Hogganaan kiriptookaransii maallaqa waliin dhahuun hidhaa waggaa 11,196'n adabame

Lammiin Turkii kiriiptookaransii Toodeeks jedhamu hogganaa ture akkasumas obbolooti isaa lama maallaqa waliin dhahuun himataman hidhaa waggaa 11,196'n adabaman.

Obboloonni kunneen invastaroota gowwomsuun doolaara miiliyoonaan lakkaawwamu fudhachuu isaaniin tokkoon tokkoo isaaniirratti hidhaan kuni kan murtaa'e

Faaruuk Faatiih Ozeer nama ganna 29 yoo tahu bara 2021tti ture sharafni Toodeeksii isa jalaa kufnaan gara Albeeniyaatti bade.

Waxabajjii darbe gara Turkiitti deebifamuun,daddabarsa maallaqaa seeraan alaa, waliin dhahuu fi yakka qindaa'e dalaguun balleessaa dha jedhame.

Ozeer otoo kaayyoon isaa yakka hojjechuu tahee,''akkantti hojii ijoollee hin dalagu ture,'' jechuun dhaddachatti himuusaa miidiyaan biyya keessaa katabeera.

''Dhaabbata Lafa kanarra jiru kamiyyuu hogganuuf cimina qaba,'' jechuusaa miidiyaan Anaaduluu gabaaseera.

''Kana gochuu akkaan danda'u immoo dhaabbatni waggaa 22tti dhaabe ragaa dha,'' jedheera.

Dadhaddachi magaalaa Istaanbulitti taa'ee obboleettiisaa Seeraap fi obboleessa isaa Juvan himannaadhuma wal-fakkaataan balleessaa dha jedheeraanii.

Dhaabileen miidiyaa Turkii himatamtoonni yakka garagaraa namoota 2,027 irratti raawwataniin hidhaan qofa qofatti irratti muramee jedhan.

Turkiitti adabbiin du'aa bara 2004 erga hafeen booda adabbii hidhaa waggoota baayyee kennuun waan barame dha.

Lallabaan barsiisa dogoggoraa Adinaan Adnaan Oktaar bara 2022tti yakka saal-quunnamtiifi waliindhahuutiin hidhaan waggaa 8,658 irratti murameera, duukaa buutonnisaa kudhanis adabbiin wal fakkaataa kennameeraafi.

Abboitiin alangaa Ozeer hidhaa waggaa 40,562'n akka adabamu gaafachuu AFP'n gabaaseera.

Lammiileen Tarkii gatiin maallaqaa biyyattii liraa waggaa lamaa as kufnaan kiriiptookaransii fayyadamuu jalqabuu himu.

Toodeks maallaqa sharafu bara 2017 kan dhaabe yoo tahu, jijjiirraa maallaqaa onlaayinii isa guddaas tahee ture.

Ozeer hojii maallaqaa kanaan Turkii keessatti maqaa guddaa argate, namoota mootummaa deeggaranittis dhiyaachuun dhaabotatti harka diriirsuu jalqabe.

Haa tahu malee wal-tajjiin onlaayinaa sharafni irratti adeemsifamu kuni bara 2021tti bittinnaa'uu jalqabe. Qabeenyi invastarootaa achi buuteen dhabame, Ozeer dhokachuu jalqabe.

Bara darbe ajaja Intarpool irraa itti baheen adeemsa dheeraan booda Albeeniyaattii kan inni qabame.

Miidiyaaleen Turkii kanaan dura Ozeer qabeenya maallaqa doolaara biiliyoona 2 tahu wajjin baduu himaa turan.

Haa tahu malee himanni abbootii alangaa qarshiin Toodeksiin badee maallaqa Turkii liraa miiliyoona 356 dha jedhu.

Yeroo waltajjiin onlaayinii qarshii sharafu kuni kufu hammi qabeenyaa ture doolaara miiliyoona 43tti tilmaamama.

Yeroo ammaa kanatti sababa qaala'insaafi gatiin liraa kufuurraaan kan ka'e qarshiin suni doolaara miiliyoona 13 baasa.