltuu dhaabamuu hin qabu kan jedhu ‘diina keenya’ jedhan Dr. Abiy. Kanaafis namni hundi ganna kana biqiltuu dhaabuu irratti akka hirmaatu waamicha dhiheessaan.