Cileen ilkaan ni addeessaa?

Madda suuraa, Getty Images
Saamunaawwan ilkaanii cilee yookiin kasalarraa hojjetaman ilkaan adeessu inni jedhamu mala daldalaati malee oomishoota kana fayyadamuun inummaayyu ilkaan tortorsa jedha barreefamni baruullee British Dental Journal irratti bahe.
Oomishni cilee kuni beekamaa haa dhufuyyuu malee, of keessatti filooraayidii waan hin qabanneef ilkaan tortoruu irraa hin eegu.
Inni ilkaan addeessa jedhamus ragaa saayinsii hin qabu jedha barreefamichi.
Akka malee isaan riguunis miidhaa malee waan dabalu hin qabu.
Namoonni ilkaan addeeffachuu yoo barbaadan hakiima ilkaanii mariisisuu qabu.
Saamunaa ilkaanii guyyuu isa filooraayidii fayyadamuu wayyas jedha barreefamichi.
Cileen Giriikitti yeroo jalqabaaf xurii ilkaanii, foolii badaa irga dhibamerraa balleessuuf faayidaarra oole.
Oomishichi erga namooti beekamoon itti fayyadamuu jalqabanii babala'ate.
Garuu bara 2017tti qorannoon oomishoota 50 irratti taasifame kana hin mirkaneessu.
Namooti tokko tokko baakteeriyaafi fangasii ballessuun ilkaan addeessa achumaan tortoruu ilkaanii hir'isa jedhu.

Madda suuraa, Getty Images
''Yeroo dheeraaf fayyadamuun immoo namoota ilkaan guuchisaniif, keessa gatii jalaa galuuf keessaa baasuun isaan rakkisa.'' jedhu barreessaan gargaaraa qorannoo kanaa Dr Greenwall-Cohen
''Cileen kuni irgaafi ilkaan qixxa lamaanitti hafuun madaa uumuu danda'a.''
Saamunaawwan ilkaanii warra kaan irraayyuu inaameelii fi irga miidha jedhan barreesichi.
Qabiyyeeensaas daakuu cilee qulqullaa'ee dha malee waan ilkaan eegu hin qabu.
Piroofeesar Daameen Waamzleey Waldaa Hakiimoota Ilkaanii irraa: ''saamunaan ilkaanii cilee irraa hojjetamuu kolfa bareedaa namaa kenna jedhanii yaaduun''
Barreefamichi ''waan jamaan yaa'uuf waliin hin yaa'iinaa hakiima ilakaanii haasofsiisaa'' jedhu













