Sababiiwwan dafqa keenya jaalachuu qabnuuf

Madda suuraa, Getty Images
Dafqi taatee uumamaa qaama keenyaaf murteessoo tahan keessaa isa tokko dha. Nama gariinitti immoo dafqi akka malee itti baay’ata.
Foolii nama dafqa qaburraa nutti dhufus ni balfina. Tahus dafqi waan to’achuu hin dandeenye dha.
Qaamni keenya qajeelfama ‘of qabbaneessi’ jedhu yoo fudhatu dafquu jalqabna. Kanas karaa kamiiniyyuu dhaabsisuu hin dandeenyu.
Namoonni yeroo dafqan namatti siquufi of dhiyeessuu yerootti qaanfatan ykn yaadda’aniitu jira.
Baayolojistoonni jijjiirama tirannaa (evolution) qo’atan, dafquun ‘jabina olaanaa’ dhala namaatii jedhu.
Qaamni keenya ho’a cimaa to’achuu dadhabuun akka hin duune kan nu godhu dafquu keenya dha.
Saaraa Evertas kitaaba ‘Joy of Sweating’ (Gammachuu dafqaa) jedhu barreessiteetti.
Dafqa akka waan namatti hin toletti ilaaluu keenya hir’isne, faayidaa jiraachuu keenyaaf qabu dinqisiifachuu qabna jetti.
Dafqa keenya maaliif jaalachuu akka qabnu
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Namoonni tokko warra kaan caalaa kan dafqan sanyiin maatiirraa waan dhaalaniifi akkasumas sababa dhiibbaa naannoo isaaniitiini.
Xannachoota dafqa burqisiisan miiliyoona lamaa hanga shanii tahan qaama keenyarraa qabna jetti Saaraan.
Xannachoota kunneen hunda wajjin dhalanneetu guddanna.
Haa tahu malee hamma miilaan dhaabannee deemuu jalqabnutti hojii hin jalqabani.
‘’Yeroo kanatti qaamni keenya naannoo wajjin wal-baruudhaan akkatti hamma dafqa keenyaa sirreessuun nu qabbaneessu barata,’’ jetti.
Waan gaariin qaamni keenya hamma itti dafqinuu sirreeffachuu barachuu danda’a.
‘’Fakkeenyaaf atileetonni kana gochuu danda’u, qaama isaanii irra deddeebiin hammuma leenjisan, daddafanii dafquu jalqabu,’’ kana jechuun qaamni keenya haala qilleensaa ho’aatti of madaqsa jechuu dha jetti.
Kana malees jijjiirama qilleensaa pilaaneetiin keenya keessa darbaa jirtu kanaan, ‘’dafquu keenya tahuu mala kan lubbuun nu jiraachisaa jiru,’’ jetti Saaraan.
Kanaaf sababoota kaan yoo dhiisnellee isa kanaaf dafquu keenya dinqisiifachuu qabna.
Bineensonni gogaa rifeensa qabu qaban of jiraachisuuf guyyuu nu caalaa fiigicha adamoo irratti dabarsanillee karaa biraatiini kan isaan qaama isaanii qabbaneessan.
Nuti garuu caasaa qaama alaa, irraa dafqi keenyi bahu guddaa gatii qabnuuf of qabbaneessuuf walitti fufinsaan ni dafqinaa, qaama keenya irraas hurki baha jetti barreessituun kuni.
Fiiguu keenya itti fufuun, wayii bira gahuu dandeenya, kunis akka dhala namaatti jireenya bara durii akka dandamannuufi addunyyaa uumamaa akka irra aannu nu gargaareera.
Mala bineensoti biroo itti of qabbaneessan yoo ilaalle dafquun waan badaa miti.
‘’Saree dabalateee hoosiftoonni baayyee arraba isaanii baasuun hancuufa isaaniin ho’a qaama isaanii keessaa hurkisiisu,’’ jetti.
Kaangaaruuwwaniifi adurreen immoo of arraabuun of qabaneessu, gosti hoosiftuu bishaan keessaa ‘Siil’ jedhaman immoo ofirratti fincaa’u, booyyeen immoo dhoqqeerra gangalachuun ho’a ofirraa yaasa jechuun ibsiti.
Yaadi dogoggoraa waa’ee dafqaa jiru tokko, ‘’qaama keenya keessaa waan summaa’aa yaasa,’’ kan jedhu dha.
‘’Dafqi kan burqu kutaa dhiigaa bishaan qabu keessaati, haala kanaan waan summaa’aa yaasna taanaan dhangala’aa dhiiga keessa jiru hunda hurkisiisuun, dheebuudhaan duuna jechuu dha,’’ jetti.
Qaamni keenya caasaa of eeggannoon waa dalagu gatii taheef, dhiiga keenya kalee keessatti calaluun waan summaa’aa qaama keenyaa fincaaniin gadi-baasa.

Madda suuraa, Getty Images
‘Yaaddoon keenyi guddaa dafqi foolii badaa qabaachuusaati’
Akka Saaraan jettutti xannacha dafqaa gosa lama qabna. Inni jaqabaa dafqa dhangala’aa, ashabaawoo fi jijjirama tirannaan fudhanne dha. Innis ho’a qaama keenya bifa hurkaan gara atimoosfeeriitti dabala.
Lammaffaan yeroo saalfattootti isa karaa bobaa keenyaa bahu jalqabu dha jetti Saaraan.
Dafqi karaa bobaa keenyaa bahu kuni yeroo jalqaba bahu, ‘’foolii badaa’’ akka hin qabne himti.
Inumaa baakteeriyaa qaama keenyarra jiraatantu dafqa kana nyaachuun akka foolii qabaatu godha.
Fooliin kunis namaa, namatti adda adda tahuu mala jechuun ibsiti.
Dhaaboti shittoo foolii kana balleessuuf hojeettanis daldaloota doolaara miiliyoonaan buufatani dha.
Kana malees fooliin qaama keenyaa dafqa keenyarraa dhufu qorannoo yakkaa keessattis ni gargaara.
Ashaaraan quba keenyaan odeeffannoo yakkaaf kenninu keessaa dafqi keenya jira. ‘’Dafqa sanarraa mallattoo namni yakkarra ture sun kaansarii qabamoo hin qabu kan jedhu baruun danda’ama,’’ jetti.
Yeroo teeknolojiin guddachaa deemu dhimmi dafqa keenyaa gaaffii mateenyaa fiduu mala.
‘’Fakkeenyaaf hojjechisaan kee barcuma teessurra dhaqee samuuda dafqa kee fudhachuun dhugdee dhufteettaa siin jechuu fa’a danda’a, dhaabbanni wabii fayyaa(insurance) sii kennu dafqa kee dubbisuun dhukkuba akkasii qabda wabii sii hin kenninu jechuu danda’a, ‘’ jetti.
Dimshaashatti dafqi nu qabbaneessu kuni teeknolojiin deeggaramee icciitii keenya saaxilu mala, dhugaa akka dubbanus taasisuus mala jetti.












